Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
ONLF maaliif filannoo naannoo Somaalii keessaa of baase?
Filannoo biyyalessaa marsaa 6ffaa dheereffamee naannoo Somaalii keessatti A.L.I Fulbaana 20 adeemsifamuuf jiru keessaa of baasuu isaa Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen /ONLF/ beeksise.
Murtee kanaaf kan isa gahe galmee filattootaafi rakkoolee kaan ilaalchisee komiin Boordii Filannoo Itoophiyaaf dhiyeessee ture furmataa argachuu dhabuu akka ta’e paartichi beeksiseera.
Koreen hoji raawwachiiftuu paartichaa walgahii magaalaa Jigjigaatti Qaammee 2-5, akkasumas Fulbaana 7 taa’een booda murtee kana murteessu itti gaafatamaan waajjira paartichaa damee Finfinnee Obbo Ahimad Abdullaahi BBC’tti himaniiru.
Galmee filattootaa waliin wal qabatee rakkoon akka jiru kan hime paartichi, kaardiin filattootaa kan hirame uummataaf osoo hin taane, deeggartootaa fi dabballee paartii biyya bulchaa jiruufi jedha.
Kanaa ragaalee adda addaan deeggaranii Boordii Filannoof dhiyeessuu himu Obbo Ahimad.
Boordiin filannoo koree galmee filattootaa qulqulleessu ijaaree gara naannichaa ergee ture. Haata’u malee koreen kun bakkoota murtaa’am qofatti galmeen filattootaa akka irra deebi’amu murteesse.
“Boordiin filannoo furmaata rakkoo jiruuf gahaa ta’e hin murteessine. Iyyannoo hedduu ragaa waliin dhiyeessine garuu furmaata hin arganne” jedhan Obbo Ahimad.
Paartichi ibsa baaseen naannoo Somaalii keessatti haal-dureewwan filannoo bilisaa fi haqa qabeessa gochuuf guutamuu qaban hin guutamne jedhe.
ONLF paartilee mormituu gurguddoo filannoo bara kanaa dursanii keessaa of baasan isa sadaffaadha.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa naannolee Itoophiyaa kaan keessatti Waxabajjii 21 gaggeeffamee keessa paartileen naannoo Oromiyaa lama dursanii keessaa of baasan.
Paartileen kunneen filannichi haqa qabeessa miti jedhanii keessaa of haa baasan malee mootummaan ‘filannoo haqa qabeessaa fi bilisa seenaa Itoophiyaa keessatti mul’atee hin beekne’ jechuun filannicha jaja.
Boordiin filannoo rakkoo galmee filattootaa fi kaan filannoo waliin wal qabatan naannoo Somaali keessatti uumame hordofuun ture baatilee sadiif filannicha kan dheeresse.
“Filannichi ji’a sadiif dheeressuun uummata keessatti abdii horee turus, boordiin filannoo hannaa fi waliin dhahuu ture dhaabsisuu dhabuu isaatiin abdiin kun fashaleera” jedhe ONLF.
Paartichi qabsoo hidhannoo kan adda kutee karaa nagaa fi diimokiraatawaa mirga uummata Somaalii kabachiisuuf ture jedha, Haata’u malee dirqamee filannoo keessaa bahuutti gadduu hima.
ONLF fi paartilee mormituu kaan galmee kaadhimamtootaa danquu, miseensotaa fi kaadhimamtoota haleeluu fi doorsisuu akkasumas galmeen filattootaa sirnaawaa dhabamuu isaatiin paartichi dhumarratti filannoo keessaa of baasuuf dirqameera jedhe ibsa baaseen.
Naannoo Somaalee keessatti dirreen siyaasaa daranuu dhiphachuu kan himan Obbo Ahimad, kaadhimamtoonni hidhamuu fi akka hin galmoofne godhamuun jiraachuu himu.
Isaan qofa osoo hin taane paartileen mormituu naannicha keessatti dorgoman akka IZEEMAA fi paartileen biroo lama filannoo keessaa dursanii of baasuu himaniiru.
Paartileen kunneenis komii dhiyeeffatanii furmaata dhabnaan filannicha keessaa of baasani jedhan.
Guyyoota 10 hafan keessatti wanti sirratee filannootti isaan deebisu uumamuu akka hin dandeenyes himan Obbo Ahimad.
Mootummaa fi paartii naannoo Somaalii bulchu jidduu garaagarummaan dhabamuun rakkinicha hammeesseera jedhan.
Fuula duraaf karaa nagaa qabsaa’uu akka itti fufuu fi marii biyyaalessaa keessatti qooda akka fudhatanis himaniiru.