‘Filannoo keessaa bahuun ONLF adeemsaa fi bu'aarratti jijjiirama hin fidu’ Boordii Filannoo

Filannoo keessaa bahuun Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen /ONLF/ adeemsa filannoo Fulbaana 20, 2014 ademsifamurratti ‘jijjiirama bu’aas ta’e hojimaataa hin fidu’ jechuun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hime.

Kana malees boordichi iyyatawwan paartilee siyaasaa biraa ka’anif furmaata laachuuf tumsaa turuu himeera.

Gama biraatiin Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen /ONLF/ iyyatni rakkoolee galmee filattootaafi dhimmoota biroo ilaalchisee Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaaf dhiyeesse furmaata argachuu dhabuusaatin filannoo Fulbaana 20, 2014 adeemsifamurratti akka hin hirmaanne beeksisuunsaa ni yaadatama.

Dhimmoota ijoo filannoo Fulbaana 20, 2014…

Boordichi adeemsa sagalee kennuu Fulbaana 20, 2014 adeemsifamu ilaalchisee midiyaaleef ibsa laatera.

Guyyichatti namootni Miliyoona 7.6 sagalee akka kennan akka eegamu gorsituun dhimmoota komunikeeshinii boordichaa Soliyaanaa Shimallis dubbatan.

Filannoon Fulbaana 20, 2014 adda durummaan naannolee Somaalee, Harariifi Saba, Sablammootafi Uummattoota Kibbaa keessatti kan adeemsifamu yemmuu ta’u rifarandamiin naannoo ta’uun ijaaramuu Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaas guyyuma kana adeemsifama jedhameera.

Boordichi Filannoo Fulbaana 20, 2014f naannoleen filannoo 47fi aanaaleen filannoo 105 akkasumas buufataaleen filannoo 7,054 caaseffamuu himeera.

Boordichi bu’aa filannichaa isaa xumuraa Fulbaana 30, 2014 beeksisuuf karoorfachuunsaa ibsa har’aa irratti himameera.

Dhimma iddoowwan Waxabajjii 14, 2013 filannoon itti hin adeemsifamne…

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa iddoowwan sababa rakkoo nageenyaan Waxabajjii 14 bara 2013 filannoon itti hin adeemsifamnetti Fulbaana 20, 2014 akka hin adeemsifamne beeksiseera.

Naannoo Oromiyaatti naannoleen filannoo torba naannoo Amaaraatti immoo naannolee filannoo 10 ta’anitti dhimma nageenyaafi sababoota garaagaraan filannoon itti hin adeemsifamne ture.

Dhimmicharratti paartilee siyaasaa walin mari’achuu kan himan Soliyaanaa Shimallis, paartilee siyaasaarraa yaadawwan garaagaraa ka’uu himaniiru.

Naannolee filannoo naannoo Oromiyaa keessaa ilaalchisee naannoleen filannoo rakkoon nageenyaa itti jirufi hin jirre akka jiran kan himan gorsituun dhimmoota komunikeeshinii boordichaa Soliyaanaa Shimallis, ejjennoon boordichaa iddoowwan kunneenitti filannoo kopha kophaatti adeemsisuurra erga takkaa adeemsisuu akka ta’e himaniiru.

Boordichis guyyaa iddoowwan kunneenitti itti adeemsifamu ammatti akka hin murteessines himaniiru.

Filannoo keessaa bahu Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen /ONLF/…

Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen /ONLF/ iyyattni rakkoolee galmee filattootaafi dhimmoota biroo ilaalchisee Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaaf dhiyeesse furmaata argachuu dhabuusaatin filannoo Fulbaana 20, 2014 adeemsifamurratti akka hin hirmaanne beeksisuunsaa ni yaadatama.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa murteen filannoo keessaa bahuu ONLF “adeemsa filannicharratti jijjiirama bu’aas ta’e hojimaataa hin fidu” jedhe.

Boordichi komee paartileen naannoo Somaalee keessatti dorgoman galmee filattootaan walqabatee kaasan garee qorattootaa walabaa bobbaasuun qorachiisuu hime.

Ogeeyyiin seeraa boordichi bobbaases naannolee filannoo garaagaraarra deemuun dhimmicha qorachuu gorsituun dhimmoota komunikeeshinii boordichaa Soliyaanaa Shimallis himan.

Bu’aa qorannichaas paartilee siyaasaa naannicha keessatti dorgomanif dhiyeessuu isaaniifi naannolee filannoo 7 keessattis galmeen filattootaa irra deebiin akka adeemsifamuu taasifamuu himan.

Haa ta’u malee paartilee siyaasaa biraa yaadni “galmeen filattootaa guutuu naannichaatti irra deebiin yaa adeemsifamu” jedhu dhiyaachusaa himuun kun gama loojistikiifi ragaalee dhiyaatanin yemmuu ilaallamu quubsaa akka hintaane dubbatan.

Kana malees ammatti waraqaan sagalee itti kennamu maxxanfamee raabsamaa jiraachuu kan himan Soliyaanaa Shimallis kaadhimamtoota waraqaa filannoorratti dhiyaatan ilaalchisee wanti jijjiiramu akka hin jirre dubbatan.

“Filattootni isaan filachuuf erga galmaa’anii booda filannicharratti hin hirmaannu jechuun yaada ittigaafatamni hir’atedha” jechuunis himan.