Kaaffee Keeniyaa loogii namoota dhagahuu hin dandeenyerra gahu ittisuuf hojjetu

Madda suuraa, Peter Njoroge/BBC
Kaaffee magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti argamu kun akkamiin namoonni gurraan dhagahuu hin dandeenye hawaasa waliin walitti madaqanii jiraachuu akka danda'an agarsiiftuudha.
Mooraa magariisa biqiltuuwwan akka adda addaatti dhaabaman keessa kan jiru kaaffee Paaleet keessa keessummeessitoonni hojjetan gurraan dhagahuu hin danda'an. Kanaaf maamilootni afaan mallattoon, hidhii sochoosuu fi fuulaan ajajatu.
Maxxansawwan afaan mallattoon waliigaltee bu'uuraa gochuuf gargaaran dallaa keessa jiru. Garuu keessumeessitoonni qaama isaanii guutummaan ykn gariin sochoosuun ajaja mirkaneeffatu.
Fakeenyaaf maamilli tokko bishaan qorraa akka barbaadu gaafachuuf keessummeessaan akka waan itti qorreetti qaama isaa hurgufuu mala, maamilli ammoo quba harkaa abbudduu ol kaasuun mirkaneessuufi danda'a ykn morma bitaa mirgatti raasun miti jechuunii danda'a.
Hanqaaquu ajajate yoo ta'e maamilli tokko, harki abootteffame hanqaaquu duudaa affeelame garuu sirriitti hin bilchaatiin yoo agarsiisu, quba sosochoosuun ammoo kan sirriitti bilchaate ajajachuu danda'a.
Kanarraa kan hafe kaaffeewwan kaan irraa wanti adda baasu hin jiru. Namoonni heddumminaan buna unachaa laptooppii isaaniirratto yoo waa hojjetan ykn ammoo nyaata isaanii yoo dhamdhaman argitu.

Madda suuraa, Peter Njoroge/BBC
Ediwaardi Kamaandee kaaffeen Paaleet bara 2019 akkuma banameen ture keessummeessaa ta'ee kan qcarame. Amma hogganaa kaaffee kanaati.
Namni ganna 26 kun hundeessaan kaaffechaa abbaan qabeenyaa Fayisal Huseen, "dandeettii wahii akkan qabu na argee, hiree naaf kenne" jedha.
Abbaan qabeenyaa kun kaaffee nyaata gaarii maqaa qabu dhiheessu qofa osoo hin taane kan namoota qaama-miidhamtoota gargaaruufi hiree hojii isaaniif uumu banuu barbaade.
"Mul'anni koo warra dhagahuu hin dandeenye gargaaruu ture" jedha waa'ee kaaffee isaa amma dameelee sadi qabuu yoo dubbatu. Damee ollaa magaalaa Naayiroobii Laaviingitan jedhamu keessatti argamu keessa kan hojjetan hojjettoota 40 keessaa 30 ol dhagahuu hin danda'an.
"Dhaabbata keenya keessa loogiin hin jiru, as bilisummaatu jira," jedha hogganaan kaaffee Paaleet dargaggoo Kamaandeen.
Kamaandeen ganna sadi dura gaaf hojii eegalu ija hin baatu, ni bibir'ata ture jedha abbaan qabeenyaa kaaffee Paaleet. Amma garuu lafee dugdaa hojii mana kaaffee kanaa ta'eera jedha.
Kamaandeen hojjetoota bulchuu qofa osoo hin taane dhimma maallaqaa fi dhiyeessiis ni to'ata.
Hojii isaa akka jaallatu kan dubbatu Kamaandeen, wayita maamilootni gahumsaa fi akkaataa kenniinsa tajaajilaan hojjettoota isaa dinqisiifatan akka boonu hima.
Hojjettoonni as hojjetan hedduun isaan gonkumaa hojii qabaatanii hin beekan, kanaaf hojichi jireenya isaanii kan jijjiiredha.

Madda suuraa, Peter Njoroge/BBC
Duraan nama qacaru dhabee rakkachuu kan himu Aab Fayisal, amma namoonni guyyaa guyyaan hojii barbaacha CV isaanii kennanii deemu jedha.
Kanarra darbees dhaabbileen daldalaa kaan hojjettoota dhagahuu hin dandeenyu qacaruun akka isa gaafatan hima.
Akka Kamaandeen jedhutti, rakkoo guddaan namoonni dhagahuu hin dandeenye Keeniyaa keessatti isaan mudatu hojii dhabuudha.
"NAmoonni dhagahuu hin dandeenye carraa hojii dhaban hedduutu jiru," jedha.
Keeniyaa keessa namoonni dhagahuu hin dadneenye 600,000 ol ta'an akka jiran yaadama. Heera biyyattii irratti sababa qaama-miidhamummaa loogii gochuun dhorkaa ta'ullee namoonni kunneen tajaajila fayyaa, barnootaa fi carraa hojii argachuu irratti hedduu rakkatu.

Madda suuraa, Peter Njoroge/BBC
Afaan mallattoo Keeniyaa namoota hedduu biratti hin hubatamu, aanga'ooti mootummaa ammoo waa'ee isaa beekumsi isaan qaban xiqqaadha.
Namoonni afaan mallattoo hiikan Keeniyaa keessa jiranis muraasa. Sanuu sirni ittiin nama gahuumsa qabu mirkaneessan ykn galmeessan sadarkaa biyyaatti beekamtii qabu hin jiru.
Sagantaaleen TV afaan mallattoo qaama sagantaa isaanii akka godhatan kan irraa eegamu ta'ullee, kana kan godhan muraasa.
Kimaandeen akka namoonni isa hubatan gochuuf sagalee baasee dubbachuu ni danda'a garuu hojjettoonni isaa hundi akka isaa miti.
"Waa;ee dhagahuu dhabuu biyya keenya keessatti barnoota barbaanna" jedha.
Taatee hiriyaa isaa mudate tokko yoo himu, karaa irratti poolisootaan dhaabsifamee waraqaa eenyummaa akka agarsiisu gaafatame, dhagahuu waan hin dandeenyeef deebii kennuu dhabuu hima.
"Gara mana hidhaa akka geessan doorsisan. Inni garuu waan hin dhageenyeef ture kan deebisuu dadhabe" jedha.
Taateen akka kanaa warreen dhagahuu hin dandeenyee wal-gargaaruufi waliin dhaabbachuu akka qaban akka isa barsiise hima.
Kaaffeen Paaleet bakka Kamaandeen keessummeessaa irraa gara hogganaatti guddate qofa osoo hin taane, bakka itti jaalalaan booji'amedhas.
Haadha warraa isaa Jaakuliin, kan dhagahuu hin dandeenye, osoo keessummeessituu taatee hojjettuu achumatti wal baran.
Amma mucaa dhiiraa baatii 11 Gadwiin jedhamu qabu. Kamaandeen mucaa isaa ittiin boona, suuraa isaa qoma dhiibee bilbila isaarraa namatti agarsiifata.
"Sababa kaaffee kanaatiini gulaantaa jireenyaa isa aanutti kanan cehe," jedha.















