Magaalaa qaroo-dhabeeyyiidhaaf jireenya salphaa taasisuun boontu

Madda suuraa, Sophie Hardach
Magaalaan Jarman Maarbargi namoota qaroo-dhabeeyyii ta'aniif jireenya salphaa taasisuun boonti. Tahus caasaa hawaasaa hunda-hammatu mana barnootaa tokkorraa fudhatte.
Yeroo waggaa saddeetii Leon Portz rakkoo dhalootumasaan isa mudateen qaroosaa dhabe. Yeroo waggaa sagalii barreefama marsariitiirraa maashiniin dubbisu akkamiin saffisasaa akka dabaluu danda’u bare.
Kunis odeeffannoo saffisaan akka fudhatu isa gargaara, gurra nama isa kaaniif rakkisaa dha, sababiinsaas barreeffama tokko saffisa sagalee isa duraaniin dachaa shaniin waan dubbisuuf.
Tahus jaalalli inni saayinsiidhaaf qabu gara magaalaa Maarbarg yeroo deeme dagaage.
Magaalaan bara gidduugalaa Maarbarg "Blindenstadt" (wiirtuu qaroo-dhabeeyyii) jechuun of waamti. Kunis namoota qaroo dhabeeyyiidhaaf haala mijeessuufi jireenya isaanii salphisuun seenaan qabdu irraan kan ka’edha.
Dhaabbanni barnootaa Blista yeroo Waraana Addunyaa Lammataa ture Jarmanitti kan hundeeffame.Jaarminyaan kuni ergasii kalaqawwan garagaraa namoota qaroo-dhabeeyyii gargaaru hojjeteera.
Iddoowwan naannoo mana barumsaichaa jiranillee jijjiireera. Akka Portz jedhutti, ‘’asitti waan hundi nama qaroo-dhabeessa taheef mijataadha,’’
Kalaqawwan qaroo-dhabeeyyiif hojjetaman baayyeen iddoo biraa jiraachuu danda’u garuu jalqaba Maarbargitti hojjetaman jedha.
Uleen qaroo -dhabeeyyii yeroo jalqabaaf Maarbargitti faayidaarra oole.
Ibsaa tiraafikaa sagalee kennu, gufuu fi danqaawwa daandiirra kaa’amanii yeroo balaan jiraatu mallattoo kennan, gamoowwan kanneena akka masaraa mootolee duraaniifi addabaabaayiin samuudawwan kaartaa namootni qaroo - dhabeeyyii qaqqabanii akka adda baafatanitti hojjetaman fa'i keessaa muraasa.
Magaalli Maarbarg uumamaan lafa ol-kaa’aarra waan jirtuuf gaaraa gadi ykn gaaraa ol jedhanii qajeelchuuf toltuu dha. Mana barnootaa leenjisa fardaa qaroo- dhabeeyyiif, kubbaa miilaa, dorgommii cabbiirra mucucaachuu fa’i qabdi.
Yunivarsiitiin magaalicha keessatti argamu lakkoofsa barattoota qaroo -dhabeeyyii Jarmanii isa guddaa qaba, barnooti digrii baay'inaan qaroo-dhabeeyyiif kennamus achumatti argama.

Madda suuraa, Getty Images
Blistaa fi barattoonni ulee qaroo-dhabeeyyii dadacha’u dablatee kalaqawwan kaan hojjechuurra darbee dameeleen barnootaa biiroos qaroo-dhabeeyyiif mijatoo akka tahan hojjechaa jiru.
Seeraafi barnooti xiin-sammuu waan qayyabannaan dubbisaa itti baay’atuuf dameelee barnootaa yeroo baayyee namoota qaroo dhabeeyyiin filatamanidha.
Amma garuu barsiisonniifi barattoonni damee barnoota saayinsii barattoota qaroo-dhabeeyyiif rakkisaa tahellee akka kennamu dhiibbaa gochaa jiru.
‘’Akka nama saaqaa tahetti of hin ilaalu garuu tahuun koo waan hin oolle,’’ jedha. Amma yunivarsiitii Düsseldorf’tti baayookeemistirii barachaa kan jiru Portz.
Achitti barnoota baayookeemistirii barachuun nama isa jalqabaati. Akka inni jedhuttu namoota qaroo-dhabeeyyii Jarmanitti keemistirii baratan muraasa keessaati.
Keemistiriin sababii barnootichi yaalii laaboraatoriii, chaartii, giraafii fi fakkii baay’atuuf qaroo-dhabeeyyiif hin kennamu ture. Barsiisaan Portz, Tobias garuu barnootni kuni sababaiin innii hin kennamneef hin jiru jedha.
‘’Namni kamiyyuu moolakiwulii ijaan arguu hin danda’u, atoomis akkasuma maaliifree keemistiriin warreen ilaaluu danda’aniif qofa kan kennamu? jedha.
Mahnke’n nama qaroo qabu yoo tahu, jalqaba bara 2013tti mana barumsaa kanatti yeroo qacarame barnooti Keemistirii wal-xaxaa tahe hin kennamu ture. Ergasii faakaaltii keemistirii waliin tahuun isaafi waayilootisaa meeshaalee qaroo-dhabeeyyiin itti barachuu danda’an dhaabbata deeggarsaa waliin tahuun qopheessan, Mahnke’n qorannoo digrii lammataasaa mata-duree kanarratti hojjechuudhaanis maxxansiiseera.
Kalaqawwan hojjete keessaa samuudni 3D lagaa tokko dha. Fakkeenyaaf meeshaa kana harkaan qaqqabani bishaan saffisaan moo suuta yaa’a kan jedhu murteessuu danda’u. Iddoo laftisaa diriiraa tahetti bishaansaa gadi-fageenya hin qabu kanaaf aduudhaan dafee ho’uu danda’a jechuudha.
Yaaliiwwan saayinsii baayyeen ijaan ilaaluurra darbuu danda’u. Wayii tokko harkaan qabdee ho’aa ykn qorraa jechuu dandeessa. Nyaata ammoo dhandhamuu dandeessa.
Yaalii barnootaa baayyee daqiiqaa muraasa keessatti viidiyoo agarsiisanii bira darbuun barsiisaaf salpahata malee barataa hin fayyaduu jedha. Bara 2017ttis mana barumsichaa barnoota keemistirii wal-xaxaa tahe yeroo jalqabaaf kenne.
Yeroo weerara Covid Mahnke’n waraqaa ofirraa waan akka gufuu qaqqabu fayyadamuun dhukkubichi dabalaafi hir’isaa jiraachuu barsiise. Yeroo barattoonni mana barnootaa cufanii manaa barachaa turanis samuuda wal-fakkaataan barachaa turan.
Manni barnootaa Carl-Strehl-School yeroo ammaa barattoota qaroo qaban muraasa qofa fudhachuu jalqabeera. Isaanis meeshaalee qaroo-dhabeeyyiin itti fayyadaman kan qaroo-qaban irratti dabaluun fayyadamaa baratu.
Akka qorannoo agarsiisutti ga’eessonis tahe daa’imman qaamota miiraa tokkoo ol yeroo fayyadaman irra odeeffannoo galmeessuu danda’u. Ilaaluutiin qofa miti. Mahnke’nis miira garagaraa fayyadamuun barnoota jabaafii hiika-qabeessa tahe akka argannu nu taasisa jedha.
Portz mana barnootaa kanatti barachuu qofa osoo hin taane Magaala Maarbarg keessa akka garaa socho’uu danda’uutu ofitti-amanamummaa naa kenne jedha.
Ibsaa tiraafikii sagalee kennu, buufata baasii haasaa taasisisu, hawaasni qaroo-dhabeeyyii waliin salphaatti waliigalu addunyaa koo naa bal’isee jechuun hima. Konkolaachistootni qaroo-dhabeeyyii lafoo deemaniif dursa kennuu, daldaltoonni, manneetii nyaataa hundi menu (tarree gosa nyaataa) bireeliin dhaan barreefaman qabu jedha.
Uwe Boysen ogeessa seeraa qaroo-dhabeessa bara 1960 keessa barate yoo tahu hogganaa waldaa barattootaa fi ogeessota qaroo dhabeeyyii ture. Amma sooruma baheera, ‘’hawaasni Maarbarg kan wal-gargaaruufi namoota deeggaru gatii taheef, waan haaraa akka ati yaaltu si jabeessa,’’ jedhu.
Yeroo inni barataa turetti carraan barattoonni qaroo-dhabeeyyii qaban daangeffamaa tahus murteessitoonni seeraa yeroosis 100 ol turan ammallee akkasuma. ‘’Nutis dandeettii seeraa keenya fayyadamnee mirgoota sana caalaniif duulaa turre,’’ jedha.
Bahaddin Batmaz, injinara sooftweerii qaroo-dhabeessa yoo tahu. Meeshaa itti fayyadamnu tokko akka gaariitti yoo wixiname nama hunda fayyada jedha. Fakkeenyaaf baasiin iddoo buutuufi itti aanee eessa akka dhaabatu kan sitti himu yeroo mallattoo kanaaf qophoofte gaafa tuqxudha.
Kunis warreen qaroo qabanis fayyada, innis marsariitiiwwan qopheessu keessatti teeknolojii wal-fakkaataa akka fayyadamu dubbata.
Akka addunyaatti kalaqxoonni kiyyoo irra jiru cabsaa jiru. Keemistiin Mona Minkaran kaarikulamii teeknolojiifi saayinsii qopheessaa jirti, saayintistiin kompitaraa Cheko Asakawan hubannoo nam-tolchee qaroo dhabeeyyiin itti fayyadamuu danda’an qopheessaa jira, Wanda Diaz immoo sagalee fayyadamuun hawaa qorachaa jira, kanneen muraasa keessaa warreen maqaan dhahamudha.
Portz naannoosaa qaroo-dhabeeyyii mijataa akka tahu hojjechuu itti fufee jira. Barattoonni qaroo qaban kitaabilee fakkiin itti baay’atu hubachiisuun isa gargaaru.
Yeroo weeraraa manni barumsaa cufamee ture barnoota sagaleen waraabbate saffisaan dhaggeeffachaa, yeroo barannoo wal-xaxaatti bahummoo suuta dhaggeeffachaa barataa ture.
Ammallee barsiisaasaa duraanii Mahnke waliin barnoota saayinsii marii’ata. Yeroo hunda na jajjabeessa.













