Salamoon Amaara: Lammii Itoophiyaa miidhamtoota qaamaa wiilchariirraa kaase

Obbo Solomoon namoota miila nam tolchee dalaganiif waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Solomoon namoota miila nam tolchee dalaganiif waliin

Dararaa irra gaheen miilasaa lama kan dhabe Kaffaaloo Tafarraa “yeroo jalqaba dhukaasni nurratti banamu ijoolleen sadi battalamutti du’an,'' jedha.

''Miilli kiyya inni bitaa yeroosuma murame; isa mirgaa ammoo fedhii kiyyaan alatti murani.''

Yeroo Qaallittitti hidhaarra ture sanitti baay’ee na dhukkuba ture. Du’a hawwee ture garuu hin dandeenye. Yeroo mana fincaanii deemuu barbaadu harka kiyya qabanii na darbu turan,” jedha.

Ammatti Kaffaaloon ol jedhee deema, akkamitti?

Koloneel Laggasaa Tafarraa waraana Itoo- Eertiraa irratti hirmaataniiru.

Yeroo waraanaa deebi’anis qaamaasaanii guutuu qabatanii hin deebine. Miidhaarra gaheen miilasaanii tokko dhabaniiru.

Wanti nama ajaa’ibu yeroo isaan Itoophiyaaf jedhanii waraanaa kanarratti hirmaatanii miila tokko dhaban, obboleessisaanii ammoo Eertiraaf jedhanii lubbuusaanii dhabuusaanii dubbatu.

Koloneel Laggasaan miilasaanii tokko dhabanis ammatti garuu ol jedhanii deemuun gara bakka barbaadanii deemuu danda’u. Akkamitti?

Short presentational grey line

Obbo Nugusuu Xeenawu ammoo miseensa loltuu duraanii turan. Yeroo kanatti ture waraanarratti miilasaanii jilbaa gad jiru kan dhaban.

Kaffaltii sooramaa waan hin qabneef yeroo ammaatti kitaaba gurguruun jiraatu. Ta’us garuu waan yaadan bakkaan gahuuf bakkaa bakkatti socha’uu danda’u. Akkamitti?

Short presentational grey line

Shamarreen biraa yeroo ganna lamaa fi ji’a jaha yeroo turtetti balaa konkolaataarra gaheen miila tokko dhabde gargaarsa Obbo Salamoon argachuushee dura haala rakkisaa keessa turte.

Finfinnee keessatti miilli nam-tolcheen hojjatameef isheef kan hin mijanneefi fayyaashee waliin kan wal hin simne ta’uusaatiin rakkattee turte.

Asiin dura gargaarsa abbaasheetiin kan gara mana barnootaa deemtu, ammatti garuu ofiisheetii akka garaasheetti hiriyyootashee waliin bakka feete deemti. Akkamiin?

Short presentational grey line

Ogeessa qaama nam-tolchee fi gargaarsa qaamaa kan ta’an Obbo Salamoon Amaara namoota miidhaan qaamaa irra gahe gargaaruun yeroo baay’ee maqaansaanii ni ka’a.

Miidhamtoota qaamaa kanneeniif ogummaasaaniitti fayyadamuun qaama nam-tolchee hojjatanii bilisaan kennaniiruufi.

“Gatii isaan kaffalan waliin gargaarsi ani godhu xiqqaadha,” jedhu Obbo Salamoon.

Obbo Salamoon UK magaalaa Landan jiraatu. Isaanis namoota balaa nam-tolcheenis ta’ee uumamaan qaamasaanii dhaban gargaarsuuf jecha ogummaa qaama nam-tolchee fi gargaarsa qaamaa irratti bobba’aniiru.

“Ogummaan kun ammatti gosa barnootaa Itoophiyatti kennamuu miti” jedhu Obbo Salamoon.

Isaaniis carraa kana kan argatan yeroo isaan Yuunivarsiitii Finfinnee Hospitaala Xiqur Anbassaatti Waldaan Fannoo Diimaa idil addunyaa barattoota fayyaatiif barnoota kennu ta'u himu.

Yeroo sanitti barnoonni kan kennamu ture dhaabbata qaama nam-tolchee fi gargaarsa qaamaa irratti hojjatu kan naannoo Hospitaala Paawuloositti argamutti akka ture ni yaadatu.

Yeroo sanitti ogeeyyiin gahaan waan hin turreef yeroo waraana Itoo-Eertiraa sanitti osoo barnootasaaniiyyuu hin xumurini ture kan gara hojii seenan.

Akka Obbo Salamoon jedhanitti yeroo sanitti ogeeyyiin hojiirra turan afur qofa.

Achi booda garuu Hospitaalli Xiqur Anbassaa gosa barnootaa kanaan barsiisuu jalqabus baay’ee osoo hin turin cufamuusaa dubbatu.

Obbo Salamoon fedhii gosa barnootaa kana barachuu qabaniin yeroo sanitti Landan Yuunivarsiitii Saawuz Baankitti carraa barnootaa argatanii garas imalan.

Yeroo barnootaatiin alattis hojii hojjataa muxannoosaanii cimsataniiru.

Yeroo garagaraa gara Itoophiyaa imalanitti wantoota qaama nam-tolchee hojjachuuf isaan barbaachisu qabataa garas deemuu jireenya namoota hedduu jijjiiraniiru.

Koloneel Nugusuu waliin hariiroo abbaa fi ilmaa akka qaban kan dubbatan Obbo Salamoon; yeroo miila nam-tolchee jijjiiruuf “wareegama kaffaluu keenya namni hubatu jiraa laata?” jechuun gammachuudhaan boo’aa akka isaan gaafatan ni yaadatu.

“Kaffaaloo Tafarraallee ta’u televizhiyiin yoo ta’e malee qaamaan hin beekuuni. Ni argaan jedhee yaadee hin beeku” kan jedhan Obbo Salamoon; yeroo ta’e miila nam-tolchee nama wayiif hojjachuuf jecha yeroo Hospitaala Paawuloos deemanitti karaa namaan akka wal argan dubbatu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Du'uun barbaada ture, du'uu hin dandeenye' - Kaffaaloo Tafarraa

“Gara Hindii deemee akka hojjatamuuf taasifamee ture. Ati gargaarii mee” naan jedhan. Carraa kanaan Kaffaaloo waliin wal arganii mana jireenyaasaa deemanii miila nam-tolchee lama hojjataniiruufi.

Maaltu ogummaa kanaaf isaan kakaase?

Obbo Salamoon miidhamtoota qaamaa waliin hariiroon qaban akka maatiiti. Nama harkaa fi miila tokko dhabeefi akka abbaatti guddisan qabu. Waliinis jiraatu turan.

Kunis ogummaasaanii wantoota akka jaalatan isaan taasisaniidha.

“Guyyaa tokkollee miidhamaa qaamaa akka ta’etti ilaaleenii hin beeku; hojii namni kamuu hojjatu gahuumsaan hojjata,” jedhu.

Rakkoon diinagdee fi xiinsammuu dabalatee bu’aa bayiin baay’een jiraatanis qaama miidhamaa ta’uun garuu waan fedhan hojjachuurraa akka nama hin daangessine dubbatu.

Bu’aa bayiin kunneen kan isaan mudatan hawaasnis ta’ee mootummaan akkasumas dhaabbileen tokko tokko waan gochuu qaban osoo hin godhani waan hafaniif jechuun qeequ.

Obbo Solomoon hojiirratti

Fakkeenyaaf gulantaa fayyadamuu, awutoobisii koruufi isaan kaan mijatoo waan hin taaneef miirasaanii jeequ.

Obbo Salamoon qaama nam-tolchee wantoota yeroo adda addaatti walitti qabaniin kan hojjatan yoo ta’u, tajaajilasaas kan kennan bilisaani.

'Qaamolee nam-tolchee kumaatamatti laakka’aman hojjadheera'

Ogummaa kanatti erga seenanii as qaamolee nam-tolchee kumaatamatti lakkaa’aman hojjataniiru.

Obbo Salamoon akka jedhanitti namni ogummaa kana keessa jiru ji’a tokkotti yoo xiqqaate qaamolee nam-tolchee 10 hojjachuu danda’a.

Hojiileen yeroo sa’aatii argatanitti hojjatamanillee jiru. Hojiileen tasaallee jiru.

Osoo biyyaa hin baane ogummaa kanaan waggoota 10 ol tajaajilaniiru.

“Itoophiyaa keessatti humni namaa ogummaa kanaa fi manni barnootaallee hin jiru. Meeshaaleen ogummaa kanaaf jedhamanii gara biyyaas galan qulqullinna hin qaban. Miidhamtoonni qaamaa garuu miiliyoonatti laakka’amu,'' jechuun himu.

Ogummaan kunis biyyattii keessatti xiyyeeffannaan akka hin kennamneef dubbatu.

Waggoota 11 booda yeroo gara biyyaa imalan meeshaalee qaama nam-tolcheef barbaachisan shaanxaa 5 qabataniiti.

Carraa kanatti fayyadamuun barsiisotaa fi barattoota rakkoo guddaa qaban 12’f miila nam-tolchee ammayyaa bilisaan akka hojjataniif himu.

San booda fooyya’uu jireenya namoota hedduuf sababa ta’aniiru.

Yeroo ammaa kanatti miilli nam-tolcheen nama jiddu galeessaa paawundii kuma shan (birrii 200,000 ol) yoo ta’u, inni daa’immanii ammoo kuma lamaan (birrii 100,000'tti siqu) akka bitamu dubbatu Obbo Salamoon.

Fuulduratti hoo maal hojjachuuf yaadan?

Yeroo dhihootti namoota diinagdeensaanii gad aanaa ta’an 20’f miila nam-tolchee hojjachuufii gara Itoophiyaa ni imalu.

Namoonni sunneen hedduunsaanii dubartoota. Isaan keessaas loltoonni, barsiisonni, barattoonni, ogeeyyiin ijaarsaa fi hakiimoonni keessatti argamu.

Loltoota waraana Itoophiyaa fi Eertiraatti qaamasaanii kan dhaban lammii Itoophiyaa fi Eertiraa tokkoof qaama nam-tolchee hojjatuun karoorasaanii keessaa isa tokko.

Obbo Salamoon kana hunda kan hojjatan baasii barbaachisu hunda ofiisaaniitii danda’anii yoo ta’u, bakka itti hojjatan ammoo hospitaalli Paawuloos isaanii akka kenne himaniiru.

Karoorrisaanii inni yeroo dheeraa ammoo meeshaalee ogummaa kanaaf barbaachisan kan biyya keessa jiran isaan ammayyaatiin jijjiiruu akkasumas teeknooloojicha gara biyyaa galchanii bakka itti hojjatan argatanii miidhamtoota gargaaruudha.