Miidhama qaamaa: Leenjisaa ispoortii Teekwaandoo qaama miidhamaa ta’e

Ibsa waa'ee viidiyoo, Namticha qaama miidhamaa garuu Tekaandoo leenjisu

Kamaal Qaasim magaalaa Gondaritti dhalate. Ijoollummaasaatti maatiisaa waliin jireenyaaf gara Warataa deeman.

“Taphataa fi gammadaa ture” kan jedhu Kamaal, miidhaan ganna shan irratti isa mudate jireenyasaa jijjiireera.

“Miidhaan kun bara 1985’tti na mudate. Osoo hiriyyoota kiyya waliin taphadhu taankii yeroo cee’umsa mootummaatti tajaajila kennuu dhaabetu miidhaa narra dhaqqabsiise.

''Iddoo banaa afamuuzii naannessu jidduu miilli kiyya osoo jiruu, osoo darbuuf yaaluu miilli kiyya keessa gale. Battaluma sanatti osoo afamuuziin naanna’uu miila kiyyarratti miidhaan dhaqqabe,” jechuun yaadata Kamaal.

Innis gara Baahir Daar deemuun ji’ootaaf yaala erga argatee booda gara Warataa deebi’e. Achis yaalasaa xumuree yeroo gara qe’eetti deebi’u miillisaa inni mirgaa jilbasaarratti muramee ture.

“Jireenyi akka haaraatti eegale. Inni sun kan biraa kunis kan biraa” kan jedhu Kamaal, naannoo keenyatti namni qaama miidhamaa biraa hin turre jedha.

Yeroo sanitti dhiisiitii yeroo ammaa kanattillee, naannoo keenyatti ilaalchi qaama miidhamtootarratti jiru gaarii miti. Baatee galuu taphachuu hin dandeettu ture,” jedha.

Presentational grey line

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Presentational grey line

Kamaal erga miilaasaarratti miidhaan dhaqqabe booda haatii fi abbaansaa gargar bahuunsaanii ammoo, jireenyi daran akka itti ulfaatu taasiseera. Innis haadhasaa waliin gargar bahee abbaasaa waliin jiraachuu jalqabe.

Kamaal erga miidhaan irra gahe booda yeroo ganna torba turetti gara mana barnootaa deemuu jalqabe. Ta’us “jireenyi kiyya guutummatti waan jijjiirameef mana barnootatti ni jeeqama ture, ni yaadda’as,” jechuun amalasaarratti jijjiiramni dhufuu yaadata.

Hojiilee bu’uuraa qaama miidhamtootaaf mijatoo ta’an jiraachuu dhabuusaanii fi ilaalchi hawaasni qaama miidhamtootarratti qabu jireenyasaa ulfaataa taasiseera.

“Baay’ee ulfaata. M/barnootatti bilisaan hin taphadhu. Namoonni gurguddoon yeroo ana bira darban, umurii kanatti akkana ta’e jedhanii yeroo haasa’an dhagahuun abdii nama kutachiisa,” jedha Kamaal.

Kiraanchiin (meeshaa socho’uuf nama gargaaru) socho’uunis ta’e taphachuun mijatuufii didnaan kiraanchii tokko qofaan akka fedhasaatti socho’uu yaale.

Yaalii socho’uuf taasiserrattis yeroo baay’ee kufee miillisaa miidhamuu fi dhiiguu jalqabe.

'Haadha koo waliin jiraachuu eegale'

Haala kanaan hamma kutaa jahaatti Warataatti barate. “Yeroo sanitti ni jeeqama waan tureef yeroo ulfaataa dabarse.

Ijoollee waliin walii galuu ni rakkadha ture. Yeroo tokko tokko kiraanchiin hamma nama dhahuutti gaha ture,” kan jedhu Kamaal, yeroo kutaa jaha gahu gara haadhasaa bira Gondar deemee waliin jiraachuu jalqabe.

Gondar keessatti qaama miidhamaa biraatiin wal baree kophummaansaa hamma ta’een irraa bade.

Haatisaa hojii hin qaban waan ta’eef wantoota isa barbaachisu dhaabbata qaama miidhamtoota gargaaru irraa argata ture.

“Qamadii fi zayita qaama miidhamtootaaf kennamu haadha tiyyaaf fida ture. Achitti qaama miidhamtoota biraa waliin walargus miirri gaarii natti hin dhagahamu ture.”

Kamaalis nama gargaara malee gargaaramaa hin ta’u jechuun gargaarsa hin fudhu jedhee dhiise.

Kamaal Qaasim

Kutaa saddeetitti qabxii gahaa waan hin fidneef irra deebi’ee barachuuf dirqameera. Waggaa itti aanutti miila nam-tolchee hojjachiisuuf gara Dasee imalee, achumatti kutaa saddeetaffaa sa’aatii galgalaan barachuu jalqabe.

Barnootasaa dabaree galgalaan barachuunsaa ispoortii Teekwaandoo waliin walbarachuuf carraa isaa uumeera.

Hiriyyaasaa waliin bakka Teekwaandoon itti hojjatamu erga deemee arge booda keessasaatti wanti wayii uumame.

Leenjisaan Teekwaandoo miira Kamaal gaafatee fedhii qaban yoo ta’e, bilisaan leenji’uu akka danda’u itti himnaan fedhiinsaa haalan dabale.

“Kufaa ka’aa deeggarsa leenjisaa fi hiriyyoota kiyyaatiin Teekwaandoo leenji’uu jalqabe” ta’us garuu namoota dhiheenyasaatti jiranii fi maatiisaa dabalatee ‘maal sii godha?’ jedhuun ture.

Ta’us garuu wanti hundi akka yaadetti salphaa hin turre.

“Teekwaandoon miila tokkoon ulfaataadha. Kufee ni caba. Harki kiyya cabeera. Miila kiyya hafte takkas miidhamee ji’a lamaaf ciisuun kiyya namoota isaan gammachiisetu jira.

Ani garuu hamma dhuma jireenya kiyyaatti ispoortii kana hojjachuurraa wanti na dhorkuu akka hin jirre hubadhe.”

Kamaal Teekwaandoo jalqabuunsaa waan baay’eesaa jijjiireera. Isaan keessa tokko akkaataa kiraanchiisaa itti fayyadamu jijjiiramuu fi haala isaa mijatuutiin fayyadamuudha.

“Kiraanchichi jalqabarratti sibiila qofa ture. Teekwaandoon isa kana mijataa akka ta’u na gargaareera. Akkuma jalqabeen yeroo miila kiyya kaasetti kiraanchii cabee kufeera.

Yeroo leenjisuttis kufee beeka. Kanarraa ka’uun yeroo heddu jijjiireera, ammatti haala mijataan ni hojjadha.”

Kamaal Qaasim

Madda suuraa, BBC Sport

Teekwaandoon halluu saqqii (qabattoo) adda addaatiin daanota kennaman qaba. Namoonni yeroo duraaf jalqaban saqqii adiirraa jalqabu. Keelloo, magariisa, diimaa fi gurraacha.

Saqqiin kunneenis erga namni tokko leenjiiwwan adda addaa xumure booda leenjisaasaarra argata. San boodas sadarkaa digiriidhaan ibsaman isaan daanii jedhaman hamma sadarkaa sagalitti jiru.

'Dhaabatanii harka naaf rukutan'

Daaniin waldaalee Teekwaandoo irraa erga qormaata barreeffamaa fi hojii (practical) xumurte booda Kooriyaa Kibbaatti kennama.

“Daanii digirii sadaffaa gaheera. Digirii fooyya’aniidha. Waggaa kanatti afraffaa argachuu danda’a. Yeroonsaa gaheera,” jedha Kamaal.

''Anaaf jedhanii wanni addaa godhan hin jiru,” kan jedhu Kamaal adeemsa kana keessatti miidhaan adda addaarra gahus gara duubaa hin deebine.

Yeroo daanii sadaffaasaaf qoramu, waan irraa eegamu erga raawwate booda qorattoonni achi turan dhaabatanii akka harka rukutaniif dubbata.

“Namoota 15 taanee dorgomne, jahan isaanii ni kufan. Nama sagal taanee darbine, qabxiin kiyya gaarii ture.”

Kamaal qaama miidhamummaan isaa isa yaachisus deeggarsa hiriyyaasaatiin bara 2002’tti Warataa keessatti wirtuu leenjii banuun leenjisuu jalqabe.

Ta’us garuu akka yaadetti salphaa hin turre. Maallaqa gahaa ittiin socho’u hin qabu ture.

Innis suuraasaa birri 10, 10’n gurguruun birrii 2,000 lamaan hojiisaa jalqabe.

“Yeroo beeksisa maxxansu bitaa itti gale. ‘Eenyutu nu leenjisa?’ jechuun leenji’uuf fedhii hin qaban ture.

Isaan beeku waamee bilisaan leenjisuu eegale. Galmichas namni fira kiyyaa naa hayyame.

Namoota afur yookiin shan qabadhee yeroo leenjisutti namoonni galma guutanii ilaalu ture.”

Achis boodas erga namoonni dhufuu jalqabanii gara Finfinnee deemee hayyama argachuu qaba waan tureef, qormaata fudhatee tokkoffaa bahuun hayyama argachuusaa hima.

Leenjii Teekwaandoo ji’oota jahaa booda barattoota 40 yeroo duraaf eebbisiise.

Bara 2007’tti lammii biyya alaa Finfinneetti walbarateen, gargaarsa isaatiin Jarman deemee miilli nam-tolchee hamma hojjatamuufi achumaan leenjii ji’a tokkoo argateera.

Kamaal yeroo saqqii (qabattoo) gurraacha fudhatu haalaan gammadee akka ture dubbata.

Kamaal abbaa mucaa tokkoo yoo ta’u, “maatii kiyyaa waan gaarii hojjachuu” akkasumas leenjii Teekwaandoo cimsee itti fufu akka barbaadu dubbata.

Dabalataanis dookimentarii jireenyasaarratti xiyyeeffatu hojjachuuf yaada.

Ispoortii Teekwaandoo keessa waggoota 15’f kan ture Kamaal, Baahir Daarii fi Paawwee keessatti dargaggoota kumaatamaan laakka’aman leenjiseera.

Ofiisaas dorgomiilee adda addaarratti hirmaachuun badhaasota hedduu argateera.

Kanaanis dorgommii paaraalompiikii Itoophiyatti taasifamerratti naannoo Amaaraa bakka bu’uun, darbannaa aloolloo fi xiyyaatiin, teessoo naanna’uun akkasumas ulfaatinna kaasuun meedaaliyaa 20 ol argateera.