Miidhama qaamaa: Finfinneetti qaroo dhabeessi liiftii keessa bu'uun lubbuu dhabe

Gamoo bulchiinsa Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii

Madda suuraa, Akaki Kaliti Sub City Administration FB

Wiixata darbe ganama naannoo sa'aatii 4tti qaroo dhabeessi tokko dhimma dhuunfaaf waajira erga deemee booda, liiftii gamoo keessaan boolla bu'ee lubbuun isaa darbeera.

Taateen kunis kan mudate Finfinnee, gamoo Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti akka ta'e odeeffannoon isaan qaqqabuu dubbi himaan Waldaa Qaroo Dhabeeyyii Biyyaaleessaa obbo Gabree Tashoomaa BBCtti himan.

Balaa irra qaqqabeen kan lubbuu dhabe nama maqaan isaa Diras Hunaachoo damee waldichaa kan ta'e mana barnootaa qaroo dhabeeyyii Walaayittaatti barataa ture.

Barana Yunvarsiitii Meetiropolitaan Kotabeerraa barsiisummaadhaan dippilomaan eebbifame.

Maaltu mudate?

Sambataa fi Dilbata darbe barattoota wajjiin leenji'e faana iddoo itti hojiif ramadame baruuf carraan bu'e. Kutaa magaalaa Kolfeetti ramadamuu mirkaneeffate.

Iddoon hojiif itti ramadame, Kutaan magaalaa Aqaaqii Qaalittii, iddoo jiraaturraa waan fagaatuuf, iddoo itti ramadame dhaqee jijjirrachuu akka barbaadu gaafate.

Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaalittii dhaqee akka gaafatu itti himamee waan tureef achii dhaquuf bahe.

Gaafachuuf kutaa magaalaa Aqaaqii gamoo darbii 7ffaarraa gadi bu'uuf liiftii banate. Liiftichi garuu iddoo ijjatanii dhaabatan hin qabu.

Boolla liiftiin meetira 21tti dhiyaatu keessatti kufee lubbuunsaa dabarte.

Dubbi himaan Waldaa Qaroo Dhabeeyyii Biyyaalessaa obbo Gabreen amma yoonaatti duuti sababa liiftii haala kanaan qaqqabuun kun kan jalqabaatii jedhan.

Balaan kun namoota qaroo qabaniifuu rakkisaa akka ta'e himan.

Seerri Konistiraakishinii AL.I bara 2001 bahe keeyyata seera fi dambii bahee heeran.

Liiftiin keessa isaattis ta'ee alasaatti barreeffama Bireelii akka qabaatu, akkasumas sagalee akka qabaatanii labsuu himuun, garuu liiftiin hojjataman ulaagaa kana akka hin guunne himan.

''Liiiftiin biyyoota alaatti hojjataman Bireeliin irratti hojjatameetu dhufu, sagalees qabu. Garuu sagaleen isaanii waan hin banamneef hin hojjatan.''

Sirnaan kan hojjatanis muraasa ta'uu taajjabuu dubbatu.

Qaroo dhabeeyyii ulee karaa itti baran gargaaru fayyadamaa jiran

Madda suuraa, Joe Raedle

Ibsa waa'ee suuraa, 'Dhiyeenyattis barattuun kolleejjii leenjii Barsiisota Kotabee bishaan waraabdee otoo deebituu riqicharraa kuftee duute'

Deeggarsa nama malee liiftii keessaa akka hin seenne himuudhaan ofifuu mudannoo akka qaban dubbatan.

Qaroo dhabeeyyiin kanaan duraas sababoota garagaraan daandii qotame, riqichaa fi gamoorraa kufuun miidhaan qaamaa fi lubbuu kan irra gahe akka turan dubbatan.

Dhiyeenyattis barattuun kolleejjii leenjii Barsiisota Kotabee bishaan waraabdee otoo deebituu riqicharraa kuftee du'uu dubbatan.

Waldichi balaa wixata darbe ilaalchisee odeeffannoo addatti sassaabaa jiraachuu fi qaamaa dhimmichi ilaallatu dubbisuuf karoorfachuu BBC'tti himan.

Waajira Poolisii kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti itti gaafatamaan qo'annoo yakkaafi balaa Tiraafikaa Komaandar Tasfaayee Wasanaayyoo balaan kun sa'aatii 3:00-4:00 giddutti qaqqabuu himuun.

Qaroo dhabeessi balaan irraa qaqqabe eebbifamee iddoo hojii jijjirrachuuf gara biiroo barnootaa deemuus himan.

''Gamoo darbii 7ffaarraa kufuu kan himan yoo ta'u, ol akka deemu erga itti himamee booda, otoo deemuuf yaaluu balaan irra gahe,'' jedhan.

Komaandarichi akka jedhanitti liiftichatti namoonni biroon fayyadamaa waan turaniif - liftichi sochiirra ture.

Namni kun liiftichi waan dhaabbate itti fakkaatee balbala saaqe.

Liiftichi sochiirraa waan tureef, iddoon ejjannaa hinturre. Kanumaanis gara boollaa seene jedhan.

Gamoon bulchiinsa magaalichaa tajaajila kan kennuu eegale barana wayita tahu, liiftiin gamoo kanaas yeroo hedduu rakkoon akka mudatu BBCtti himaniiru.

Komishiniin Poolisii magaalichaas dhimmicha qorachaa akka jiru komaandarri kun dubbataniiru.