Xiyyaarri Itoophiyaa qaama miidhamaa Keeniyaa 'gargaaruu dhabe'

Madda suuraa, Harun M Hassan/Twitter
Lammiin Keeniyaa qaama miidhamaa ta'eefi wiilchariin fayyadamu xiyyaarri Itoophiyaa gargaarsa naaf gochuu dhabe jedhee himate.
Xiyyaarri kuni magaalaa Keeniyaa Naayiroobii irraa gara Ameerikaatti imala ture.
Tiwitaraafi fuula Fesbuukii isaa irratti barreessaafi kanneen qaama miidhamanif duula gaggeessun kan beekamu Haruun Haasan hojjetaa/ttuu dhaabbatichaan gargaarsa dhabuu hima.
Dhimma kana irratti Daandii Qilleensa Itoophiyaa argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.
Akka Obbo Haasan jedhutti tikkeeta isaa irratti wiilcharii akka fayyadamu kan ibsu osoo jiru gargaarsa naaf hin goone jedheera.
''Filmaata malee qofaatti na dhiisani,'' jechuun tiwiitara isaa irratti barreesse.
Kunimmoo imaammataafi qajeelfama Abbaa Taayitaa Geejjiba Xiyyaaraa Keeniyaa akkasumas seerota idil-addunyaa kaan Daandiin Qilleensa Itoophiyaa mallatteesse illee ni sarba jedheera.
Erga inni kana barreessee booda Daandiin Qilleensa Itoophiyaa isa argun dhifatama gaafateera. Dabalataanis, balalii kutaa biznasii jedhamuufi haalaan mijataa ta'en akka balali'u eeyyamef.
Isa inni tiwitaraafi fesbukii irratti barreesse akka balleessu Daandiin Qilleensa Itoophiyaa akka isa gaafate hima.
Garuu, akka dideefi xiyyaara biraan gara Ameerikaa imaluu isaa dubbata.
Akka inni jedhutti, waan irra gahu yeroo ifatti barreessu yeroo duraaf ta'u isaa himee kana caalaa irree rakkoon biraa isa qunnamee akka beeku himeera.
Kanas kan barreesse dhimmi qaama miidhamtootaa daran xiyyeeffannoo akka argatu barbaade ta'u lammiin Keeniyaa kuni dubbateera.















