Keenyaa: Lammiin Itoophiyaa jecha 'bombii' jedhuun hidhaaf saaxilame

Madda suuraa, SIMON MAINA
Jechi isin akka qoosaa dubbattan rakkoo cimaa keessa akka isin buusu hubadhaa.
Lammiin Itoophiyaa Cifraayee Kabbadaa jedhamu xayyaarri wayita ka'uuf jedhutti, jechi akka qoosaatti dubbatte hidhaaf isa saaxileera.
Namni kun keessummeessituu xayyaara keessaa ka taate Siintiyaa Anyaangoon ''boombii sitti fakkaataa?'' jedheen.
Kanumaanis balaliinsi addaan cite. Aabba Cifraayes mana hidhaa bu'eera.
Maaltu ta'e?
Lammiin Itoophiyaa maqaansaa Cifraayee Kabbadaa jedhamu, ALA Ebla, 17, 2019 xayyaara Keenyaa - balaliinsa KQ762 gara Johaanisberg, Afriikaa Kibbaa deemuuf xayyaaricha, imaltoota biroo waliin yaabbate.
Xayyaarichis imala eegaluuf qophii xumuraa wayita turetti keessummessitoonni bakka boorsaan imaltootaa keessa kaa'amu cuccufaa turan.
Keessummeessituun Siintiyaa Anyaangoo jedhamtu balbala naannawa Aabba Cifraayeen taa'an cufaa wayita turtetti, teessoo isaarraa ka'ee gargaaree deebi'ee taa'e.
Ega taahee booda nama cinaa jiruun ''Maal boorsaan kee garmalee ulfaata. Boombiidhamoo?'' jechuun itti qoose. Achis ammas haala qoosaa fakkaatuun keessummeessituu tanaan ''Maaliif sodaatte? Boombii sitti fakkaatee?'' jechuun itti dubbate.
Keessummeessituun kunis naatee, waahillan isheetti himte. Isaanis akkuma aangoo isaanitti dhaqanii balaliisaatti (kaappiten) himan.
Kaappiteenni xayyaarichaas imaltoonni hunduu xayyaara keessaa akka bu'an gochuun, xayyaarri guutuu akka sakkaatta'amu taasisan.
Achiis sa'aatii sadii guutuuf meeshaalee sakkatta'insaa gargaaramuun - saroota kanaaf leenji'aniin dabalatee erga sakatta'anii booda wanti argame jiraachuu baatus, balaliinsi gaafa sanaa haqamuun - guyyaa biraatti dabreera.
Namni kunis 'lakkii ani qoosaafin jedhe malee, dhugaa miti!' jedhus achumatti to'annoo jala oleera.
Haaluma kanaanis Aabba Cifraayeen 'Civil Aviation Act No. 21 bara 2013' daddarbee argamuusaatiin, hidhaan ji'a afurii yookaan Shilingiin Keenyaa 100,000'n adabameera. Ji'a Eblaa qabes haga yoonaa namni kun mana hidhaa keessa tureera.
Gochaawwan walfakkaatan
Amma duras namoonni ofeeggannoo dhabuun jechoota hinmalle buufataalee xiyyaaraa fi xiyyaara keessa dubbachuun rakkoo keessa galaniiru. Isaan keessaa muraasa:
2004: Barattuu lammii Ingilaand ka turte Saamaantaa Maarsan, Ameerikaa, buufata xiyyaaraa kutaa biyyaa Maayaamii argamu keessa qoosaan 'boombiin boorsaa koo keessa jira jechuun dubbatte, to'annoo jala oolte.
2013: Dargaggeessi ganna 29 fi hiriyaan isaa Ameerikaa Buufata Xiyyaaraa JFK keessa jecha 'boombii' jedhu wayita itti himu hojjetaa tokko gurra bu'e. Hiriyoonni lamaan kunis to'annoo jala oolan.
Xumurarra akka isaan jedhanitti 'The Bomb' kan jedhamu gosa nyaataa saanduchii tahee argame.

Yeroo itti aanutti buufata xiyyaaraa fi xiyyaara keessa erga galtanii booda jechoota kanneen akka 'bombii, dhoo'insa...' irraa of qusadhaa.














