'Paastariin' qaama miidhamtoota manasaatti uggure to’atame

Karsit Keet Bankston erga to'annoo jala oolfamanii booda

Namichi paastariidha ofiin jedhuufi kan haati warraasaa namoota qaama miidhaman saddeet mana keessatti itti cufanii kaa’uun shakkamanii to'annoo jala oolfaman.

Akka poolisiin jedhutti namni ganna 55 Kartiis Keet Baakistan fi haati warraasaa, Ameerikaa dhiheenya Atlaantaa Joorjiyaatti, iddoo Giriifiin jedhamutti tajaajila kunuunsa eeyyama hin qabne kennu.

Qorattoonni akka jedhaniitti jarri kunneen namoota kunuunsina jedhanii maallaqa akka to’atan fi takka takkas kunuunsa fayyaa isaan barbaachisullee hin kennan.

Hojjettoonni fayyaa atattamaa gaafa Amajjii 13 dhukkubsataa dhibee sammuutiin kufee wixxifatu wal’aanuuf gara iddoo kanaa deeman.

Hojjettoonni fayyaa yeroo atattamaa kutaa cufamaa mana isa guddaa jala jiru arginaan poolisiitti beeksisan.

Poolisiin qaama miidhamtootaa fi dhukkuba sammuu qaban saddeet, kan umriin isaanii 25-65 jiran manicha keessatti ugguramanii akka argaman hime.

Qorannoon poolisii akka agarsiisutti ‘kunuunsa mana keessaa’ sababa jedhuun namoota kunneen ji’a 14f ‘fedhii isaanii malee hidhanii kaa’aniiru.’

Kana malees Kartiis tajaajila kana maqaa waldaa Kiristiyaanaan, paastarii dha ofiin jechuun kennaa ture jedhe poolisiin

Namni kuni haadha warraasaa waliin namoota manatti ugguruun himatamaniiru.

Waajirri Tajaajila Namoomaa fi Dullumaa biyyattii namoota saddeet kunneen kunuunsa isaan ‘qana’u’ kennaafii jira.

Poolisiin fira ykn hiriyaa namoota saddeettan kanaa argachuuf odeeffannoo gaafataa jira.

Abukaatoon ‘paastarii’ kanaa ibsa miidiyaa CBS’f kennaniin himannaa irratti baname haaluun, poolisiin odeeffannoo sobaa irratti hundaa’uni himate jedhan.

Ibsi kuni iddoo isaan turan mana jireenyaa garee isa jedhamu osoo hin taane, ‘’Ministirii Kiristiyaanaa namoota mana hin qabneef gargaarsa kennu dha jedha.

Odeessaalee walfakkaatan: