‘Qaama miidhamaatti waanan heerumeef namoonni na qeeqan'

Suzaan Nijogu Elinji fi Filippi Ilinji

Madda suuraa, Susan Njogu Eling

Ibsa waa'ee suuraa, Suzaan Nijogu Elinji fi Filippi Ilinji

Dubartiin lammii Keeniyaa qaama miidhamaa lammii Awustiraaliyaatti heerumte intarneetiirratti suura cidhasaanii qoodnaan, namoonni maallaqaaf jecha itti heerumte jedhanii qeequusaanii BBCtti himte.

Suzaan Nijogu Elinji, qaama miidhamtoota wajjiin yeroo heddu hojjachaa akka turte kaasuun, otoo hin hubatiin namoonni Filippi Ilinji jaalachuu kootiif na balaaleffatan jetti.

Suzaan Awustiraaliyaatti imaluun qaama miidhamtoota wajjin hojjachuurratti dippiloomaa erga argatte booda iddoo Aab Filippi Ilinji hojjatutti qacaramuuf galmooftee turte.

Af-gaaffii erga darbitee booda Aab Ilinji imeeliin ishee haasofsiisuun, bilbila wal jijjiiranii gara hiriyummaa jaalalaaf wal gaafachutti ce’an.

‘’Seenaan jaalala keenyaa jalqaba walmil’achuu keenyarraa eegala. Yeroon barachaa ture qaama miidhamtota wajjin walitti dhiyaacha turuurra kan ka’e, waa’esaa homtuu nan shakkisiifne,’’ jette.

Jaalalleewwan lameen ji’a jaha booda wal kaadhimmatan. Maatiin isaaniille karoora gaa’ilasaanii mirkaneessaniif.

‘’Maatiin koo yeroo tokko na eebbisaniiru, murtoo keenyattiis gammadaniiru, keessattuu qaama miidhamtota gargaaruutti akkan amanu ni beeku, ani hedduun gammades,’’ jette.

Suzaan Nijogu Elinji fi Filippi Ilinji

Madda suuraa, Suzaan Nijogu Elinji

Jaalalleewwan lamaan wal fudhusaani suuraan maxxanfame miira walmakaa kan uume yoo ta’u, namoota hedduun qoodamaa ture.

’’Namoonni kaan maallaqa isarraa argachuuf itti heeerumte kan jedhan jiru, ani garuu akkasitti yaaduu akka malan tilmaamaan ture. Ani kanaaf itti qophaa’eera.

Warroomuun keenyaa ajaja Waaqayyootiin milkaa’e,’’ jette.

Ganna sadaffaa sirna gaa’ilasaanii yeroo kabajanitti, Aab Filippi Ilinji gaa’illi isaanii gaarii akka ta’e dubbate.

‘’Filippi akkuma abbootiin warraa biroon haadha warraa isaanii kunuunsanitti na kunuunsa, anis nan kunuunsa’’ jette.

Filippi Ilinji miidhama maashaa qaamaa laaffisee, cimina qaamaa dhabsiisu ‘muscular dystrophy’ jedhamu wajjin dhalate.