Vilaadmir Putiin kiyyoo kiyyeesseen qabameera jedhan Ministirri Ittisaa UK

Raashiyaan amma sababii weerara Yukireen irratti raawwatteen ''biyya gadaantuudha'' jedhan Ministirri Raayyaa Ittisa UK Been Waalas.

Qondaalli waraanaa UK kun wayita madda oduu Sky News'tti dubbataniitti: ''Putiin ammaan tana jabaa duraan ture sana miti. Kiyyoo ofii saatiin ijaare keessa galeera,'' jedhan.

Ministirichi dabaluunis "waraanni isaa dadhabeera, akkasumas miidhaa olaanaatu irra qaqqabe'' jechuun Raashiyaan sababii waraana Yukireeniin miidhaa irra gahee olaanaa ta'u himan.

Akka qondaala UK kanaatti maqaa olaanaan waraanni Raashiyaa kanaan dura qabu amma badeera.

Putiin "Miidhaawwan gochaa Yukireen irratti waliin yeroo dheeraaf turuu qofa osoo hin taane, akkasumas miidhaawwan inni waraana mataa isaa irratti raawwate waliin jiraachuf jira,'' jedhan Waalas.

Akka qondaala waraanaa kanaatti humnootiin ittisa Raashiyaa deebiisanii of ijaaruun xiyyeeffannaa isaanii karaa kibbaafi baha Yukireeniitti geeddarataniiru.

''Kana durumayyuu agarree jirra. Yeroo hundaa gochaan isaanii badaadha. Bakkeewwan namoonni nagaa baayyeen jiraatan deemuun haleellaa namoota nagaa hedduu irratti raawwatu.''

Itti dabaluunis biyyoonni michuu idil-addunyaa, konkolaattoota sibiila uffatan fi meeshaalee waraanaa dheeraa fageenya irratti dhukaafaman dabalataa Yukireeniif dhiyeessuuf waliin galaniiru jedhan.

Raashiyaan erga Yukireen waliin gara wal dhabdee cimaa keessa galuun waraana 'weerara' jedhamee irratti bantee baatii tokko ol lakkoofsiseera.

Kanaanis manneen jireenyaa dabalatee bu'uuraaleen misoomaa Yukireen hedduun kan barbadaa'aan yoo ta'u, namoonni baayyeenis ajjeefamutu himama.

Kana malees ummanni biyyattii miliyoona afurii ol ta'u ykn ummata biyyattii keessaa kan harka tokko afur ta'u gara biyyoota ollaatti baqataniiru.