Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maatiin nama Beenishaangul Gumuzitti ibiddaan gubachuun ajjeefameefi kaan maal jedhu?
Maatiin namoota Matakkalitti ji'a Guraandhalaa keessa haala sukanneessaan ajjeefamanii waayee ajjeechaa maatii isaanii akkamiin akka dhagahaniifi eenyummaa namoota ajjeefamanii BBC'tti himan.
''Namni ibidda keessa gatamee Tsaggaay Naggaa jedhama. Hiriyyaa kooti. Abbaa mucaa tokkoo ture. Osoo gara daa'imaa fi haadha warraa isaa deebi'aa jiruuti kan ajjeefame,'' jedha hiriyyaan nama haalli ajjeechaa isaa addunyaa rifaasisee Obbo Kehaaseen.
Ajjeefamuu hiriyyaa isaa kan dhagahe namoota gara bakka san dhaqanii suura kaasanii erganiif irraa ta'uu dubbateera.
Kehaaseen viidiyoon ajjeechaa hiriyyaa isaa agarsiisu miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamuu isaa dura dhagahee maatiitti himuufi achii booda miidiyaa hawaasaa gubbaatti ammoo viidiyoo rifaasisaa san arguu BBC'tti himeera.
ALI Guraandhala 24/2014 Naannoo Beenishaangul Gumuuz godina Matakkal aanaa Gubaa ganda Ayisadduu keessatti qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen himee ture.
Viidiyoon rifaasisaan miidiyaa hawaasaa gubbaa gadhiifame ammoo qaamoleen nageenyaa mootummaa fi namootni taajjaban biroon osoo ijaan arganii namni lubbuun jiru tokko ibiddatti darbamee yeroo gubatu agarsiisa.
Komishinichi ibsa baaseen qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota 10 ta'an to'annoo jala erga oolchanii booda, adeemsa seeraa malee itti dhukaasanii ajjeesaniiru jedheera.
Akka Komishinichi jedhutti namoota ajjeefaman 10 keessaa saddeet dhalattoota Tigraay naannicha jiraatan yeroo ta'an, namootni lamaan hafan ammoo dhalattoota Gumuuz gocha san balaalleffataniidha.
Ofii namichi osoo lubbuun jiruu ibiddatti darbamee ajjeefame eenyu?
Viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti qoodame irratti namichi ibiddaan gubachaa jiru ''adaraa haadha keessanii'' jedhee yeroo kadhatu ni dhagahama.
Huccuu dambii humnoota addaa kanneen uffatanii jiraniifi afaan Amaaraa kan dubbatan ammoo ''gubaa, nuunis akkasuma gubanne'' yeroo jedhan ni dhagaahama.
Viidiyoo kana irratti huccuu dambii qaamolee nageenyaa mootummaa kanneen uffataniifi namootni siiviiliin biroonis ''maaloo na dhiisaa'' jedhee nama isaan kadhachaa ture gara ibiddaa yeroo darban ni mul'ata.
Ajjeechaan kun dheekkamsa guddoo kaaseen walqabatee Ministirri tajaajila kominikeeshinii mootummaa Laggasaa Tulluu namootni gocha kana raawwatan adda baasuuf hojiin eegalamuu guyyoota dura BBC'tti himanii turan.
Obbo Kehaasee ibiddaan gubatee namni ajjeefame hiriyyaa isaa ta'uufi maqaan isaas Tsaggaay Naggaa akka jedhamu fi magaalaa Daanguur keessatti hojii daldalaan nama jiraachaa ture akka ta'e hima.
Ajjeefamuu isaa dura ji'oota jahaafis godina Matakkal mana hidhaa Gilgal Balas keessatti hidhamee akka tures himeera hiriyyaan isaa kun.
Guraandhala 23, 2014 dhalattoota Tigraay biroo waliin hidhaa hiikamuu isaa waraqaa agarsiisu qabatanii bahanii booda qaamolee nageenyaa kaaniin qabamuu hiriyyaan isaa kun ni hima.
''Maatii isaaniitti yeroo deebi'an hayyamni addaa waan barbaachisuuf, hayyamni barreefameefii, qaamolee nageenyaan dabaalamanii awutoobisii tokkoon gara qe'ee isaanii deebi'aa turan.''
Ayiseedduu bakka jedhamu yeroo gahan qaamoleen nageenyaa kun Tsaggaayiifi namoota isa waliin jiran biroo mana barnootaa Chaayinaa Kaamp jedhamu geessani jedha namni kun.
Achii kaan rasaasaan rukutamanii yoo ajjeefaman, Tsaggaay garuu ibiddaan gubatee ajjeefamee jedha.
Gama kaaniin Barrihuu Gabramikaa'eel namni jedhamu eessumni (wasiilli) isaa Gabramadihiin jedhamus ji'oota torbaaf hidhaa erga turee booda gadhiifamee hidha haaromsaa eeguuf geeffamtu jedhamanii osoo lubbuun jiruu ibiddaan gubatee ajjeefamuu dhagahuu BBC'tti himeera.
Barrihuun kana haa jedhu malee komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa namni osoo lubbuun jiruu ibiddaan ajjeefame tokko ta'uu akeeka.
Dhalataa naannichaa kan ta'eefi godina Matakkal ganda Bomaazaa jedhamutti dhalatee kan guddate Abbebe Taarraqanyi gama isaan, maatiin isaa Adoolessa keessa komaandi poostiin qabamanii viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti gadhiifameen obbolaan isaa lamaan ibiddaan yoo gubatan arguu BBC'tti himeera.
''Adoolessa 20 miseensota maatii koo waliin hidhamne. Ani ji'a lama boodan hiikame. Obbolaan koo quxusuufi angafti, abbaa koo dabalatee mana hidhaa Gilgal Balas jiruutti geeffaman. Sadaasa 30 deebi'ee yeroon hidhamee garas geeffamu mana hidhaa san keessattin isaan arge'' jedha.
Amajjii darbe obbolaa isaa lamaaniin alatti maatiin kaan gadhiifamuu hima.
''Obbolaa koo lameen - Roobeel Taarraqanyi fi Gabramaariyaam Gabramaadihin manatti osoo deebi'anii daandiirraa waan deebisaniif 'bilbilanii nu deebisaniiru, hin dhufnu' jedhanii nutti himan,'' jechuunis hima.
Abbaben obbolaan isaa lamaan viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti gadhiifame irratti haala sukkaneessaan yoo ajjeefaman arguu BBC'tti himeera. BBC'n namootni biraan osoo lubbuun jiranii ibiddaan gubatanii ajjeefamuu maatiin himatan kana ofiin hin qulqulleessine.
Hidha Haaromsaa Itoophiyaatti qacaramee hojjechaa kan ture Hayyaloom kan jedhamu ammoo, Hagayya keessa hiriyyoota isaa biroo waliin gammoojjii Jaawwee jedhamutti hidhamee akka ture dubbata.
''Gargaartota Juntaati jedhanii gammoojjii Jaawweetti nu hidhan. 30 ol turre. Lamatti qoodanii nu hidhan. Na bira warri turan hunduu injinaroota turan. Qabiinsa baayyee hamaatu ture,'' jedha.
Manni murtii bilisa erga jedheeniin booda inni ''nageenya koof yaaddaheen maatii kootti deebi'e'' jedha. Ta'us hiriyyaan isaa tokko gara bakka hojii deebi'aa osoo jiruu bakka Ayisadduu jedhamutti ajjeefamuu hima.
Walumaagalatti Guraandhala 23 hanga 28 bara 2014 manneen hidhaarraa dhalattoota Tigraay hiikaman 30 qaamolee nageenyaa mootummaan ajjeefamuu maatiin namoota kanaa BBC'tti himaniiru.
Komishinarri Poolisii Beenishaangul Gumuuz Haruun Omaar, Matakkalitti ajjeechaawwan qaamolee nageenyaan raawwatamaniiru jedhaman kana mirkaneessuu hin dandeenye.
Ta'uus ''Gilgal Balas Komaandi poostii jala bulaa waan jirtuufi qorannoon gaggeeffamaa waan jiruuf shakkamtootni to'annoo jala oolaa jiru. Kanaaf gabaasni guutuun yoo nu gahu ifa goona,'' jechuun BBC'tti himan.
Waggoota lamaan darban godinni Matakkal raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa fi humnoota addaa naannolee irraa babbahan irraa komaandi poostii ijaarame jalatti bulaa jira.
BBC'n Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatti Daayireektara hordoffiifi qorannoo naannolee kan ta'an Yibeeqaal Gizaawuun, ajjeefamuu namoota hidhaarraa bahaniif sababa kan jedhame raadiyoona qunnamtiifi maallaqni harka isaaniitti argame jedhamu ilaalchisee gaafatee ture.
Namoota naannichaa ijaan argineerra jedhan irraa odeeffannicha argachuu himan.
Itti dabaluunis namootni ijaan argineerra jedhan Guraandhala 23 bara 2014 qaamolee nageenyaan dabaalamanii osoo adeemaa jiranii konkolaataa irratti haleellaan raawwachuu odeeffachuu himan.
''Kanaan alatti miidhamtootni sa'aa kamitti mana hidhaatii akka bahan, bakka ajjeechaan itti raawwate akkamiin qaqqaban kan jedhurratti odeeffannoo hin qaban.
Godina Matakkal irraa xalayaa darbaa jedhu qabachuun imalaa akka turaniifi bakka sakattaa yeroo gahan qaamoleen nageenyaa raadiyoo qunnamtii, maallaqaa fi huccuu arganneerra jechuu isaanii nutti himan'' jedhu qondaalli kun.
Ajjeechaa namoota kanaan walqabatee qorannoo godhamu keessatti mootummaan dhimmoota kana qulqulleeffachuu akka qabus Daayireektarichi eeraniiru.
Ministirri tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tulluu qaama kamuu rakkoo kana uume irratti mootummaan tarkaanfii ni fudhata. Qaamoleen nageenyaa dhimmichi ilaallatu qulqulleeffachaa jiru. Hojii kanas dafaniitu eegala'' jechuun BBC'tti himani.
Gabaasa Komishinii Mirga namoomaan booda ajjeechaan raawwate jiraa?
Matakkalitti dhalatee kan guddate Mulugeetaa Yamaanee, abbaan isa Yemaanee Maase abbaa isaa waggaa 40'f naannichatti daldalaan jiraachaa turan waliin ji'oota saddeetiif erga hidhamanii booda, inni hidhaa bahuus abbaan isaa gara Asoosaa geeffamee erga hidhamee booda hidhaa hiikamee guyyaa tokko booda nama biraa tokko waliin ajjeefamuu BBC'tti himeera.
Guraandhala 28, 2014 abbaan isaafi hiriyyaan isaa tokko mana hidhaa Asoosaatii gadhiifamanii manatti erga deebi'anii bulee isaa qaamolee nageenyaa mootummaan ajjeefamuu dubbatan.
''Hin dhufin ittiin jennus anoo jaarsa eessan dhaqa jedhee manatti deebi'e. Ilmakoo nagaan galeera jedhees naa bilbile. bulee isaa garuu galgala sa'aa sadiitti qaamoleen nageenyaa dhufanii isa fudhatanii deeman.
Gaafa 29 ajjeesan... dhalattootni Gumuuz naannicha jiran reeffa isaa fuunee haa awwaallu jedhanis qaamoleen nageenyaa naannicha jiran reeffa akka hin kaasne itti himuu nutti himan,'' jedha ilmi.
Komishinarri Poolisii Beenishaangul Haruun Omaar dhalattootni Tigraay naannicha keessa bakka adda addaa hidhamanii turan gadhiifamuu himanii, warri gadhiifaman kun gara jireenya idilee isaaniitti deebi'uu himu.
Kanneen erga gadhiifamanii qaamolee nageenyaan ajejefamaniiru jedhamu ilaalchisee ''tokko tokkoon waan hin beeknef dhimmicha irratti dubbachuun nu dhiba'' jechuun deebii kennaniiru.
Dubbi-himaan mootummaa Itoophiyaa Laggasaa Tulluu gamasaaniin, dhimma kanarratti odeeffannoo akka hin qabne himanii, ''qaamoleen nageenyaa mootummaa sababa malee gochaa akkasii raawwachuu hin danda'an,'' deebii jedhu kennan.