Komishiniin Mirga Namoomaa 'ajjeechaa gara jabeenyaa humnoota nageenyaan' Benishaangulitti raawwatame balaaleeffate

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Naannoo Benishaangul, Godina Matakkal, Aanaa Gubaatti torban tokko dura raawwate humnoonni nageenyaa mootummaa raawwachuu hime.

Ibsa komishinichi gaafa Dilbataa bahe ajjeechaan sukaneessaa namoonni nagaa itti gubaman dafee qoratamee itti gaafatamummaan akka jiraatu gaafateera.

''Taateen reeffa gubuu, akkasumas nama tokko jiraa isaa gubuun kan raawwate humnoota nageenya mootummaafi hirmaanna namoota kaaniin ta'u mirkanesseera,'' jechuun ibsa baasen beeksise.

''Ajjeechaa kanaaf ka'umsa kan ta'e guyyaa tokko dura haleellaa hidhattoonni raawwataniin yoo xiqqaate humnoonni nageenyaa fi namoonni nagaa 20 ta'an ajjeefamu ta'uus mirkanesseera,'' jedhe.

Kana dura qondaala olaanaa naannichaa gaafachuun ajjeechaa A L I Guraandhala 23, 2014 raawwaten namoonni 20 ajjeefamuu BBCn gabaasee ture.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa ajjeechaa raawwate balaaleeffachuun qaamolee kana raawwatan seeratti akka dhiheessu ibsa gaafa Sambataa baasen ibseera.

Komishinchi ajjeechaa kana murtee seeraa malee ajjeesuu (extra-judicial killing) akka ta'e ibse.

Viidiyoon ajjeechaa lammiilee nagaa kuni miidiyaa hawaasummaa gubbaa naanna'aa ture, rifaatuu kan uumeefi namoonnis balaaleeffataa turani.

Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'el Baqqalaa humnoonni nageenyaa seera cabsaa mul'achuun isaanii namni seerarraa amantee akka dhabu taasisa jedhan.

Mootummaan ajjeechaan kuni Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal, Aanaa Gubaa ganda Ayisiid jedhamtutti tibbana akka raawwate hime.

Ibsi mootummaa garuu akkaataa ajjeechaan raawwateefi qaamolee kana raawwatan ifatti hin ibsine.

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay ibsa baasen ajjeechaa kana balaaleeffateera. Dhaabi kuni gama Lixa biyyattii hidhattoota Gumuuz deeggaru jechuun mootummaan ni himata.

Komishinichi maal hime?

Akka komishinichi himetti ajjeechaan kuni ALI Guraandhala bultii 24, 2014 raawwate.

Ajjeechaa kana dura guyyaa Guraandhala bultii 23 konkolaataa gara Gubaa adeemaa jiruurratti haleellaa raawwateen humnoonni nageenyaa mootummaa dabalatee namoonni du'anii turan.

Komishinichi haleellaan kuni gaafa 23, 2014 naannawa sa'aatii saddeetii namoota gara hidha Abbayyaa, Maankushiifi Asoosaa deemaa turanirratti hidhattoonni haleellaa raawwatuu hime.

''Haleellaa kanaan konkolaachisaa tokko, daldalaa tokko, barsiisaa tokko walumaa gala namoota nagaa 3 ajjeefamaniiru.

''Konkolaataan miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa imaltoota waliin adeemaa kan ture meeshaa jabaan rukutamee ajajaa kumaalaa dabalatee yoo xiqqaate miseensonni raayyaa 20 ajjeefamaniiru.

''Akkasumas miseensonni Raayyaa Ittisaa 14 miidhaa salphaafi cimaa irra gaheera,'' jedheera.

Dhimma kana irratti Raayyaan Ittisa Biyyaas ta'e qondaaltonni nageenyaa Naannoo Benishaangul waan dubbatan hin qaban.

Akka komishinichi jedhetti humnoonni nageenyaa mootummaa ''sa'aatii saddeetii hanga ganama sa'aatii 12:00 '' hidhattoota waliin walitti dhukaasaa turuu hime.

Bulee humnoonni nageenyaa dabalataa dhufanii lola itti fufeen hidhattoonni 30 du'uufi kaan baqatu ibse.

Komishinichi akkan qoradhe jedhee himetti gaafa Guraandhala 24, 2014 gara sa'aatii jahaa humnoonni nageenyaa gara Aysiid dhufuu hime.

Humnoonni nageenyaa mootummaa eeuu arganne jedhaniin konkolaattota, mana jireenyaafi imaltoota sakatta'uu eegaluu ibse.

Yeroo sakattaa taasisan dhihoo mana amala sirreessaa irraa hiikamuun waraqaa qabatanii gara mana jireenyaa isaanii kan deebi'aniifi dhalattoonni Tigraay 8 qabamuu hime.

''Isintu odeeffannoo kennee haleellaa kan raawwachiise,'' jechuun konkolaataarraa buusuun sakattaa taasisaniin ''raadiyoo qunnamtii tokko, suuraalee garagaraafi birrii 40,000 ol argameera,'' jechuun ibse.

Akka kominishinichi jedhutti humnoonni nageenyaa shakkamtoota 'reebaa' odeeffannoo dabalataa gaafachuu eegalani.

''Shakkamtoota keessaa tokko 'haleellaa naannawicha raawwate keessaa harka qabna, Baamzaa bakka jedhamuufi bakkeewwan Gilgal Balas namoota qabna,''' jechuu isaa ibse.

Kana hordofees humnoonni mootummaa ''dhalattoota Gumuuz haalicha morman dabalatee namoota 10 dhukaasanii ajjeesaniiru,'' jechuun komishinichi himateera.

Komishinichi humnoonni nageenyaa mootummaa namoota ajjeefaman magaala keessaa baasanii 'gubaniiru' jechuunis hime.

Dabalataan, namni biraa kanneen ajjeefaman waliin hidhata qaba jedhame ''konkolaataa dhokate keessaa eeruu argataniin humnoonni nageenyaa qabuu hime.

Isas ''wadaroon hidhanii reeffa duraan gubanitti akka dabalaniifi gubatee akka du'e,'' maddeen irraa odeeffadheera jedheera komishinichi.

Dhimma kana irratti qondaaltonni Godina Kamaashiis hin dubbanne.

Humnoonni nageenyaa bakkas badiin raawwate turan Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna Addaa Amaaraa akkasumas humna Addaa Naannoo Kibbaa ta'u hime.

Rakkoo nageenyaa keessumaa hidhattoota Gumuuzin raawwatu akkasumas sochii hidhattoota TPLF waliin walqabateeti humnoonni addaa naannolee Naannoo Benishaangul Gumuzitti kan ramadaman.

Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'el Baqqalaa humnoonni nageenyaa bakkeewwan rakkisoo keessa nageenya ummataa eegsisuuf hojjetaa jiraniis kan to'atan garuu ajjeesuun hamaa ta'u himan.

Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'el Baqqalaa humnoonni nageenyaa seera kabachiisuu qaban badii kana raawwachuu isaaniin qeeqan, qorannoon yakkaa akka taasifamu gaafatan.

''… namoota to'annoo jala jiran seera malee ajjeesuun keessumaa ibiddaan gubuun tasa humnoota nageenyaa irraa kan hin eegamneefi sarbaminsa gara jabeenyummaan raawwate,'' jedhan.

''Humnoonni nageenyaa mootummaa mirga namoomaa ofii isaanii yeroo cabsan mul'achuun isaanii namoonni sirna seeraan amantii qaban kan miidhu sarbaminsa mirga namoomaa biraaf kan saaxiludha,'' jedhaniiru.

Mootummaan qorannoo adeemsisuun ummataaf akka beeksisuufi maatiin namoota jalaa du'anii akka beenyaan kanfalamuuf gaafate.

Waggoota darban keessa gareen hidhattootaa Naannoo Benishaangul keessa socho'an namoota nagaa irratti haleellaa irra deddeebiin raawwataniiru.

Kanaanis maatii tokko keessaa nama kudhan dabalatee dhibbaan kan lakkaa'aman du'aa turani. Kanaani, mootummaan bakkeewwan Godina Matakkal komaand postii hundeessee bulchaa ture.

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa dhihoo elektirikii maddisiisuu eegale Naannoo Benishaangul, Godina Matakkal Aanaa Gubaa keessa akka argamu ni beekama.