Beenishaangul Gumuuz keessatti hidhattoonni haleellaa raawwatan eenyu, maal barbaadu?

Naannoo Beenishaangul Gumuuz keessatti haleellaan eenyummaa bu'uureffachuun yeroo raawwatamu kan ji'a Muddee keessaa raawwatame kan jalqabaa miti. Kana duras yoo xiqqaatee si'a sadii haleellaa qaamolee hidhataniin raawwatameen lubbuun namoota hedduu darbeera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Qaammee 1, bara 2012 akkasumas Qaammee 2 hanga Fulbaana 3, bara 2013'tti yoo xiqqaate haleewwan ciccimoon lama mudachuu mootummaa naannichaarraa mirkaneeffachuu ibsee ture.

Fulbaana 15 bara 2013 barii naannoo sa'atii 11'tti Aanaa Daangur magaalaa Maanbuk keessatti haleellaa hidhattootaa raawwatameen lubbuun namoota 15 galaafatamuu Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa yeroo sana ibsee ture.

Sadaasa 5, bara 2013 ammoo halkan keessa, Aanaa Dibaaxii keessatti, imaltoota Wanbaraa irraa gara Chaaginii imalaa turan irratti haleellaa raawwateen namoonni 30 caalan ajjeefamuu komishiniin kun yeroo sanas ibsee ture.

Haleellaan inni sadaffaan alana mudate ammoo yoo xiqqaate lubbuu namoota 207 galaafachuu aanga'aan aanaa Buulan BBC'f mirkaneessaniiru.

Ofii qaamni hidhatee haleellaa akka kanaa raawwatu eenyu, maal barbaada?

Gaaffii kana aanga'oota naannichaa fi aanaa Buulaniif dhiyeessinee ture.

Hidhattoonni haleellaa kana raawwachaa jiran kanneen naannoo biraatii dhufan akka hin taane hoogganaan waajira Badhaadhinaa naannichaa Obbo Yisaaq Abdulqaadir BBC'tti himanii turan.

Bara darbe Jaawweetti haleellaa dhalattoota Gumuuz irratti raawwatamee tureen ''mootummaan nuuf eeggachuu hin dandeenye'' komii jedhuun dargaggoota shiftoomanii bosona galan akka ta'anis aanga'aan kun himanii turan.

Haleellaan sun wayita qaqqabe hoogganoota irratti tarkaanfiin hin fudhatamne komii jedhu dargaggoonni kun dhageessisuus Obbo Yisaaq ni yaadatu.

Kanaan alattis qaamoleen nageenya naannichaa fi biyyaa hin barbaanne keessumaa hidha haaromsa wajjin walqabsiisuun dargaggoota kana daangaa Sudaanitti leenjisanii hidhachiisuun gara naannichaa akka galan gochaa jirus jedhaniiru.

Hoogganaan kominikeeshinii aadaa, Turizimiifi Ispoortii aanaa Buulaan Obbo Kaasaahuun Addisuu gama isaaniin qaamoleen haleellaa kana raawwachuutti jiran ''kaayyoo Matakkal keessaa nama magaala (diimaa) baasuu'' jedhu qabatanii akka socho'an hidhattoota raayyaa ittisaan to'ataman fi kanneen ilaalcha kana deeggaran waltajjiiwwan adda addatti yoo dubbatan ni dhagaahamaa jedhan.

Kaayyoon isaanii hedduu ifaa ta'uu baatus, yeroo hedduu ''Matakkaliin akka Sudaan gochuudha'' jechuun, Godina Matakkal lafa gurraachi qofti keessa jiraatu gochuu akka fedhan ibsan Obbo Kaasaahuun.

Gareen kun ijaarsa hidha Abbayyaa gufachiisuuf qaamolee fedha qaban biroo waliinis hidhata akka qabaniifi deeggarsa loojistiikiifi leenjiis TPLF irraa akka fudhatan dubbatu aanga'aan kun.

Aanga'oonni mootummaa sadarkaa garaa garaarra jiran haala adda addaan sochii hidhattoota kanaa deeggaraa jiraachuu kaasuun tarkaanfiin irratti fudhatamaa jiraachuus himu.

Miidiyaalee hawaasummaa irratti dhalattoota Amaaraa muraasaan''Matakkal kan keenya'' sochiin jedhu jiraachuun dargaggoota naannichaarratti ''hireen keenya maal'' yaaddoo jedhu kaasuu ammoo Obbo Yisaaqitu hima.

Ilaalchi kun garuu ilaalcha mootummaa naannoo Amaaraas ta'e kan uummatichaa akka hin taaneefi ilaalcha namoonni muraasni oofan ta'uu hoogganaan Kominikeeshinii Beenishaangul Gumuuz Obbo Mallasaa Bayyanaan ni dubbatu.

Obbo Yiisaaq akka jedhanitti, abbootiin qabeenyaa lafa naannichaa misoomsuuf fudhatanii waan hin misoomsineef kan harkaa fudhatame mufii itti uumameen hokkora naannicha keessatti dhalatu deeggaraa jiru.

Dhaabni mormituu naannichaa tokko ergama itti kennuu kanneen rakkoo nageenyaa kana keessaa harka qabaachuun shakkamanii to'ataman poolisiif odeeffannoo kennuus dabalanii himaniiru.

Haalli teessuma lafaa naannichaa fi hanqinni buu'uura misoomaa hidhattootaaf carraa uumuullee hoogganaan waajira paartii Badhaadhinaa naannichaa Obbo Yisaaq himaniiru.

Obbo Mallasaa Bayyanaa hanga ammaatti aanga'ootni naannichaa torba to'annoo jala ooluu BBC'f mirkaneessanii jiru.

Aanga'oota rakkoo nageenya kana keessaa harka qabu, gaafatama isaanii haalaan hin bahanne kan jedhamanii qabaman keessa Ministeera Hojjetaafii Hawaasummaatti Deetaan ministiraa damee hawaasummaa Obbo Toomaas Kuuwee, Bulchaa itti aanaan naannichaa Obbo Adgoo Amsaayyaa, Dayireektarri Ejensii Saayinsii fi Teknoolojii naannichaa kan duraanii Obbo Shifarraaw Calleebboo, hoogganaan waajira paartii Badhaadhinaa godina Matakkal Obbo Baandeeng Maar fi hooggansi biroon godinichaa duraanii Obbo Araggaa Baalbedee keessatti argamu.