Ajjeechaa Beenishaangul Gumuz: Reeffi namoota 171 ganda Bakujjiitti jumlaan awwaalame

Naannoo Beenishaangul Gumuuz godina Matakkal aanaa Buulan ganda Bekujjii jedhamtuutti haleellaa Roobii darbe barii hidhattoonni namoota nagaa irratti raawwataniin namootni ajjeefaman bakka tokkotti awwaalaman.

Guyyaa Kamisa kaleessaa ganda Bekuujjiitti reeffi namoota 171 bakka tokkotti awwaalamuu hoogganaan kominikeeshinii aadaa, Turizimiifi Ispoortii aanaa Buulaan obbo Kaasaahuun Addisuu BBC'tti himaniiru.

Dabalataan namootni shantama ta'an mana keessa osoo jiranii ibiddi itti qabsiifamee waan ajjeefamaniif reeffi isaanii hin argamnee jedhan.

Kanneen osoo baqatanii bosona keessatti ajjeefamanii reeffi isaanii amallee barbaadamaa jiraa jedhan.

Hanga ammaatti haleellaa kanaan lubbuun namoota 207 darbuu obbo Kaasaahuun himaniiru.

Namootni jumlaan ganda haleellaan kun raawwatametti awwaalaman hordoftoota amantaa Ortodoksii, Islaamaafi Pirotestaantii ta'uullee dubbatan.

Dureewwan amantaalee sadaniifi jaarsoliin biyyaa mariisifamanii namoota ajjeefaman kanaaf yaadannoon akka hojjetamuuf jecha waliigalteerra gahamuun bakka tokkotti awwaalamuus ibsan.

''Bifa namaa bu'uureffachuun haleellaa raawwatame Kanaan dhalattootni Amaaraa 81, kan Shinaashaa 50, kan Agawuu 36, kan Oromoo 40'' jedhan.

Haleellaa Roobii barii irraa eegalee raawwatame Kanaan rifachuun namootni hedduun gandoota baadiyyaarraa gara magaala aanaatti horii ooffachaa baqachaa akka jiranis aanga'aan kun dabalanii ibsaniiru.

''Taateen kun erga raawwatee jiraattootni gandoota ollaa gara gidduugala aanaatti dhufaa jiru. Namniifi horiin lakkoofsi guddaan gara gidduugalaatti seenaa jira dhugaadha. Sababni isaas ammallee muddamni jira.''

''Cilaanqoo, Addisaalam, Doobbii, Goongoo fi Gishbaaboo jedhaman irraa soda haleellaan walfakkaataan nurra gaha jedhuun baqachaa akka jiran'' dubbatan.

Gama kaaniin raayyaan ittisa biyyaa qaamolee haleellaa kana raawwatan adamsuuf naannoolee garaagaraa keessatti socho'aa akka jiru himan.

Namoota qe'ee isaanii gadhiisanii baqachaa jiran kanaaf deeggarsi namoomaa Kanaan dura rakkoo uumamee tureef ergamerraa hafe akkasumas deeggarsi hawaasni naannichaa waan nyaataa fi maallaqaan gumaachuun dabalamee dhiyaachaa akka jirullee himan.

Haata'u malee deeggarsi kun gahaa akka hin taane dubbatan.

Rakkoo Kanaan namootni gandoota 6fi 7 irraa buqqa'aa waan jiraniif deeggarsa gahaa kennuun rakkisaa akka ta'e obbo Kaasaahuun dabalanii ibsaniiru.

Godina Matakkal ganda Bakujjiiitti wanti ta'e maali?

Roobii barii qaamoleen hiidhatan Godina Matakkal aanaa Buulan ganda Bakujjii jedhamu kan uummatni harka hedduun dhalattoota naannoo biraa ta'an irrattii haleellaa raawwatan.

Komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi Amnastii Intarnaashinaal lakkoofsi namoota ajjeefamanii 100 ol akka ta'u beeksisaniiru.

Daa'imman, haadholii fi maguddootni kanneen ajjeefaman keessatti argamu.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haleellaa kanaan lubbuun namoota 100 olii darbuu himee kunis naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti haalli eegumsa mirga namoomaa haalaa olaanaan dadhabaa adeemuu kan agariisudha jedhe.

Ajjeechaa fi miidhaan kunis halkan sa'aatii 10tti wayita namoonni hiriibara turaniitti qaamoolee hidhataniin mana guubuufi dhukaasaan akka qaqqabee mirkaneeffachu komishinichi ibseera.

Dabalataan dhaabbatni Aminestii Internaashinaal ''haleellaan suukaneessaan kun saba Amaaraa, Oromoo, fi Shinaashaa irratti raawwate jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa haleellaa saba lakkoofsaan xiqqaa naanno Benishaalgul keessa jiratan irratti raawwatu hatattamaan dhaabsisuu qaba '' jedhe.

Aminestiin namoota shan lubbuun oolan irraa bilbilaan dubbisee akkaataatti hidhattootni saba Gumuz tahan haleellaa dhaaqbsiisan odeeffadhera jedhe.

Hidhattootni ajjeechi raawwatan mana jiraattotaatti abidda kaa'uun sana booda rasaasaa fi waraanaan ajjeesaa turuu namootni dubbisne himan jedhe dhaabbatichi.

Lakkoofsi namoota du'aniis dabaluu akka danda'u eeree haleellaa kana irratti qorannoon hatattamaa gaggeeffamuu qaba jedhe. Qaamni kana raawwates seeraan gaafatamuu qaba jedhe Aminestii Internaashinaal.

Itti gaafatamaan Kominikeeshinii naannichaa Obbo Mallasa Bayyana gama isaanitiin namoonni miidhaan irra gahee lakkoofsaan kaa'uun dadhabamulleen lakkoofsaan ''olaanaa'' akka ta'ee BBCtti himanii turan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad haleellaa dhaqqabeen akka gaddan Kamisa ganama ibsaniiru.

"Lammiilee keenya iratti gochaa namummaan alaa raawwate na gaddisiiseera. Rakkinicha kallattii garaagaraan furuuf yaallee bu'aa barbaadamu hin argamsiifne,'' jechuun fuula tiwiitera isaanii irratti barreessan.

Kana malees BBC'n jiraattootaa fi oggeessoota fayyaa hospitaala naannichatti argaman wayita dubbiseetti, namoonni 120 akka ajeefamanii fi kaan hedduun miidhaan irra qaqqabuu dubbatanii ture.

Motummaan Naannoo Beenishaangul Gumuz gama isaatiin aanga'oota shan kan rakkoo nageenyaa umamee kana keessaa harka qabu jechuun shakkee to'anaa jala oolchuu sab-qunnamtii naannichaatiin beeksiiseera.

Aanga'oota to'annoo jala oolfaman keessaa deetaa ministira damee Ministireera Hojjataafi Hawaasummaa Motummaa Federaalaa kan turan Obbo Tomaas Kuwii, Pirezidaantii naannichaa duraanii Obbo Shifaraa Caliiboo, Daarektara eejjansii Saayinsiifi Teknolojii naannichaa duraanii, Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhiinaa Godina Matakal Obbo Baandiingi Maaraa akkasumas aanga'aa Godina Matakal duraanii kan turan Obbo Aragaa Baalbiid ta'u ibseera.

Gandi Bakujii magaalaa aanaa Buulan irraa fageenya km 90 irratti kan argamtu yoo taatu, saba Oromoo, Amaaraa fi Shinaashaatu keessa jiraata.

Wayita ajjeechaan kun raawwate ganndicha keessa poolisiin ykn humni nageenyaa ramadame akka hin turree hordoffii taasifameen hubanneera jedhe komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa.

Hanga haalicha qulleeffateetti hospitaala Buulan keessatti namoonni rasaasaafi xiyyaan miidhaan irra gahee 36 deeggarsa argachu mirkaneessuu ibse.

Miidhaa namootarra gahee kanaan alattis oomishni gahe ooyiruu irraa walitti qabaman gubachu akka mirkaneeffate hima.

Kana malees gandoota Calaanqoofi Doosheetti manneen gubachaa akka jiran komishinichi ragaa argachu himuun, Aanaa Dibaaxee ganda Donbanii ammoo jiraattoonni sodaadhaan qe'eesaanii gadhiisanii Muddee 23, 2020 baqachaa akka jiran ibseera.

Komishinichi akka jedheetti raayyaa ittisaa naannichaitti ramadamee ture aanga'oota feederaalaa fi naannichaa dabaaluun naannichaa bahuusaanii hordofuuni haleellaa kun raawwachuusaa qulqulleeffachu hime.

Komishinichi namoota miidhaan irra gahee irraa akka odeeffateetti, irra jireessi haleellaa kanaan miidhaman dhalattoota Shinaashaati.

Kana dura haleellaa kan raawwatan namoota 'bosonaa' dhufaniin yoo ta'u, amma garuu 'kanneen maqaafi bifaan beekanii' jiraattoota aanaa Bakujii osoo hin hafne keessatti hirmaachu kanneen lubbuun hafan ni ibsu.

Haleellaawwan Beenshaangul Gumuuz keessatti irra dedeebiin raawwatamaniifi haala sarbama mirgoota namoomaa naannichaa ilaalchise mootumaan naannoofi federaalaa xiyyeeffannaa addaa akka taasisuuf akeekkachisuu kan yaadate komishinichi, haa ta'u malee haalichi caalaa itti cimaa dhufuu hima Komishinichi.

Namoota miidhaan irra gaheefi kanneen buqa'aniif deeggarsi wallaansaafi namoomaa akka taasifamuuf Komishanichi gaafateera.

Kana malees haallichi sirriitti qoratamuun qaamooleen haleelicha keessatti haala garaa garaatiin gahee qabaniif kanneen gaheesaanii haalaan hin bahiin atattamaan seeratti dhiyeessuu akka eegaluuf komishinarichi akeekachiseera.

Akkasumas humniifi caasaan nageenyaa naannichatti argamu haala gutummaatti nageenya lammiilee mirkanneessuun haala atatamaatiin akka cimfamuuf waamicha dhiyeesseera.

Haleelaawwan kanaan dura irra dedeebiin naannichatti qaqabaniif ''farreen nageenyaa'' jechuun ibsuun alatti aanga'oota naannichaatti ifatti kan jedhamu hin turre.

Akkasumas hidhattoota haleellaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhatamuun yeroo garaa garaatti gabaafamuun ni yaadatama.

Miidhaa irra dedeebiin naannichatti namoota nagaarra gahu kana to'achuuf dhuma bara darbeetti komaandi poostiin miseensoota raayyaa ittisa motummaan federaalaa fi qaamoolee nageenya naannichaa hammate ijaaramunsaa ni yaadatama.

Haa ta'u malee haleellaan lubbuu namoota nagaa galaafatu kun akkuma itti fufeetti jira. Haleellaan tibbana raawwatameefi badinsa lubbuu namoota hedduutiif sababa ta'e kunis haleellaawwan naannichatti raawwataman hunda caalaa hamaa ta'utuu himame.