Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beenshaangul Gumuz: Rakkoo nageenyaa uumameen walqabatee aanga'oonni 45 aangoorraa kaafaman
Qondaaltonni mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz kanneen rakkoo nageenyaa Godina Matakkal keessatti tibbana mudate keessaa harka qabaachuufi itti-gaafatamummaasaanii sirnaa bahuu dhabuun shakkaman tarkaanfiin irratti fudhatame.
Itti-gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Waajjira Beenishaangul Gumuz Obbo Yishaaq Abdulqaadir BBCtti akka himanitti aanga’oota mootummaa naannoorraa eegalee hanga aanaatti jiranirratti tarkaanfiin siyaasaa fudhatamuu himan.
Aanga’oonni mootummaa aanaalee Godina Matakkal keessa jiran 45 guutummaatti aangoorraa kan kaafamaniifi kanneen rakkoo uumame keessaa harka qabu jedhamanii shakkaman akka tarkaanfiin seeraa irratti fudhatmuuf ni hojjetama jedhan itti-gaafatamaan kun.
Akkaataa qorannoo gaggeeffameen aanga’oonni 45 kunneen dirqamasaanii sirnaan ba’uu dhabuu, nageenya uummataaf wabii ta’uu dadhabuufi osoo odeeffannoo qabanii maal na dhibdeedhaan rakkoo uummataa bira darbaniiru.
Kanneen keessaa namoonni 10 yakka raawwate keessaa harka qabu jedhamanii waan shakkamaniif seeraan to’atamanii jiraachuu himan Obbo Yishaaq.
Komishinii Poolisii Naannochaatti itti-aantota ta’uun kanneen hoogganaa turan qondaaltonni lama, akkasumas sadarkaa godinaatti hooggantoota ja’a, aanaalee Daangur, Bulan, Wanbaraa irraas bulchitoonniifi itti-aantonni kanneen itti-gaafatamummaasaanii sirnaan ba’uu dhabuun aangoorraa kaafamaniidha.
Qorannoon eegalame kun hanga gandaatti kan itti fufuudha kan jedhan Obbo Yishaaq, qondaaltonni kunneen karaa kallattiis ta’ee al-kallattiin rakkoo uumame keessatti hirmataniiru taanaan tarkaanfiin seeraa ni fudhatama jedhan.
Godinaalee kunneen keessatti maaliif nageenyi waaraa dhibe?
Qaamoleen haleellaa raawwatan bakka biraatii kan dhufan miti kan jedhan Obbo Yishaaq, dargaggoota bara darbe haleellaa naannoo Jaawwiitti mudateef mootummaan nuuf hin birmanne jechuun mufatantu bosona seenanii shiftaa ta’an jedhu.
Tibba haleellaan sun mudate aanga’oonni hooggansarra turan itti hin gaafatamne jechuun dargaggoonni komachuu kan ibsan Obbo Yishaaq, qaamoleen nageenya biyyaa hin feene ammoo dargaggoota mufatan kunneen daangaa Sudaan irratti hidhachiisanii leenjisuun uummatatti bobbaasan jedhan.
Miidiyaa hawaasummaatiin duulli ‘’Matakkal keenya’’ jedhu oofamaa turuu kan kaasan qondaalli mootummaa kun, dargaggoonni ammoo dhimma kanatti mufachuun egereen keenya garamitti deema waan jedhuun kanatti seenan jedhu.
Haleellaan aanaalee Bulaniifi Wanbaraa keessatti raawwate akka waan saba tokko qofarratti xiyyeeffatee godhanii miidiyaa hawaasummaarratti oofuun ammoo uummanni naannawa kanaa akka hin tasgabboofne taasiseera jedhan.
Naannochi tarkaanfii akkamii fudhachaa jira?
Humni addaa naannochaafi Raayyaan Ittisa Biyyaa uummata naannoo waliin ta’uun yeroo garaagaraatti tarkaanfii fudhachaa akka turan dubbatu aanga’aan kun.
Haala kanaan hanga ammaatti namoota haleellaa raawwate keessatti kallattiin hirmaatan 391 to’atamuu himan Obbo Yishaaq.
Godina Matakkal keessatti qondaaltonni itti gaafatamummaasaanii sirnaan ba’achuu dhabuun seeraan to’atamuun haaraa miti kan jedhan Obbo Yishaaq, ammallee manneen amala sirreessaa godinichaa keessa kan jiraniifi waggaa lama guutuu osoo himati irratti hin banamin kanneen hidhaa jiran jiru jedhan.
Kunis komii kaasiseera kan jedhan qondaalli kun, sababiin kun ta’ef ammoo dhimmi shakkamtoota kunneenii qorattoota qaamolee Federaalaa ta’aniin qabamee jiraachuusaati jedhan.
Qaamni Federaalaa yeroo yeroon dhufee dhimmasaanii ilaalaa turuu kan eeran Obbo Yishaaq, garuu haqa si’ataa ta’e dhabuun komii uumeera jedhan.
Haalli kun Godina Matakkal keessa qofa osoo hin taane Godina Kamaashii keessattis namoonni osoo himati irratti hin banamin waggaa tokko caalaa mana hidhaa jiran jiru jedhan.
Namoonni kunneen haqa si’ataa akka argatan Abbaa Alangaa Naannochaa waliin mari’achaa jiraachuus ibsaniiru.