Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Deeggarsi namoomaa karaa Affaar gara Tigraayitti qajeeluu mootummaan hime
Deeggarsi namoomaa konkolaataan 21 naannoo Affaar karaa Abaalaa gara naannoo Tigraay imalaa akka jiru mootummaan Itoophiyaa beeksise.
Ministeerri tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa ibsa FBC'f kenneen Dhaabbata Nyaataa Addunyaatiin deeggarsi namoomaa qophaaye konkolaataan fe'isaa 21 gara Tigraay imala jalqabeera jedheera.
Dhaabbileen deeggarsaa idila addunyaa rakkoo namoomaa hammaataa naannoo Tigraay keessa jiru furuuf tattaaffii godhan milkeessuuf mootummaan waan danda'amu hunda akka godhuufi kana milkeessuufis balaliin gargaarsaa guyyaa guyyaan akka jiraatu hayyamuu Ministeerichi ibsuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet gabaaseera.
Midhaan nyaataa dhaabbatni Nyaataa Addunyaa qopheesse kun guyyaa har'aa karaa yeroo hedduu sababa walitti bu'iinsi jiruuf sochiin danqameera jedhamee gabaafamaa bahe, Abaalaa gara Tigraay imaluu jalqabuutu ibsame.
Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaaf jecha Kaaba Itoophiyaatti dhukaasa dhaabuu isaa erga ibsee torbanii ol ta'us hoogganoonni TPLF erga labsiin sun labsamees deeggarsi naannicha gahe akka hin jirre komachaa turan.
Erga walakkeessa Muddeetii gargaarsi namoomaa Tigraay akka hin seennee fi namoonni miliyoonaan lakkaa'aman hanqina nyaataaf saaxilamanii akka jiran dhaabbileen gargaarsa namoomaa himaa turan.
"Aanga'oonni Itoophiyaa oduu sobaa gargaarsi namoomaa guyya guyyaan gara Tigraay seenaa jira jedhuun qilleensa guutaniiru" jechuun himata ibsi finciltoonni Tigraay Wiixata darbe baasan.
Guyyoota sadii dura xalayaan dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa tiwiitarii irratti qoodan ammoo erga dhukaasa dhaabuun labsamee "guyyoota afran darban gargaarsi namoomaa Tigraay dhaqqabe hin jiru" jedha.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaan ibsa Kibxata baaseen, gargaarsi namoomaa Tigraay kan hin dhaqqabiin sababa finciltoonni Tigraay ulaa gargaarsi namoomaa irra darbu cufanii jiraniifi jedhe.
"Mootummaan Itoophiyaa lammilee Tigraay jiran baraaruuf filannoo hundatti fayyadamee gargaarsa dhiyeessuuf sochii eegalullee, tumsa qajeelaa qaama gama kaanii hin arganne," jedha ibsichi.
Qorichootai, meeshaaleen wal'aansaa, nyaatawwan gabbifaman fi wantooti biroo xiyyaaraan geejjibsiifamuu danda'an naannoo Tigraay gahuu dhabuun sababa humna dhabuu dhaabbilee gargaarsaa ykn hoj-maata isaaniitiin malee rakkoo mootummaan miti jedha.
Ibsi mootummaa Itoophiyaa Kibxata darbe bahe konkolaataawwan 20 ta'an ammaan tana naannoo Affaar magaalaa Samaraa keessa dhaabbatanii jiru jedhee, kunis sababa hidhattoonni Tigraay ulaa Abaalaa naannoo Affaar keessatti argamu gargaari irra darbu cufanii jiraniifi jedhe.
Dhaabbileen gargaarsaa UN akka jedhanitti guyyaatti konkolaatawwan fe'umsaa 100 nyaata, meeshaalee gargaarsaa nyaata hin ta'iin akkasumas boba'aa fe'uun gara Tigraay seenuu qabu.
Akka UN jedhutti uummati naannoo Tigraay keessa jiraatu dhibbeentaan 90ni gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaada.