Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Mootummaafi finciltoonni Tigraay gargaarsi dhaqqabuu dhabuuf wal komatan
Mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraayitti gargaarsi namoomaa kanneen barbaachisu bira akka dhaqqabuuf jecha 'dhukaasa dhaabuuf' murteessullee gargaarsi nyaataa tokkollee naannicha akka hin dhaqqabne finciltoonni Tigraay himan.
"Guyyoota afran darban gargaarsi namoomaa Tigraay dhaqqabe hin jiru" jedha xalayaan dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa tiwiitarii irratti qoodan.
Mootummaan Itoophiyaa gargaarsa namoomaa akka dhaqqabuuf jecha dhukaasa dhaabuu hordofee finciltoonni Tigraayis akkasuma dhukaasa dhaabuu labsanii turan.
Erga walakkeessa Muddeeti gargaarsi namoomaa Tigraay akka hin seennee fi namoonni miliyoonaan lakkaa'aman hanqina nyaataaf saaxilamanii akka jiran dhaabbileen gargaarsa namoomaa himaa turan.
"Aanga'oonni Itoophiyaa oduu sobaa gargaarsi namoomaa guyya guyyaan gara Tigraay seenaa jira jedhuun qilleensa guutaniiru" jechuun himata ibsi finciltoonni Ti graay Wiixata baasan.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaan ibsa Kibxata baaseen, gargaarsi namoomaa Tigraay kan hin dhaqqabiin sababa finciltoonni Tigraay ulaa gargaarsi namoomaa irra darbu cufanii jiraniifi jedhe.
Mootummaan Federaalaa maal jedhe?
Murtee gargaarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuu dabarseen booda mootummaan Itoophiyaa gargaarsi namoomaa uummata Tigraay bira akka dhaaqabuuf sochii taasisaa ture jedhe ibsi Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa.
"Mootummaan Itoophiyaa lammilee Tigraay jiran baraaruuf filannoo hundatti fayyadamee gargaarsa dhiyeessuuf sochii eegalullee, tumsa qajeelaa qaama gama kaanii hin arganne," jedha ibsichi.
Balaliinsi gargaarsa namoomaa torbanitti al tokko godhamaa ture guyyaa guyyaan akka ta'u mootummaan dhaabbilee gargaarsaaf hayyama kenneera jedha ibsi kun.
Qorichootai, meeshaaleen wal'aansaa, nyaatawwan gabbifaman fi wantooti biroo xiyyaaraan geejjibsiifamuu danda'an naannoo Tigraay gahuu dhabuun sababa humna dhabuu dhaabbilee gargaarsaa ykn hoj-maata isaaniitiin malee rakkoo mootummaan miti jedha.
Gama kaaniin konkolaataawwan fe'uumsaa 43 gargaarsa namoomaa fe'an gama Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP)n gara Tigraay akka seenan hayyamamuu ibseera.
Konkolaataawwan 20 ta'an ammaan tana naannoo Affaar magaalaa Samaraa keessa dhaabbatanii jiru kan jedhe ibsichi, kunis sababa hidhattoonni Tigraay ulaa Abaalaa naannoo Affaar keessatti argamu gargaari irra darbu cufanii jiraniifi jedhe.
Mootummaan gargaarsi namoomaa uummata Tigraay bira akka dhaqqabu kutannoo qabaachuu himuun, finciltoonni Tigraay "sababoota gara garaa lafa naquu fi odeeffannoo dogoggoraa tamsaasuu irraa of qudatanii, waan isaaniirra eegamu akka bahatan" gaafateera.
"Aanaalee naanoo Amaaraa fi Affaar humnaan qabatan kan gargaarsi nyaataa keessa darbu gadi dhiisuun, waadaa dhukaasa dhaabuuf seenan akka kabajan dhaabbileen idil-addunyaa dhiibbaa akka godhan mootummaan waamicha dhiyeessa" jedha ibsichi.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sababa kuusaan nyaataa Tigraay keessaa dhumataa jiruufi karaan ittiin gargaarsi namoomaa dhiyaatu cufameef rakkoon namoomaa Tigraay keessa jiru akkaan hammaachaa jiraachuu akeekkachiiseera.
Dhaabbileen gargaarsaa UN akka jedhanitti guyyaatti konkolaatawwan fe'umsaa 100 nyaata, meeshaalee gargaarsaa nyaata hin ta'iin akkasumas boba'aa fe'uun gara Tigraay seenuu qabu.
Akka UN jedhutti uummati naannoo Tigraay keessa jiraatu dhibbeentaan 90ni gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaada.