Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi UKn murtee dhukaasa dhaabu jajjabeessan, tumsa goona jedhan
Mootummaan Itoophiyaa gargaarsi danqaa tokko malee kanneen rakkoo keessa jiraniif akka qaqqabu gochuuf tarkaanfii dhukaasa dhaabuu inni fudhate Ameerikaan miira gammachuun simatti jedhan Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinken.
Kutannoo mootummaan jaarmiyaalee gargaarsa namoomaa kennan waliin tumsuun hojjechuurratti agarsiisu akka deeggaranis himaniiru.
Tarkaanfiin kun ammuma hojiitti geeddaramuu akka qabuu fi lubbuun lammiilee baraaramuu akka qabu dhaamaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii dhukaasa dhaabuu kana kan labse Kamisa kaleessaa Bitootessa 24, 2022 yoo ta'u, tarkaanfiin kun battaluma sanarraa akka hojiitti hiikamus ibseera.
Kana hordofee finciltoonni Tigraay waggaa tokkoo fi baatilee torbaaf mootummaa waliin lolatti turanis dhukaasa dhabuu battalatti hojiirra oolu labsuu ibsa Kamisa halkan baasaniin beeksisaniiru.
Oduun kun kan dhagahame Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa gara Itoophiyaa imaluun aanga'oota Itoophiyaa waliin mari'achuun booda.
Akkasumas Wixineen seeraa HR6600 jedhamu, dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa irratti qophaa'e, mana maree bakka bu'oota Ameerikaatiif yeroo itti dhiyaateefi ''yoo ragga'e Itoophiyaafi nageenya gaanfa Afriikaa miidha,'' jedhamuun xiyyeeffannoo guddaa yeroo itti argatetti.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti ibsa miidiyaaleef Kamisa kennan keessatti, "wixineen seeraa kun sochii gaarii Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru ilaalcha keessa kan hin galchinefii keessattu adeemsa nagaa kan hin deeggarre akka ta'e kaasnerra" jedhan.
Mootummoonni US, EU fi UK maal jedhan?
Tarkaanfiin dhukaasa dhaabuuf fudhatame kun, lammiileen Itoophiyaa kanneen Tigraay fi kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti gargaarsa namoomaa barbaadan akka gargaaramaniif kan karaa saaquudha waan ta'eef jajjabeeffamuu qaba jedha ibsi Ministeera Haajaa Alaa US.
Tarkaanfiin kun adeemsa marii siyaasaa hirmaachisaa ta'e gaggeessuu keessatti isa ijoodha kan jedhe ibsi kun, nageenyaa fi badhaadhina hunda fayyadu mirkaneessuufis bu'uura ta'uu eere.
Kutannoon mootummaan agarsiisaa jiru akkuma jirutti ta'ee, garuu ammas taanaan qaamoleen waraana kana keessa jiran hunduu lammiilee nagaarratti yakka raawwachuurraa akka of eegan dhaameera mootummaan US.
Furmaata rakkoo kanaaf mariin karaa nagaa wayita taasifamutti, kanneen yakka dhala namaarratti raawwataa ba'an itti gaafatamummaa seeraa jalaa ba'uu akka hin qabnes akeekkachiiseera.
Mootummaan US qaamoleen waraana kana keessatti dhimmi isaan ilaallatu hundinuu tarkaanfii fudhanne jedhan gabbisuun hojiitti akka geeddaran, dhukaasni haala deebi'ee hin kaaneen dhaabbachuu akka qabu gaafateera.
Itoophiyaan biyya nagaa lammiileenshee nageenyummaansaanii mirkanaa'ee keessa jiraatan akka taatuuf deeggarsa irraa eegamuun akka biraa hin hafnes waadaa seene.
Gamtaan Awurooppaa gama isaatiin murtee mootummaan Itoophiyaa fi humnooti Tigraay dhukaasa dhaabuuf dabarsan kan simatuu fi gargaarsaan tumsuuf qophii ta'uu beeksise.
Mootummaan UK murtee mootummaa Itoophiyaa deeggaruun yaalii gargaarsa cimsuu mootummaan gochaa jiru tumsuuf qophiidha jedhe.
Miseensi paarlaamaa UK Vikii Foord mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaaf karaa banuuf jecha nagaa buusuu isaa akka deeggaran ibsan.
Mootummaan federaalaa deeggarsi danqaa malee gara Tigraay akka geeffamuuf nagaa buuseera, qondaaltonni Tigraayis gamasaaniin dhukaasa dhaabuun naannoo Affaar gadhiisanii ba'uu qabu jedhan.
Tarkaanfiin kun gara hojiitti hiikamuun, deeggarsi danqaa malee uummata rakkoo keessa jiru bira ga'uu qaba kan jedhan miseensi paarlaamaa UK kun, mootummaan UK deeggarsa namoomaa kennuuf qophii ta'uu himan.
Waraana kaaba Itoophiyaan hanga ammaatti namoonni meeqa du'an kan jedhu baruuf haalaan rakkisaa tahus, dhiyoo kana Beeljiyeemitti Yunivarsiitiin Ghent Naannoo Tigraayitti ajjeechaa, beelaa fi qoricha dhabuun hamma yoonaa namoonni nagaa 300,000 hanga 500,000 tahan du'aniiru jechuun qorannoosaa ifa godheera.