Ergamaan Addaa Ameeriikaa Deeviid Saatarfiild aanga'oota Itoophiyaa waliin maal mari'atan?

Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Ambaasaadar Deeviid Saatarfiildi xiyyeeffannaan biyyasaanii inni olaanaan dhiyeessitii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay kan waraanaan miidhamee ta'uu dubbatu.

Ambaasadarichi dowwannaa isaanii Itoophiyaatti guyyaa lamaaf taasisaniin booda madda oduu Rooyitarsiitti akka himaniitti, ammaan tanattis xiiyyeeffanaan bulchiinsa Joo Baayidan qaxanichaa naannoo Tigraay kan sababii waraanaatiin miidhameef deeggarsa namoommaa qaqabsiisuu ta'u himan.

Ergamaan Addaa kunis turtii isaanii guyyaa lamaatiin Gaanfa Afriikaatti Ergamaa addaa Gamtaa Afriikaa Oluusaaguun Obaasanjoo, Ministira Dhimma Alaa fi Ittaanaa Ministira Mimmee Itoophiyaa Damaqaa Makonniin waliin wal arganiiru.

Kaayyoon Motummaa Ameerikaa deegarsa namoomaa Naannoo Tigraayiin qaqabsiisuudha jechuun ''kana caalaa dhimmi xiyyeeffannoo argachu qabu hin jiru... Kan gochaafi jechaa jirruu kaayyoo deeggarsa namoomaa mikeessuufi itti fufsiisuu daneessisuudha,'' jedhan.

Ambaasaadar Saatarfiildi wayita Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dammaqaa Makonnii waliin wal arganiitti ministirichi Motummaan Itoophiyaa deeggarsi namoomaa addaan hin cinnee gara naannoo Tigraay akka galuuf qophii ta'u dubbachuusaanii waajjirri Dhimma Alaa itoophiyaa beeksiise.

Haata'u malees sababii hidhattootta TPLFn dhiyeessitii deeggarsa namoomaa rakkoon mudataa jiraachu ergimichaatti himuu Waajjiirri Dhimma Alaa miidiyaa hawaasaa isaarratti himeera.

Torban darbee keessa deegarsi namoomma naannoo Affaarriif ergamee ture darbuu akka hindandeenyeef dhorkamuu ergamaan Addaa Rooyitarsiitti himaniiru.

Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa konkolaattoonni deeggarsa namoommaa fe'anii gara Affaar imalaa turan Bitooteessa 19 fi 20 osoo bakka yaadameef hin qaqabiin rakkoo mudateen fe'umsa saanii waliin gara Samaraatti deebii'usaanii BBCtti himee ture.

Motummaan Itoophiyaa gamasaatiin konkoolaatoota deeggarsa namoomaa dhaabbilee deeggarsa namoomaa gara biraa waliin ta'uun gara naannoo Tigraayiitti ergee ture humnootii TPLFn gara Affaariitti deebii'uuf dirqamu beeksiiseera.

Waraanaa Kaabaa biyyattiitti motummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti umameen kutaan kaaba biyyattii miidhaa namoomaafi qabeenyaa olaanaaf saaxilameera.

Haala rgaa UN baaseetiin kaaba Itoophiyaatti naannoolee Tigraay, Affaar fi Amaaraa keessatti namoonni gara miiliyoona 10 ta'an deeggarsa namoomaa barbaada.

HR 6600 fi S3199

Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa Makoonni wayita Ambaasaadar Deeviid waliin marii'ataniitti wixiinneewwan seeraa HR6600 fi S3199 Ameerikaan wixiineessaa jirtuu kan waliitti dhuufeenyaa fi seenaa dheeraa biyyoota lamaan jidduu ture calaqasiisuu miti jechuusaanii waajjirri Dhimma Alaa beeksiiseera.

Obbo Dmmaqaan wixiineen seeraa kunis Itoophiyaatti nagaafi dimookiraasii dagaagsuu irra lammiilee nagaa waan hubuuf motummaan Ameerikaa seera kana akka kufiisuu amntaan qaba jechuun Ambaasadar Saatarfiildiitti himuunis ibsameera.

Ameerikaan wiixineen seeraa HR6600 fi S3199 motummoota Eriraafi itoophiyaa irra akkasumas namoota dhuunfaa waraana kaaba biyyattiitti gaggeeffamee keessatti badii raawwataniiru jedhaman irra qoqqophii kaa'uuf dandeessisuu ifa taasifte.

Wiixineewwan seeraa kunneenis Joo Baayidaniin kan raggaasifaman yoo ta'e, Ameerikaan dhimmoota Nageenyaa, faauinaansii, invastimantii fi immigireeshiniitiin biyyoota lamaaniifi namoota dhuunfaa irra qoqophii ni keessi.

Yaalii nagaa Itoophiyaa

Obbo Damaqaan Makoonnin marii ergamaa adda kana waliin taasisaniin waa'ee yaaliiwwan mootummaan Itoophiyaa biyyatti nagaafi tasgabbii buusuuf raawwatee himaniiru.

Ministirri Dhamma Alaa Damaqaan motummaan isaanii nagaa buusuu fi waliigaltee uumuuf namoota siyaasaa mana hidhaatii gadhiisuu, itti aansees labbisii yeroo muddamaa kaa'amee ture osoo yeroon hingahiin kaasuu akkasumas n marii biyyaaleessaa gaggeessuuf yaalii taasifamaa jiru ilaalchisuun ibsaniiru.

Deevid Saatarfiildi yaalii motummaan Itoophiyaa biyya tasgabbeessuuf taasisaa jirtiif dinqisiifatamtee jirti, haaluma kanaan haa hubattus jechuu waajjirri Dhimma Alaa beeksiiseera.

Waraanni Kaabaa itoophiyaa waggaa tokkoofi baatiiwwan jaha lakkoofsiisee gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti babalatee ilaalchisuun Ameerikaan dhimmicha hordofaan kan turte yoo ta'u wal dhabdichi mariin xumuramuun dhukaasa dhaabuun akka taasifamuuf dhiibbaa taasisaa turte.

Kanaan alattis qaamoolee waraanicha keessatti hirmaatan keessattuu tarkaanfiiwwan diinagdeefi imalaa motummaa Itoophiyaa irratti qiyyeeffatan fudhachuunshee ni yaatama.

Motummaan Itoophiyaa ammoo tarkaanfii kana mormuun yeroo garaa garaatti komiisaa ibsataa tureerra.