Waraana Kaaba Itoophiyaa: Gaanfa Afrikaatti ergamaan haraa US Itoophiyaa, Saawud Arabiyaafi Sudaan daawwachuuf

Dippilomaatonni Ol-aanoo Ameerikaa torban dhufu daawwannaa hojiii guyyoota afuriitiif gara Finfinnee, Kaartumiifi Riyaaditti akka imalan ibsame.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan haaraa US, Daaviid Saatarfiild fi Assistaan Sakireetaarii Molii Fii aanga'oota ol-aanoo torban dhufurraa kaasanii Itoophiyaa, Saawud Arabiyaafi Sudaan daawwachuuf jiran akka ta'e Isteet Dippaartimet ibsa Jimaata baaseen himeera.

Kaayyoon daawwannaa aanga'oota Ameerikaan kunneen taasisaniifis Itoophiyaan akka walitti bu'insa biyyattii keessa jiru dhaabduuf gargaaruuf jedhameera.

"Aanga'oonni mootummaa haleellaawwan qilleensarraafi walitti bu'insawwan biroo dhaabuun…marii biyyaalessaa hunda hammateef bu'uura kaa'uun ulaa nagaaf amma baname kanatti akka fayyadamaniif ni jajjabeessu," jedha ibsi kun.

Jimaata Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) Tigraayitti erga waggaan haaraa seenee haleellaa qilleensarraa humna qilleensaa Itoophiyaan gaggeeffame jedhameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 108 ajjeefamanii, 75 kan ta'an ammoo madaa'uu ibsee ture.

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa ta'uun Eala bara darberraa kaasanii tajaajilaa kan turan Jeefrii Feltimaaniin kan bakka bu'an Deevid Saatarfiild, hariiroo alaa US keessatti muuxannoo waggoota afurtamaa ol akka qaban himama.

Akka ibsa Isteet Dippaartment kanaatt, dhimmoota Afrikaatiif itti-gaafatamoo kan ta'an Saaterfiild fi Fiin Wixataa hanga Kamisaatti kan biyyoota sadeen kanneen daawwatan.

Turtii magaalaa guddoo Sawudii, Riyaad, keessatti taasisaniin Sudaaniif "ce'umsi gara dimokiraasiitti sivilootaan durfamu" akka milkaa'uuf deeggaru. Magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuum, gaafa deeman ammoo aktiivistoota dimokiraasii deeggaran, humna waraanaafi gaggeessitoota siyaasaa waliin wal-dubbisuuf jiru.

Sudaan keessatti erga waliigalteen aangoo qoodachuu bara 2019 irraa jalqabe Onkoloolessa 25, 2021 humni waraanaa aangoo dhuunfatee as bulchiinsi sivilii akka aangootti deebiyuuf lammileen biyyattiin hedduun mormiin daandii dhiphisaa jiru.

"Ergaan isaanii ifadha: Yunaayitid Isteet walabummaa, nagaafi haqa ummata Sudaaniinf ni dhimmamti," jedha ibsi kun.

Odeeffannoo isiniif ta'uu malan biroon: