Waraana Kaaba Itoophiyaa: MM Abiy Ahimad waraanatti xumura tolchuuf 'itti-gaafatama addaa qabu' – Koree Badhaasa Nobeelii

Badhaafamaa Noobelii Nagaa bara 2019 kan tahan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa miidhaa jiru akka xumura itti tolchan Koreen Noobelii Noorway gaafate.

Badhaafaman Noobelii Nagaa Abiy Ahimad, waraana dhiiga dhangalaasaa jiru kana dhaabuuf, ''itti gaafatamummaa addaa'' qabu jedhe korichi ibsa baaseen.

Berit Reiss-Andersen, Hoggantuun Koree Badhaasa Noobeli MM Abiy waraanicha dhaabuun karaa nagaan akka hiikamu gochuu qabu jechuu isaanii AFP'tu gabaase.

Waraana Itoophiyaa ilaalchisee koreen Noobelii kun ibsa yeroo baasu yeroo baay'ee hin mul'atu.

Dhimma kana irratti deebii kan kennan Dubbii Himtuun Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum mootummaan itti - gaafatamummaa isaa sirnaan baheera jechuun isaanii gabaafameera.

''Dhuguma MM Abiy waraana TPLF'dhaan itti baname xumura tolchuuf 'itt-gaafatama addaa' fudhataniiru.

''Waraana waggaa darbe qofa osoo hin taane garee diigumsaa TPLF kan paarlaamaa Itoophiyaan labsii shororkeessummaa jalatti galmaa'etti xumura tolchuuf dirqama fudhatee socho'eera,'' jechuun himan.

Dubbiin Koree Nobeelii Nagaa kuni yeroo bulchaan Itoophiyaa waraanarra nagaa lallabuu eegalaniifi marii biyyaalessaa gaggeessuuf sochiin taasifamaa jiru dhagahame.

MM Abiy waraana Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waggoota 20'f turetti xumura gochuun biyyoota lamaan gidduutti araara buusuuni badhaasa Noobelii Nagaa kan mo'atani.

Ta'us, waggaa tokko booda waraana federaalaafi humnoota TPLF gidduutti waraanni gara biraan baname.

Waraanichi sarbama mirga namoomaa hamaa, ajjeechaa fi rakkoolee deeggarsa namoomaa hamaan akka dhaqqaban waan godheef hawaasni idil-adunyaa nagaan akka bu'uuf watwaataa ture.

Kana duras Dubbii Himtuun MM Abiy Billanee Siyyuum Badhaasni Noobeli Nagaa ''yeroo biyyi rakkoo keessa jirtutti cancala akka hin hojjenne harka si hidhu miti,'' jedhanii turan.

Ibsi koree Badhaasa Noobelii kun akka nagaan bu'uuf dhiibbaa ni taasisa jedhamee amanama.

Erga Sadaasa bara 2020 as Kaaba Itoophiyaa keessatti waraanni cimaan deemaa ture.

Buufatni Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa humnoota TPLF'n erga haleelamee booda ture MM Abiy Ahimed loltoota isaanii gara naannichaatti kan ergan. TPLF dursee ofirraa ittisuuf haleellaa raawwatuu hime.

Waraanichaan kumi hedduu ajjeefamuun miliyoonaan ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Tibbana Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsa meeshaalee fayyaa naannicha seensisuuf yaaluus akka dhorkame hime. Mootummaan Itoophiyaa himannaa kana hin fudhatu.

''Deeggarsi namoomaa naannicha keessaa haala hamaa irratti argama, deeggarsi namoomaa gahaan akka hin galle gochuun fudhatama hin qabu,'' jedhan dursituun koree Badhaasa Noobelii Nagaa, Reiss- Andersen.

Ibsa miidiyaaleef kenname irratti Daarikterri Ol aanaan Humaan Raayits Waach, Keeneet Root, biyyootni kaan Abiy deeggarsi akka seenu akka eeyyamaniif dhiibbaa gochuu qabu jedhan.

''Kun adabbii waliigalaan fudhatamaa jirudha. Kun humnoota TPLF adabuu miti. Kun uummata naannoo Tigiraay keessaa adabuudha...'' jedhan Root.

Waraanni waggaa tokko dura naannoo Tigiraay keessatti jalqabe gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'achuun namootni hedduun akka lubbuu dhabanii fi qabeenyi manca'u godheera.

Abiy Ahimad erga gara adda waraanaatti imaluun loltoota isaanii lolchiisanii humnootni TPLF naannoo Affaarii fi Amaaraa keessaa baafamaniiru.

Mootummaan waraanni federaalaa Tigraay akka hin seenne ajajuus haleellaan gama xiyyaaraan garuu akka raawwataa jiru gabaasaaleen ni mul'isu.

Haleellaan kunis lubbuu lammiilee nagaa du'aaf akka saaxile ibsuun dhaabbileeniifi biyyoonni lammiilee nagaaf eegumsi akka taasifamu dhaamaniiru.