Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Jaalalaafan Yukireen dhufe, hanga waraannni xumuramutti jaalalumaanan as tura'
Jaalalaa irraa kan ka'ee daandii baadiyyaa duwwaatti hafuun dhukaasa qawwee dhagahaa jira. Jijjiramni maxxansawwan toora instagiraamii Silaadjaan Gaajik erga weerarichaatiin booda jireenyi Yukireen keessatti attamiin akka geedarame agarsiisa.
''Kun magaalaa xiqqoodha, garuu si'oftuufi ko'ommattuudha,'' jedha dhalataan Sarbiyaa Slaadjaan kan amma Yukireeniitti argamu.Baatii jahaan dura ture magaalaa kibba Liviiviitti fageenya km 65 iratti argamtu Stryiitti haadha warraa isaa lammii Yukireen Anaa waliin jireenya haaraa eegaluuf kan imale.
''Amma sodaan bakkuma jira. Magaalaan tun alkan kana ykn barii itti aanu akka haleellamtu gonkumaa hin beektu. Guyyaa hundaa lubbuun dabarsuun keenya eebba,'' jedhan dargaggoon waggaa 30 kan oggummaa meeshaa manaa tolchu qabu kun.
Balaan haleellaa Raashiyaan raawwatamu haaluma dabalaa jiruun, misirroonni kunneenis gamoowwan jalatti namoota hin beekne waliin dabarsuufi akeekkachiisa balaa yeroo atattamaa dhagahuun qaama jiruu guyyaa guyyaa ta'eera.
Misirroota silaa amma gaa'ilasaanitiin booda maatiifi hirriyootaan marfamanii gammachuun jiraachu qabaniif kun mudannoo addaati.
''Jaalala jechuun haala gammachuun nama gara biraa siif barbaachisaa itti ta'uudha,'' jechuun ture suura Slaadjaan Anaa waliin bataskaan fulduratti wayita gaa'eela isaanittif waadaa itti gala agrisiisuu jalatti barreessuun instaagiraam irratti maxxanse.
Barreeffamni kunis wayita ammaa yeroo Anaan Yukireen keessa turuun maatii ishee eeguuf murteessite kanatti caalaa hiikaa kenna.
''Yukireen keessaa hin bahu. Hanga dhumaatti asuman tura. Maatiin kiyya asi jiru, asumattin fuudhe. Kanaafu gonkumaa haadha warraa tiyyaafi maatii ishee dhiisee hin bahu,'' jedhan Slaadjaan.
Seenaa jaalalaa waraana waliin
Slaadjaan fi Anaan osoo lamaanu biyya isaanii keessa jiraatanuu bara darbe karaa appii ittiin jaalalleen barbaadamu (dating app)n wal baran.
''Yeroo jalqabaatiif qaamaan kan wal agarree buufata atobisii Liviiv keessatti. Wayita wal agarrettis cimsine wal hammanne. Baayyee dinqii ture,'' jedha Slaadjaan.
Gaa'ila isaatiif jechas mana barnootaa Cheesii kan Sarbiyaa-Vrnjaackaa Baanjaa keessatti barsiisaa ture ni dhaabe. Isa dhiiseeti kan Lixa Yukireen bakka Anaan barsiiftuu afaan Ingiliizii taatee itti barsiiftutti kan godaane.
''Jaalalli ishee anaaf waan hunda,'' jedha.
Slaadjaan warshaa meeshaa manaa tokkoo keessatti battaluumaan hojii argate. Haata'u malee wayita rakkoo hamaa Yukireen mudataa jiraachu kan hubate osoo dabaree ganamaa irra hojjataa jiruu ture.
''Bitooteessa 24 guyyaa Kamisaa ganama hojiin keenya akkuma tasaa jeeqame. Akka gara atobisiitti fiigneen gara magaalaatti deebinu nutti himame. Wanti ta'e mudataa jiraachu dhageenye garuu kan ta'e sirriitti kan beeku omtu hin turre,'' jedha.
Daqiiqaawwan muraasa keessatti warshaa guutuu keessa namoonni baafaman.
''Osoo gara manaatti deebii'aa jirruus daandiiwwan cufamanii agarre. Achinis seensi buufataalee poolisii dahannoo cimaadhaan haguugamee agarre,'' jedha haala ture yoo ibsu.
Magaalaa dulloomtuu nagaa qabeettinis battalumatti loltoota meeshaalee waraanaa cimaa hidhataniifi poolisootaan guutamte.
Warshaan Slaadjaan keessa hojjataa tures bakka soofaa, minjaalafi siree omishuu loltootaafi kanneen fedhiin lolaniif uffata alkanii omishuu eegaleera.
Ajaja waraanaa
Yeroo gaaffiifi deebiin kun Slaadjaan waliin taasifameetti, dubartoonni magaalaa isaa irra caalaan loltootaaf nyaata bilcheessaa ykn daa'immaniif jaarroolii waliin baqatanii kan jiran yoo ta'u, dhiironni hundi ammoo meeshaa baataniiru jedha.
Lammiileen Yukireen umuriinsaanii waggaa 18-60 ta'e hundi biyya keessa akka turaniif ajajni motummaa biyyatiin labsameera.
Abbaan hadha warraa isaa Anaa oggummaan isaanii mahaandisa yoo ta'an Liviiv keessa dhaabbata boba'aa keessa hojjatu. Umuriinsaa waggaa 54 waan ta'eef Yukireen keessaa bahu hindanda'u.
''Kan asuma turuuf murteessineefis kanumaaf'' jedhan sababa maaliif Yukireen keessaa hin baaneef yoo himu.
Slaadjaan waan lammii biyya biraa ta'efuu waraanaaf hin filatamne.
''Ani lammii Yukireen miti. Kanaafu kun lola kiyya miti, garuu ammoo maatii kiyya eeguuf waan naaf danda'amu hunda nan raawwadha,'' jedha.
"Jireenyi keenya tarkaanfii Putiin kan itti aanu irratti hundaa'a. Maal akka raawwatuus kan beeku hin jiru. Namticha tokkichatu carraa miiliyoonotaa harkaa qaba.''
Miisaa'eeliin Raashiyaa dhiyaachaa dhufeera
Bakki isaan jiraatan Striin akka eddoowwan ollaa biraa haleellaa Raashiyaa jala hin galle ture.
Garuu ammoo sagaleen miisaa'eelii gara naannichaa namoota kumaatamaaf eddoowwan Yukireen biraatii baqataniif bakka baqannaa ta'eetti dhiyaataa jiraachu ni dhagahama.
Guraandhala 18 irratti dhaabbata suphaa xiyyaaraa kan Liviiv irraa fageenya km 6 irratti argamu misaa'eelii raashiyaatiin rukutame.
''Haallisaa baayyee cimaa ture. Innis bakka nuti jiraannu irraa baayyee hin fagaatu,'' jedha Slaadjaan BBCtti wayita himeetti.
"Erga haleellaa sanaatii kaasees amma jidduugala magaalattii keessatti lafa jala dhokannee jirra.''
Sagaleen akeekkachiifuu yeroo balaa alkanii guyyaa dhaggeessa. ''Yeroo hunda guyyaa itti aanuuf lubbuun hafuu kee yaadda,'' jedha haalicha yoo ibsu.
Yaadannoowwan waraanaa
Sagaleen waraanaa Slaadjaaniif haaraa miti. Yeroo ijoollee tureetti haleellaa Yugozilaaviyaa ni yaaadata.
Bitooteessa 1999 keessa ture Nato haleellawwan kan daangaa yeroo sana Yugoozilaaviyaa jedhamurratti kan raawwate. Tarkaanfichis bulchiinsi Slobodaan Miloosivichi akka humnootii waraanaa saa Kosoovoo keessaa baasuu dirqisiisuuf ture.
Haleellaan sunis guyyoota 76f erga gaggeeffameen booda kaayyoosaa galmaan gahe- garuu ammoo Beelgureedi keessatti gamoowwan motummaatii kaasee badiiwwan heddu qaqqabsiise.Slaadjaan ''haleellaawwaniifi dhohiinsa boombii raawwataman'' sirriitti yaadata.
Kana ammaatiin adda kan ta'u, loltoonni Nato haleellaa isaa bara 1999 rawwateen eessa akka reeban sirriitti beeku turan. ''Amma asi Yukireen keessatti Raashiyaan kallattii biyyaa hundaan dhokaasaa jirti. Bakki nagaa tokkooleen hin jiru,'' jedha.
"Amma jaarraa 21ffa keessa jirra. Meeshaa waraanaafi teknoolojii haaraatu faayidaarra oolfama.'''Yoon lubbuun oole'
Suuraan Slaadjaan osoo waraanni Yukireen hin eegaliin dura yeroo dhumaatiif toora Instagram isaarratti qoodees kan seeqaa Liviiv keessatti ka'e ture.
''Osoon taatee kun akka yeroo hundaaf itti fufuuf dhaabuu danda'a ta'e,'' jechuun suuraa haati warraasa Anaan isa kaafte jalatti barresseera,
Amma garuu maxxansi instagram irraa irra caalaan taatee waraanaa fi kadhannaa nagaati. Anaan karaa intarneetiin afaan Ingiliizii barsiisuufi uffata dambii loltootaa hodhuu eegalte jirti.
Suuraan isaanii waliinis guyyaa Bitooteessa 8 maxxanfameera. Anaan illiillii qabattee wal hammatanii ka'an.
''Guyyaa Dubartoota Addunyaa Gammachuu,'' jechuun jalatti barreesseera.
Haatiifi abbaan warraa kunneenis haalli amman jiru sana agrsiisuu baatulleen gara fuula duraatti jireenya gammachu waliin qabaachuuf hawwu.
''Jaalalaaf jedheen gara yukireen dhufe. Hanga waraanni kun xumuramuttis jaalalaaf jecha asuman tura,'' jedha Slaadjaan.
"Yoon lubbuun oolee, jireenya haaraa eegalla.''