Dhimmoota afur mootummaafi TPLF irratti waliigaluu dadhabuu malan

Mootummaan Itoophiyaa torban darbe keessa gargaarsi namoomaa danqaa malee gara Tigraay akka seenuuf dhukaasa dhaabuuf murtee dabasuu isaa hordofee TPLF tarkaanficha akka fudhatuu fi hojiirra akka oolchu beeksisee ture.

Qaamoleen adda addaas waliigaltee gara lamaanii kana irraa ka'uun gara marii waraana baatiiwwan 17 ture dhaabsiisuuf taasisuutti akka ce'amuuf waamicha taasisaa jiru.

Tarkaanfiin deeggarsa namoomaaf jecha dhukaasa dhaabuu kunis, abdii yaaliiwwan jaarsummaa qaamolee adda addaatiin taasifamaa ture bu'aa qabeessa taasisuu danda'a jedhu uumeera.

Waraanni kaaba biyyatiitti gaggeeffamu akka dhaabbatuuf, ergamaan addaa Gamtaa Afriikaafi pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Maqaleefi Finfinneetti deddebi'uun yaalii taasisaa turan.

Akkasumas Ameerikaan dippiloomaatota ishee, akkaataa ergamaa addaatiin muuduun, yeroo garaa garaatti yaaliiwwan taasisaa turte.

Kana malees pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataas yaalii nagaa kana taasisaa turuunsaanii ni yaadatama.

Haata'u malee yaaliiwwan kanneen hunda boodas wal dhabdee mootummaafi TPLF jidduu jirurratti nagaa buusuuf bu'aa qabatamaan argame hin jiru.

Gama mootummaa federaalaatiin yaaliiwwan araaraa TPLF waliin taasifamu irratti odeeffannoon kenname ykn dhimmi akka danqaatti eerame homtuu hin jiru.

Haaldureewwan kanaan dura TPLF kaa'eefi haala humnootii wal dhabdee kana keessatti hirmaataa jiran irraa ka'uun, dhimmoonni afur yaalii nagaa kanatti gufuu ta'an maal fa'i? jechuun ilaaluuf jirra.

Gaaffii abbaa qabeenyumaa iddoowwan waldibdeen itti uumamee

Bara TPLF siyaasa biyyattii olaantummaan hoogganaa turetti sirna federaalaa eenyummaa bu'uureffateen biyya bulchaa ture. Kunis daangaa bulchiinsa keessoo duraan ture irratti jijjirama akka fidee qaamoleen kaasan jiru.

Kana hordofees keessattuu gaaffiiwwan daanagaa biyyattii naannolee jidduutti ka'an keessaa kan naannolee Amaaraafi Tigraay jidduutti yeroo dheeraaf ture kanneen eeraman keessaa tokko.

Naannoo Amaaraa fi Tigraay gama kaaba lixa biyyattiin karaa daangaa Sudaaniin naannoo bal'aafi gabbataadha jedhamanii akkasumas gama bahaatiin ammoo karaa daangaa Afaariin eddoowwan hedduutti gaaffiin irratti ka'aa ture.

Naannowwan kunneenis misooma qonnaatiif mijataaafi sochiilee adda addaatiif murteessoo ta'usaaniitu himama.

Gaaffiin naannoo Amaaraatiin eddoowwan kanneen irratti baroota dheeraaf ka'aa ture, waraanaa Tigraayitti ka'e hordofee humnootiin naannichaa naannawa kaaba-lixaa to'annoo jala erga galfatanii waggaa tokkoo ol ta'eera.

Naannooleen lamaanuu eddoowwan kunneen dhuunfachuuf fedhii olaanaa kan qaban yoo ta'u, qaamoleen lamaanuu dhimma kana akka mata duree mariitti kan dhiyeessan akka hin taane ibsaa turaniiru.

Kanaafuu ejjannoo cimaa naannoleen lamaanuu eddoowwan kanneen irratti qabaniifi abbummaa seenaa akkasumas faayidaa naannowwan madda waldhibdee ta'an kana irraa ka'ee, marii waraana dhaabuuf taasifamu irratti danqaa olaanaa akka ta'u tilmaamama.

Dhimma humnootii Tigraay

Osoo waraanni Tigraayiitti hin eegalamin dura humna nageenyaa naannoo Tigraay jalatti miseensonni humna addaa kumaatamaan lakkaa'aman leenji'uusaanii himamaa tureera.

Erga waraanni Sadaara 4, 2020 naannichatti eegaleen boodas naannichatti loltoonni hedduun kan leenjifaman yoo ta'u, wayita waraanichi gara naannolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'atettis irratti hirmaataniiru.

Akkasumas wayita waraannni Eritraa waliin gaggeeffame irrattii fi muddama waggoota gara digdamaatiif ture keessatti meeshaan waraanaa biyyattii irra caalaan naannoo Tigraay keessatti kuufamee turuufi wayita waraanni Tigraay eegalettis meeshaalee jajjaboon harka TPLF galuutu himama.

Kana malees aanga'oonni humnoota Tigraay baayyeen isaanii miseensotaafi loltoota TPLF duraanii ta'unsaanii humni nagaa naannichaa danaa addaa akka qabaatu taasiseera.

Yeroo ammaa kanatti humna ittisa Tigraay keessa loltoonni meeqaafi meeshaan waraanaa hangam akka jiru beekamuu baatulleen, humni yeroo kamittu motummaa federaalaan loluu danda'u jiraachuun garuu wal nama hin gaafachiisu.

Kanaafuu humnootiin Tigraay meeshaa waraanaa olaanaa hindhatanis mootummaa federaalaatiif yaaddoo ta'uun itti fufuunsaanii hin shakkisiisu.

Bulchiinsi Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad wayita marii nagaatiif taa'utti waraanni kun akka bittinnaa'u ykn hidhannoo akka hiikkaatuuf haalduree kaa'unsaa hin oolu ta'a.

Gama biraatiin ammoo diinaan marfameera kan jedhu TPLF, kun dhimma mariif dhiyaatu ta'uu hin danda'u jedha ta'a.

Anga'oonni Tigraayis yeroo adda addaatti akka cimsanii dubbatanitti, humna naannichaa hidhannoo hiiksisuun dhimma mariif dhiyaatu miti.

TPLF gama kaabaatii humnootiin nageenyaa Ertiraa, gama kibbaatiin naannoo Amaaraa akkasumas karaa bahaatiin ammoo kan Affaar yaaddoo natti ta'aniiru jechuun himata.

Dhiyeessii gargaarsa namoomaa

Dhimma dhiheenya kana nagaan bu'uuf akka jiru abdii kennee ture keessaa tokko tarkaanfii qaamoleen wal waraanaa jiran lamaanuu dhukaasa dhaabuuf taasisan ture.

Tarkaanfiin kunis gara nagaa walitti fufaatti geedaramuu kan danda'u yoo deeggarsi namoomaa eddoo karoorfameef qaqabeedha.

Yeroo ammaa kanatti namoota Affaar fi Tigraay jiran deeggarsi namoomaa haala barbadamuun gahaa akka hin jirre dhaabbileen idil-addunyaa ibsaa jiru.

Mootummaan federaalaa Bitooteessa 31, 2022 dhiyeessitii deeggarsa namoomaa karaa Aba'aalaatiin gara Tigraayitti seensisuu jalqabuu ibsullee, imalli lafoo kun kan danqamu yoo ta'e waliigalteen jalqabarra jiru kun diigamuu danda'a.

Ittigaafatamtuun dhaabbata gargaarsa Ameerikaa, USAID, Saamaantaa Paawoor, xiyyaaronni kan fe'uu danda'an waan muraasa qofa waan ta'eef deeggarsa namoomaa karaa lafootiin geessuun murteessaa ta'uu himan.

Humnootiin TPLF karaa deeggarsi namoomaa darbuun to'atanii turuunsaanii walitti bu'iinsichaaf karra banuu danda'a.

Sababii walitti bu'iinsaatiin deeggarsi qaqqabuu yoo baate ammoo nageenya waaraa buusuun hafee tarkaanfii waraana dhaabuu, namoomaaf jedhamee labsame mataansaa rakkoo keessa galuu danda'a.

Dabalataanis tajaajilli bu'uuraa waggaa tokkoofi baatiiwwan shaniif adda citan kan akka bilbilaa, ibsaafi baankii deebisanii eegalchiisuuf haaldureewwan kaa'aman kan jiraatan yoo ta'e kunis danqaa biraa ta'uu mala.

Dhimmoota seeraa

Dhimmi biraa waldhabdee kaaba Itoophiyaatiif nagaan akka hin buuneef danqaa ta'uu malu, haala gaaffiiwwan seeraan wal qabatan ta'uu danda'a.

Paarlaamaan biyyattii TPLF shororkeessaa jechuun farrajeera. Akkasumas aanga'oota TPLF jedhaman, biyya ganuufi balleessaawwan cimaa biraatiin himannaan irratti banamuun ajaji itti baheera.

Mootummaan federaalaa nagaa buusuuf jecha, qaama shororkeessaa jechuun farraje waliin taa'ee marichuu dana'aa? kan jedhus dhimma deebii barbaaduudha.

Mootummaan garee shororkeessaati jechuun kan farajee TPLF tarree sanarra haquufi aanga'oota TPLF himannaa irratti bane adda kutuuf hangam qophaa'aadha? Danqaawwan gama kanaan mudachuu malu hoo attamiin keessa darba?

Kanaan dura TPLF mootummaa federaalaa waliin mari'achuuf haaldureewwan kaa'ee keessaa tokko hidhaan haa dhaabbatu kanneen hidhaman haa gadhiifaman kan jedhu ture.

Mootummaan federaalaas aanga'oota TPLF duraanii mana hidhaa turan keessaa muraasa isaanii baatiiwwan muraasa dura gadhiiseera. Kanaanis wal qabtee deeggartoota mootummaa dabalatee mormii cimaan ka'aa ture.

Haala kanaan himannaa aanga'oota TPLF seeraan barbaadamaniifi qabeenyaan isaanii jalaa qabamee haquu fi kanneen hidhaa jiran gadhiisuun, dhiibbaa qabaatu tarii yaalii nagaa taasifamaa jiruuf danqaa gara biraa ta'uu mala.

Odeessaalee wal fakkaatan፡