Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imalli waggaa afurii MM Itoophiyaa Abiy Ahimad maal fakkaata?
Waggoota afur of duuba yoo deebine, Eebla 02 bara 2018 guyyaa itti Itoophiyaan Ministira Muummee haaraa argatte ture.
MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee waggoota afran darban Itoophiyaa keessatti taateewwan hedduun galmaa’aniiru.
Mootummaan waggoota afran darban jijjiiramoota hedduu fiduu himus, gama siyaasaan ammallee biyyattii keessa rakkoon jiru danuudha.
Hundaa ol waraanni mootummaa MM Abiy Ahimad fi bulchitoota naannoo Tigraay jidduutti dhalate, biyyattii gara maraammartoo waraanaatti deebiseera.
Eebla 02 bara 2018 MM Abiy Ahimad mormii kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessumaa ammoo Oromiyaa keessatti waggootaaf adeemaa turaniin gara aangootti dhufan.
Eebla 02 bara 2018 akkuma MM ta’uun kakuu raawwataniin haasawa taasisaniin, mormiiwwan kana irratti lubbuu namaa darbeefi qabeenya barbadaa’eef dhiifama gaafatanii turan.
“Itoophiyaa keessatti yeroon itti aanu kan haqaa fi kan dhiifamaati” jechuun lammiilee yeroo adda addaa lubbuu dhaban akkasumas haarsaa gara garaa kafalan dhiifama gaafatan.
“Lubbuu lammiilee keenyaa fi qabeenyaa dhuunfaan akkasumas waloon qabnurra badiin salphaa hin jedhamne gaheera. Kana hundi keenya dhaabsisuu qabna, ni dandeenyas ture.
Falmitoota mirgaa fi namoota siyaasaa yeroo gara garaa haarsaa kafalan, dargaggoota jijjiirama fedhan burraaqanii osoo hin fixatiin lubbuun isaanii baatee, maatii rakkoo xiin-sammuuf akkasumas kan qaamaaf saaxilaman onnee koorraan dhiifama gaafadha” jedhan.
Yeroos “sirni diimokiraasii haaraan akka dhufuuf kumaatamni wareegamaniiru” jedhanii kan turan MM Abiy, “diimokiraasii keenya guddataa jiru gabbisuuf garuu wareegama lubbuus ta’e qaamaa dabalataa nu hin barbaachisu” jedhan.
Ergaa paartilee morkattootaaf dabarsaniin, paartileen siyaasaa “walaba ta’anii akka socho’an” mootummaan fedha qabaachuu himan. “Dirreen wal-morkii mijataa fi haqa qabeessa ta’e akka jiraatu mootummaan fedhii jabaa qaba,” jedhan.
MM Abiy aangootti dhufuun booda hidhamtoonni siyaasaa murteen du’aa itti murtaa’ee ture bilisa bahan.
Paartileen shororkeessitoota jedhamanii turanis galmee shororkeessummaa jalaa akka bahan taasifame.
Inumaa “shororkeessaan nuyi (mootummaadha)” jechuun badii raawwatamaa tureef gaafatama fudhatan. Paartileen siyaasaa fi gaazexeessitoonni Itoophiyaa keessaa baqatanii turan gara biyyaatti deebi’an.
Dhibdeen waggoota dheeraaf Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu tures furamee nagaan bu’e.
Rakkoo bar-kurneewwan lamaaf biyyoota lamaan jidduu ture furuu isaaniitiif akkasumas Itoophiyaa keessatti tarkaanfiiwwan jijjiiramaa fudhataniif MM Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii Nagaa kan bara 2019 injifatan.
Hoggansa MM Abiy jalatti diinagdee biyyattii gara gabaa bilisaatti jijjiiruuf dhaabbilee mootummaa akka telekomunikeeshinii, daandii qilleensaa fi kaan, gariin abbootii qabeenyaa dhunfaaf dabarsuuf murtaa’e.
Murteen kunis guddina diinagdee biyyattii itti fufsiisuuf, hanqina sharafa alaa furuuf, qaala’iinsa gatii dandamachuuf, humna galii maddisiisuu dabaluu fi daldala alaa saffisiisuufi jedhamee ture.
Liqaan Itoophiyaarra jiru olaanaa ta’uunis sababa isa biraa murtee kanaaf ka’uumsa ta’edha.
Kanumaan wal-qabatee dameen telekoomii biyyattii waggoota 120f dhaabbilee alaaf cufaa ture banaa godhame.
Gartuun dhaabbilee telekoomii jaha of keessaa qabu ‘Partnership for Ethiopia’ jedhamu Itoophiyaa keessatti hayyama tajaajila telekoomii kennuu argate.
Qabatamaatti wanti mul’ate jiraachuu baatullee damee telekoomiitti dabalataan dameelee indastirii, warshaalee sukkaaraa, hoteelotaa fi dhaabbilee kaanis gara abbootii qabeenyaa dhunfaatti dabarsuuf murtaa’ee ture.
Ajjeechaa Hacaaluu fi hidhaa
Taateewwan biyyattiirratti jijjiirama guddaa fidan keessaa inni jalqabaa ajjeechaa artist Hacaaluu Hundeessaati.
Wiixata ALI Waxabajjii 22, 2012 ajjeechaan Hacaaluu dhagahamee oggasuu ture, magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa garagaraatti hokkorrifi mormiin kan dhalate.
Ajjeechaa isaan dabalataas gaggeessaa fi bakka owwaalchaatti waldhabdeen dhalate, dhimmicha akkaan hammesseera.
Ajjeechaa artistichaa hordofee bakkeewwan garagaraatti haleellaa raawwatameen, namoonni 150 ol haala suukanneessaa taheen ajjeefamaniiru.
Magaalota muraasatti hoteelonni, maneen daldalaa, waajiraaleen mootummaa, maneen jireenyaa namootaafi kaanis haleellaa raawwatameen barbadaa'aniiru.
Waxabajjii 22 sa'aa boodarraa eegalee namoonni siyaasaa hedduufi kanneen hokkora kana keessaa harka qabu jedhaman kumaan kan lakka'aman to'annoo jala oolaniiru.
Kanaanis erga MM Abiy gara aangoo erga dhufanii, namoonni himannaan isaanii adda cituun biyyatti deebi'an keessaa kan tahe Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa, Iskindir Naggaafi namoonni siyaasaa biroollee hidhaa bu'an.
Kana malees miidiyaaleen hokkoricha hammeessuu keessatti harka qabu jedhaman humnoota mootummaan kan cufaman oggaa tahu, gaazexeessitoonnis hiidhaman.
Naannolee haarayaa lama
Itoophiyaatti naannoleen haaraa lama kan dhugooman erga MM Abiy Ahimad aangotti dhufaniiti.
Wiirtuu saboota, sablammootaafi uummatoota hedduu kan tahe Naannoo Kibbaa keessaa, waggootaaf gaaffii naannoo ofii hundeessuu kan gaafachaa ture Sidaamaan, bu'aa bahiifi hokkora lubbuu namootaa galaafate booda ALI Sadaasa 10, 2012 rifarandamii gaggeeffameen goolabame.
Naannodhuma kanatti filannoon biyyaalessaa jahaffaan erga gaggeeffame booda godinaaleen shan, akkasumas aanaan addaa tokko, naannoo haarayaa hundeessuuf rifarandamii gaggeessan.
Rifarandamii kanaanis Godinaaleen Omoo Lixaa, Beench Shakkoo, Kafaa, Daawuroofi Shakkaa, akkasumas Aanaan addaa Kontaa waltahuun naannoo 11ffaa biyyattii hundeessaniiru.
Naannoleen haarayaa hundaa'an kunniin, lakkoofsa naannolee Itoophiyaan qabdu 11 taasisaniiru.
Naannolee biyyattii kaanirraa addatti sab-daneessa kan tahe Naannoon Kibbaa, gaaffii naannoo tahuu lamaan kana deebisee dhugoomsus, godinaaleen biro kudhan tahanis gaaffii naannoo tahuu dhiyeessaniiru.
Keessattuu bakka buutonni godina Wolaayitaa Mana Maree Naannoo Kibbaarraa bahuusaaniin, akkasumas gaaffii dhiyeesseef deebiin akka kennamu dhiibbaa cimaa taasisuu isaatiin muddamni dhalatee ture.
Kanumaan walqabatees qondaalonni godinicha keessaa kaanis bakkuma kora taa'anii jiranitti humnoota nageenyaan to'atamuu isaaniin hokkorri dhalatee, namoonni 20 ol lubbuun darbuu gabaafamee ture.
Covid-19 fi dheerachuu filannoo biyyaalessaa
MM Abiy Ahimad aangootti erga dhufanii booda yeroo adda addaatti boordii filannoo ifa qabeessa ta’e akka hundeeffamu gochuun ALI bara 2012tti filannoo gaggeeffamuuf ture, filannoowwan kana duraarra adda kan ta’e akka taasisan irra daddeebiin himaa turani.
Kana irratti hundaa’unis Aadde Birtukaan Miidhagsaa itti gafaatamummaa kana fudhachuun seeraa fi qajeelfama boordichi ittin bulu irratti foyyeen taasifamuun, guyyaa itti filannoon biyyaalessaa gaggeeffamu murtaa’e.
Jalqaba Adoolessa 10 irratti gaggeeffamuuf kan ture boodarra foyyeen taasifamee Hagayya 23 irratti akka gaggeeffamuuf murteeffamee ture.
Weerarri Covid-19 Itoophiyaa keessatti uumamuu isaa hordofee, boordichi yeroo karoorfametti filannichi gaggeeffamuu akka hin dandeenye ibsuun, hojiin filannoo yeroof akka addaan citu ALI Ebla 22, 2012 irratti beeksisani.
Kanaafis yaaddoon weerara covid-19 badee haalli dhufu ilaalamee qophiin fi karoorri haaraan qophaa’ee sochiin akka deebi’ee eegalamu beeksise.
Kanaaf boordiin filannoo murtee isaa kana raggaasisuuf gara mana mareetti dhiyeessuun, isaanis heera irratti hundaa’uun akka murtee kennuuf gaafachuun isaa ni yaadatama.
Manni maree federeeshiniis yaaddoon dhibee kanaa hanga jirutti manneen maree naannoolee hojii isaanii akka itti fufaniif murteesse.
Ragaalee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa-WHOn ba’an irratti hundaa’uun ministeerri fayyaa hanga dhibeen kun fayyaa uummataa irratti miidhaan uumu akka hin jiraanne hanga mirkaneeffamutti, filannoo waggaa tokkoof akka achi siquuf murteessani.
Faallaa kanaan garuu filannichi sababa kamiinuu guyyaan isaa haqamuu hin qabu kan jedhe naannoon Tigraay, waggaama sana keessa filannoo ofiin addatti gaggeessuuf yemmuu qophaa’utti Qaammee 4 irratti uummatni akka sagalee kennaniif murteesse.
Manni maree federeshiniis filannoon kun seera kan cabsudha jechuun fudhatama hin qabaatu, akka hin lakka’amnes ibsuun, filannicha akka hin raggaasisne ibse.
Kana boodas waldhabdeen mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduu jiru hammaachaa deemuun Sadaasa 04, 2020 irratti humnootni TPLF wiirtuu kaabaa haleeluu isaaniin booda waraanni ifatti eegale.
Waraana Kaaba Itoophiyaa
MM Abiy badhaasa Noobelii nagaa injifachuu booda haasaa taasisan irratti, waraanni hagam hamaa akka ta’ee fi hagam hammeenya akka fidu haasa’anii turani.
Ta’us garuu ji’oota kudha ja’an darbaniif waraanni mootummaa federaalaa, hoggantooti TPLF yakkamtoota jedhee itti faraduun waraana gaggeesseera.
TPLF fi bulchiinsa MM Abiy gidduu waldhabdeen jiru hammaatee erga waraanni eegale gara waggaa tokkoo fi ji’a sadii lakkoofsiseera.
Naannoo Tigraay bakka waraanichi itti eegale irraa ce’uun waraanichi gara naannoo Amaaraa fi Affaaritti kan babal’ate yoo ta’u, kanaanis lammileen hedduun ajjeefamuun, hedduunis beelaaf saaxilaman, qe’eerraa buqqa’anii harka namaa eeggachaa jiru.
MM Abiy Sadaasa 04, 2020 irratti ture humnootni TPLF buufata waraanaa kaabaa naannichatti argamu irratti haleellaa gaggeessaniiru jechuun tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamuuf ajaja kan dabarsan.
Waldhabdeen kun gara lola humnoota waraanaatti ce’uu isaan dura, mootummaa federaalaa fi nannoo Tigraay kan bulchaa ture TPLF gidduutti qoccollaan ture kan hammaachaa dhufe, sababa koronaavaayirasiin guyyaan filannoo dabarfamuu isaafi naannoon tigraay filannoo of danda’aa gaggeessuuf murteessuu isaan booda.
MM Abiy aangoo erga qabatanii waggootii afran darban keessatti, yeroo jalqabaaf gartuuleen lama shororkeessitoota jedhamuun ALI Caamsaa 28, 2013 farrajamaniiru.
Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay-TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo-WBO (kan mootummaan Shanee jedhuun) shororkeessitoota jedhamuun kan labsaman yeroo waraanni kaaba Itoophiyaa hammaachaa dhufedha.
Waraana waliiniiti (civil war) jedhamu kanaan, naannoo Tigraayitti tajaajilootni bu’uuraa guutummaa guututti addaan citaniiru.
Yeroo ammaatti gargaarsi namoomaa naannicha seenu gadi aanaa ta’uu isaa fi waraanni itti fufuu isaa irraa kan ka’e, rakkoon sarbama namoomaa uumamaa akka jiru dhaabbileen idil addunyaa ibsaa jiru.
Sagantaan Nyaata Addunyaa-WFP Tigraay keessatti qofa namootni miiliyoona 4.6 ta’an gargaarsa nyaataa akka eeggatan ibseera.
Dhaabbatichi dhuma ji’a Amajjiitti gabaasa ifa taasiseen uummata Tigraay keessaa %40 kan ta’an “hanqina nyaataa hamaaf” saaxilamuun isaanii mirkanaa’eera jedheera.
Mudde 2014 irraa eegalee gargaarsi nyaataa gara naannoo Tigraay akka hin seenne kan himan hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, uummatni %83 ta’u nyaata ga’aa argachaa jiraachuun isaani hin mirkanoofne jedhaniiru.
Dabaluunis wiirtulee fayyaa Tigraay keessa jiran keessa %25 kan ta’an “miidhamniiru ykn barbadaa’aniiru” jedhaniiru.
Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tedroos Adihanoom, yeroo ammaatti addunyaa hundarraa bakki fayyaan namoota yaaddoo keessa jiru kan akka naannoo Tigraay hin jiru jedhaniiru.
Dabaluunis, mootummootni Itoophiyaa fi Eertiraa uummata Tigraay miiliyoona jaha ta’an irra dhorkii ifa hin taane kaa’aniiru jechuun himataniiru.
Filannoo 2013
Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa kan gaggeessite Waxabajjii bara darbee keessa ture.
Filannoo kanaan paartiin biyya bulchaa jiru Paartiin Badhaadhinaa (Prosperity Party) sagalee harka caalaan injifateera.
Yeroo sanatti boordiin filannoo akka ibsetti Paartiin Badhaadhinaa barcuma 436 keessa 410 kan injifate, waggootii shanan dhufaniif aangoo mootummaa ijaaruuf eeyyamu ergateera.
Filannoo kana irratti naannoo Oromiyaa keessatti morkattoota cimoo ta’u jedhamanii kan eegamanii turan paartileen ABO fi KFO “dhiibamneerra” jechuun hin hirmaatiin hafaniru.
Sababa waraana gaggeeffamaa jiruunis naannoo Tigraayitti filannoon hin gaggeeffamiin hafeera.
Paartileen mormituu filannoo kanaan barcuma bakka buutota uummataa 11 yoo injifatan dorgomtoonni dhunfaa ammoo afur injifataniiru.
Naannoo Amaaratti paartiin Abin barcuma paarlaama 5 yoo argatu, Naannoo Sabaa fi Sablammoota Kibbaatti EZEMA barcuma 4, Paartiin Dimokraatawaa Saba Geedewo ammoo barcuma paarlaamaa lama argateera.
Dorgomtoonni dhuunfaa ammoo tokko Finfinneetti sadii ammoo Oromiyaatti injifatani.
Gogiinsa ganna 40 keessatti isa hamaa tahe
Naannoolee Affaar, Oromiyaa, Sabaa fi Sablammoota Kibbaa akkasumas Somaaleetti gogiinsa uumameen namootni miiliyoonaan lakka’aman balaaf saaxilamuu isaanii dhaabbileen miti-mootummaa beeksisaniiru.
Waggaa 40 keessatti hongee isa hamaadha jedhamu kanaan naannolee kanatti namootni miiliyoona 7 ta’an balaaf waan saaxilamaniif gargaarsi hatattamaa akka isaan barbaachisu ibsameera.
Naannoolee kanatti waggaa sadaffaaf roobni dhabamuu isaatiin gogiinsa uumameen beeyladootni du’aniiru, qonnaan badeera, hanqinni nyaataa fi bishaani uumamee namootni hedduunis qe’ee isaanii irraa buqqaa’uu Itoophiyaatti bakka bu’aan Unicef Jiyaanfiraankoo Rotigliino BBCtti himaniiru.
Waldhabdeewwanii fi qe’eerraa buqqa’uu
MM abiy aangootti erga dhufanii eegalee wanti biraan guddaatti hubatamu, naannoolee adda addaatti waldhabdeewwan wal waliinii uumamanii fi qe’ee irraa buqqa’uudha.
Keessumaa naannoo Oromiyaa Godinaalee lixaa fi baha Wallaggaa, Beenishaangul, Amaaraatti waldhaabdeewwan jiran akkasumas kana hordofuun qe’ee irraa buqqa’uun baayyachaa dhufaniiru.
Waldhabdeewwanii fi qe’eee irraa buqqa’uun akkanaa keessumaa waraana Kaaba Itoophiyaa hordofee hammaachaa kan dhufan yoo ta’u, mootummaan MM Abiyyis nagaa fi nageenya uummataa eeguu hin dandeenye jedhamuun wantooti ittiin qeeqaman keessaa isa dursaadha.
Itoophiyaa keessatti hayyootiin dhimma biyyaa irratti waliigaltee qabaachuu dhabuun isaanii, amantaa dhabuun gidduu isaanii jiruu fi shakkiin jiru adeemsa ce’umsa dimookraasii kanaa kan qoree waan ta’eef Komiishiniin Marii Biyyaaleessaa Itoophiyaa hundaa’ee hojii eegaleera.
Komiishiniin kunis dhimmoota ijoo biyyatti keessa jiran irratti marii taasisuun waliigalteen biyyaalessaa akka uumamu taasisuuf adeemsa qindeessuun qaama hojjetu ta’a jedhameera.