Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa: Yaaddoo guyyaa filannoo achi butuun uumu
Guyyaan filannoo Itoophiyaa achi siiquun muddama dabalataa akka hin uumneef sodaatamaa jira.
Hoggantuun Boordii Filannoo Birtukaan Miidhaksaa qondaalota paartilee siyaasaa garaagaraa waliin walgahii gaafa Sanbataa taasisaniin, galmee filattootaa, leenjii raawwachistoota filannoofi waraqaa filannoo raabsuu irratti ammallee danqaan jira jedhan.
Filannoon kuni gaafa Waxabajjii 5 adeemsifamuu dhiisuu mala jedhan. Torbee lamaafi sadiin dheerachuu mala jechuun paartileen siyaasaas yaada isaanii erguu akka danda’an himan.
Filannoon kuni kan baatii Hagayyaa bara darbe taasifamuu maludha sababii Covid-19 achi dabarfamee as gahe.
Filannichi maaliif irra deebiin boodattii harkifate?
Kora boordii filannootiin adeemsifameen qondaalotni boordichaa galmee sagalee kennitootaafi meeshaalee filannoo raabsuu irratti rakkoon akka jiru paartileetti himaniiru.
Hirmaattoonni walgahii kanaa tokko tokko mootummaan federaalaa rakkoo akka biyyaatti jiru waliin wal'aansoorra akka jirus kaasaniiru.
Humnooti nageenyaallee rakkoo nageenyaa uumaman to'achuun ala adeemsa filannoo tiksuun hojii dabalataa itti ta'uu mala jedhameera.
Wal-dhabdeen sabaa naannolee Itoophiyaa garaagaraatti mudatus meeshaalee filannoo iddoo garaagaraatti qaqqabsiisuuf rakkisaa taasiseera.
Tahus, waqtiin gannaa Waxabajii jalqabee Adooleessaa fi Hagayyaa keessa jabaatee itti fufuu yaaddoo hirmaattota walgahii kanaa ture. Kaanimmoo filannicha achi siiqsuun naannoolee baadiyyaa irratti filannoof rakkisaa gochuu danda’a jedhan.
Haala kanaan, gariin isaanii filannichi gara Fulbaanaatti achi siiqfamuu qaba jedhan. Haa tahu malee, Fulbaanatti mootummaan haaraa hojii jalqabuu gatii qabaatuuf rakkoo siyaasaa biraa uuma.
Deebiin ummataa maali?
Achi siiqfamuu guyyaa filannoo ilaalchisee wanti guddaa jedhame jiraachuu baatus gariin namootaa garuu torbeen lamaafi sadii akkamiin haala filannoo geggeefamuu gargaaruu danda’a gaaffii jedhu kaasu.
Ministirri Mummee Abiiy Ahiimad ergaa Tiwiitara irratti barreessaniin guyyaan filannoon achi siiqfamuu deeggaranii ‘boordii filannoo walabummaan,’ akka hojjetu himan.
Lammiilee Itoophiyaa maraaf, filannoowwan darban irraa bilisaafi haqa tahe akka geggeessinu ni mirkaneessina jedhan.
Filannoon torbanoota dhufan keessatti akka geggeeffamu himuun galmeen sagalee kennitootaas gaarii ture jedhan.
Haa tahu malee, gareeleen biyya alaa jiran mootummaan filannoon dura marii biyyaalessaa dursuu qabaa jedhan. Rakkoo naannoo Tigraay jiruufi wal-dhibdeen sabaa dura furamuu qaba waan jedhus kaasu.
Mootummaan hidhamtoota akka gadhiisuufi araara biyyaa irratti akka xiyyeeffatus yaada kennu.
Dhimmi filannoo kuni attamiin rakkoo Tigraay jiru waliin wal-qabate?
Tigraay keessa rakkoo amma jiruuf sababiin tokko yeroon filannoo jalqabaa achi siiqfamuu dha.
Ministirri Mummee Abiy mormiii ummataa bara 2018 tureen ministirri mummee yeroosii aangoo gadhiisnaan gara aangootti dhufan kuni, filannoo achi butuun tarkaanfii fayyaa ummataaf jecha fudhatamedha jedhu.
Tahus murtoon yeroosii TPLF dhaaf hin liqimfamne ture. Hogganootni dhaabichaa yeroosii MM Abiy seeraan ala yeroo aangoo isaa dheerefachaa jiraa jedhanii turan.
Haaluma kanaan TPLF baatii Fulbaana keessa ajaja mootummaa federaalaa cabsuun filannoo naannoo taasise.
Baatii lamaan booda loltoonni TPLF buufata loltuu mootummaa federaalaa haleeluun Raayyaan Ittisa Biyyaa oppireeshinii waraanaa akka eegaluf ka'umsa ta'an.
Lolli ji’a torba lakkoofsise namoota kumaatamaan lakkaa’aman lubbuu yoo dabarsu, kaan immoo qe’eerraa buqqaaseera.
Dhaabonni mirgoota namoomaaf falman haleellaawwan suukaneessoo ajjeechaafi gudeeddii dabalatee qaamota wal lolan lamaan, loltoota Eritiraa mootummaa Itoophiyaa gargaaraniin dabalatee raawwatuu galmeessaniiru.
Dhaabonni gargaarsaa nyaatni warreen isaan barbaachisuuf qaqqabaa hin jiru jechuun akeekkachiisaniiru. Mootummaan Itoophiyaa immoo gargaarsa waliin gahaa akka jiru garuu deeggarsi taasifamu xiqqaatuu hima.
Namoota hangamiitu filachuuf galmaa’e?
Hanga torbee darbeetti baay’ina uummataa Itoophiyaa miiliyoona 110 tahu keessaa namoonni miiliyoona 36 tahan filannoof galmaa’aniiru.
Akka qondaaloti jedhanitti lakkoofsi kuni isa yaadameen miiliyoona 10 kan hir’ate yoo tahu, lakkoofsa filattootaa 2015 waliin garuu wal-fakkaataa dha.
Tahus lakkoofsi namoota galmaa’an jedhamee gaaffii biraa kaaseera.
Naannoo Oromiyaa, lafa paartileen mormituu ijoo irratti hirmaachuu didaniifi hoggantoonni siyaasaa kanneen akka Jawaar Mohaammad mana hidhaa jiranitti sagalee kennitoonni miiliyoona 15 tahan galmaa’uun namoota gariiniif gaaffii tahee jira.
Mootummaan MM Abiy kana dura qeeqa qophii filannoorratti dhihaate qeeqeera.
Ibsa baasen Gamtaan Awurooppaa taajjabdoota hin ergu isa jedhe ''waan guddaa miti hin barbaachisullee'' jechuun ibse.