Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa: Guyyaan filannoo dheereeffamuu Izeemaafi Baaldaraas maal jedhan?
Paartiin Lammiilee Itoophiyaa Haqa Hawaasuummaatiif (Izeemaan) filannoon dheereeffamuun sababa qaba yoo jedhu, paartiin Baaldaraas Dimokokraasii Dhugaatiif (Baaldaraas) boordiichi hojiiwwan guyyoota filannoo itti dheerreessu keessatti raawwatu tarreessuun beeksiisuu qabaata jedhe.
Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa haalli hojiiwwaan filannoon dura raawwatamu qaban itti xumuraman waan hinjirreef, filannoonni marsaa 6ffaa biyyaaleessaa yeroo qabameefiitti gaggeessuuf filanniichi torban 2-3n dheereeffamu akka danda'u torban darbe keessa beeksisun ni yaadatama.
Naannoo Tigraayiin alatti Caamsaa 29, 2013 naannoolee hundatti Waxabajjii 5'tti ammo Magaalaa Finfinneefi Dire Dhawaatti gaggeeffamuuf karoorri qabamee ture.
Boordiin filannoo hojiiwwan loojiistikii harkifachuun sababii walqabateen guyyoota jedhameef dheeressuun akka barbaachise ibsee ture.
Paartiin Izeemaatti Itti gaafatamaa sabaa himaa Ummataa Naatinaa'eel Fallaqa, akka ilaalcha keenyaatti 'sababiin guyyaan filannoo ittiin dheereeffame fudhatamaadha' jechuun BBCtti himan.
''Qophiin barbaachisu osoo hinraawwatamne filannoo saffisuun rakkina keessa galuurra yeroo dabalataa fudhachuun hojiiwwan jedhaman xumuruun filannoo gaggeessuun bu'aa fooyya'aa qabaata'' jedhan.
Itti gaafatamaan Biiroo Baaldaraas Obbo Galataa Zalaqaa ammo boordiin filannoo filannoo torban 2-3n nan dheereessaa yoo jedhu yeroo sana keessatti hojii maalii akka hojjatu tarreessuun beeksiisu qabaata jedhe.
''Boordiin filannoo filannicha nan dheeressa yoo jedhu maal hojjachuuf akka ta'e beeksiisu qabaata. Ammatti maal hojjataa akka jiruu ifatti kan beekamu hin jiru,'' jedhu Obbo Galataan.
''Boordiin filannoo yeroon barbaada yoo jedhu maaliif barbaade? Eejjannoo jedhu qabna'' jedhan.
Paartiin isaanii filannoo keessatti waan hirmaatuuf yeroo yoo dheereeffamuu sababii maaalitiif akka dheereeffamu akkasumas yeroo dheereeffamu keessatti maal akka raawwatu ifatti akka dhiyeessuu barbaadna jedhan.
''Fakkeenyaaf bakkeewwan kanatti rakkina loojistiikiitu na mudate yoo jedhe, hojii hojjatuufi yeroo barbaachisuu ifa yoo taasisee waliigalla,'' jedhan.
Obbo Naatinaa'eel filannichi seenaa Itoophiyaa keessatti kan yeroo jalqabaatiif bilisaafi haqa qabeessa ta'ee itti gaggeeffamu jennee waan amannuufi rakkooleen jiraachuu akka danda'an dhimmi paartiinsaanii dursee tilmaameedha jedhan.
Itti dabaluunis, ''filannichi dheereeffamunsaa hangas mara ilaalcha filannoorratti qabnu kan geeddaru miti'' jedhaniiru.
Filannichi irra deebiin kan dheereeffamu yoo ta'e garuu motummaa ummataan hinfilatamnee aangoorra tursiisuu waan ta'uuf, paartiinsaanii filannichi torbanoota 2-3 booda gaggeeffamu qabaata ejjannoo jedhu qabaachuu dubbatu Obbo Naatinaa'eel.
''Kana caalaa yoo dheereeffamee motummaan ummataan hinfilatamne aangoorraa akka turu taasisa'' jedhan.
Boordiin Filannoo Biyaaleessa itoophiyaa filannoo marsaa jahaaffaatiif namoonni miliyoona 50 ta'an ni filatu jedhee akka eeguu ifa taasisuulleen haala lakkoofsa dhiyeenya kana ifa taasifameetti hanga ammaatti filachuuf kan galmaa'ee miliyoona 36'dha.
Lammiilee galmaa'uun kaardii fudhatan keessaa miliyoonni 16.6 dubartoota yoo ta'an, miliyoonni 19.5 ammoo dhiiroota.
Akka ragaa boordii filannootti Gambeellaa, Finfinnee, Somaaleefi Afaariitti namoota yaadamee olitu galmaa'e.
Beenishaalgul Gumuuz ammo jidduugalaan bakka namoonni gadaanaan itti kaardii fudhataniidha jedha ragaan boordicha irraa argame.