Filannoo Itoophiyaa 2021: 'Gamtaan Awurooppaa ogeessota filannoo Itoophiyaa taajjaban erguuf waliigale'-Am. Dina

Filannoo biyyaalessaa jahaffaa Itoophiyaan gaggeesiturratti ogeessota taajjaban erguuf Gamtaan Awurooppaa waliigaluu mootummaan Itoophiyaa beeksise.

Dubbii himaan Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa Amb. Diinaa Muftii ibsa idilee miidiyaaleef kennaniin Gamtaan Awurooppaa ogeeyyii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa taajjaban akka ergu beekiseera jedhan jechuun EBC'n gabaaseera.

Gamtaan Awurooppaa Ibsa Caamsaa 3, baaseen haal-dureewwan guutamuu qaban irratti qondaalota Itoophiyaa waliin waliigaluu dhabuu isaa irraa kan ka'e taajjabdoota filannoo Itoophiyaatti erguuf ture akka haqe ibsee ture.

Gamtichi ergasii waan amma mootummaan Itoophiyaa jedhu ilaalchisee hanga ammaatti ifatti ibsa hin kennine.

Bakka bu'aa ol aanaan Gamtichaa Jooseef Booreel taajjabdoota erguuf ulaagaaleen barbaachisan akka hin guutamne himanii ture.

Gamtaan Awurooppaa taajjabdoota filannoo gara Itoophiyaatti erguuf jecha haaldureewwan guutamuu qaban irratti qondaalota mootummaa waliin hojjetus, waliigaltee irraa gahuu dhabuusaan taajjabdoota akka hin erginedha ibsa baaseen kan eere.

Dhimma kana irratti mootummaan Itoophiyaa ulaagaan Gamtichi filannoo Itoophiyaa taajjabuuf kaa'e birmadummaa biyyaatti waan bu'uuf waliigaluun dadhabame deebii jedhu kennee ture.

"Sababootni Gamtaan Awuroopaa taajabdoota filannoo erguuf ture itti haqeef ifadha. Dhimmoota lama kaasan. Dhimmootni lachuu birmadummaa Itoophiyaa kan sarban, bilisummaa Itoophiyaa kan sarbaniifi nageenya Itoophiya balaarra kan buusanidha'' jedhan Amb Diinaa Muftii ibsa torbee darbe kennan irratti.

Gamtaa Awurooppaa kan gaafate maal ture?

Itoophiyaan Waxabajji 5,2021 filannoo biyyaalessaa kan gaggeesitu yoo tahu, haal-dureewwan hin guutamne, kanaaf bobbiin taajjabdoota filannoo haqamuu qaba jedha ibsichi.

Qindoominni ergama taajjabdoota filannoo deeggarsa dimokiraasii Awurooppaaf dhagaa bu'uuraati.

Gamtaan Awurooppaa ulaagaaleen taajjabdoota bobbaasuuf taa'an guutamuu dhabuun kan isa gaabbisise tahuu ibse. Walabummaa ergamichaafi meeshaalee komunikeeshinii nageenya taajjabdootaaf murteessoo tahan gara biyyatti galchuu dhabuun ulaagaalee guutamuu dhaban keessatti ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa ammoo gaaffilee Gamtichi dhiyeesse inni duraa meeshaa Visasat jedhamu tekinoloojii komunikeeshinii Itoophiyaatin ala qabdhee seenu malee kan jedhudha.

''Kuni filannoo jahaffaadha. Filannoowwan kanaanduraa taasifaman irratti gaafin akkanaa taajabdoota biraa ka'ee hin beeku'' jedhan Amb. Diinaan.

Haala amma jiruunis iddoowwan taajabdootni filannoo itti deeman hundi tajaajila teelekomunikeeshinii biyyaalessaa kan qabanidha.

Isa fayyadamuu danda'u. Kanaan achi meeshaa sirni telekomunikeeshinii keenya hin to'anne qabadheen seena jechuun sin bulchina jechuudha.''

Inni lammaffaan seera filannoo biyya kamittu kan hin yaadamne waa'ee filannichaa Boordiin Filannoo ibsa kennuusaan dura nuti ibsa haa laannu kan jedhu akka ta'e ibsan.

''Bu'aa filannoo kan ibsu boordii filannooti. Filannoo keenya kan nuf mirkaneessu adda durumaan uummata Itoophiyaati. Itti aansee Boordii filannooti."

Haalduree Gamtaan Awurooppaa kaahee ture ammallee mootummaan Itoophiyaa kan hin fudhannee akka ta'e Amb. Diinaa Muftii ibsa isaanii har'aa keessatti himaniiru.

Ta'uus Gamtichi garee ogeeyyi filannoo taajjabanii jaha akka ergu nu beekiseera jedhan.

Dhimma kanarratti Gamtaan Awirooppaa filannoo biyyaalessaa jahaaffa Itoophiyaan gaggeesituu taajjabuuf taajjabdoota akka hin ergine erga beeksisee yaada isaa jijjiree taajjabdoota erguuf ta'uurratti ifatti ibsi baase hin jiru.