Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) eenyuu?
MM Abiy mormii ummanni Oromoo taasiseen booda, Bitootessa 2018 gara angootti dhufan. Biyyattiin yeroo sanatti wal-waraansa waliiniitti ce’uuf xiqqootu hafe jedhamee ture.
Jijjiiramoota hedduus fidaniiru, gariin isaaniis waggoota muraasaan dura kan hin yaadamne turan.
Waggoota hedduufis, mootummaan Itoophiyaa mirga of-ibsuu ukkaamsuu, mormitoota hidhuufi hiriirota mormii humnaan bittinsuu irratti qeeqa dhaabbilee mirga namoomaa irraa itti dhiyaateef gurra hin kennu jedhamaa ture.
Sababa daangaatiin wal-dhabdee Ertiraa waliin qaban furuufis murtee komishiniin daangaa dabarse fudhachuufis rincicaa ture.
Suni hundi garuu Abiyyiin jijjiirame. Murtee dabarfame fudhatanii Ertiraa waliin nagaa buusan. Murtee seena qabeessa kanatu Badhaasa Noobeelii argamsiiseef ture.
‘Diinota’ hooggantoota isa dura turanitti harka diriirsuuf kutatanii waan ka’an fakkaatu ture.
MM Abiy erga aangootti bahanii waggaa tokko booda lubbuun abbaa isaanii darbe.
Abbaan isaanii af-gaaffii BBC waliin Adoolessa 2018 keessa taasisaniin, ‘‘daa’ima hunda waliin michuu ta’e’,’ jechuun ilma isaanii ibsanii turan.
Abiy Ahimad eenyu?
Seen-duubeen Abiy Ahimad akkaataa namoonni isaaniin itti ilaalaniif murteessaadha.
Biyyattiitti MM Oromoorraa dhufe isa duraati. Aangoo akka bahanif mormiin ummataa waggoota sadii ta’uuf taasifameefi walitti bu’iinsa qaamolee nageenyaa waliin uumameen lubbuu namoota kumaatamaa galaafateef utubaa ture.
Ummanni kunis sababni mormiif daandiitti ba’eef, osoo lakkoofsaan guddaa taanee jirruu siyaasa, dinagdee fi aadaan hacuucamneerra jechuuni.
Abiy angootti gaafa dhufu, sun hunduu jijjiiramuu eegale.
MM Abiy paartilee ADWUI hundeessan keessaa tokko kan ta’e DhDUO dura ta’aa ta’uun hooggananiiru.
Mudde 2019 keessa Abiy ADWUI dirree siyaasaa Itoophiyaa waggoota 30’tti dhiyaataniif to’atee ture diiguun paartii 'Badhaadhina’ ijaarani. TPLF garuu keessa seenuu hin feene.
Namni ganna 44 Godina Jimmaa magaalaa Bashaashaa jedhamtutti maatii amantaa Kiristaanaafi Islaamaa qabanirraa dhalatan kun, 1980 keessa DhDUO’tti makamani.
Biyya mootummaan intarneeta irratti to’annoo cimaa itti taasisu keessatti Ejansii Nageenyaafi Netwoorkii Odeeffannoo (INSA) osoo hin hundeessin duras loltummaan gulantaawwan gurguddoorra darbuun Leetanaa Koleeneelummaarra ga’anii turani.
Sana boodas Ministira Saayinsiif Teeknooloojii ta’ani.
Yeroo kanatti dhaabbata telekoomii mootummaan to’atu gariin dhuunfaatti dabarsuuf waadaa seenanii jiru.
Waa’ee Abiy Ahimad wantoota ijoo
Kibba Baha Itoophiyaa Bashaashaatti, Hagayya 15, 1976 Abbaa Oromoo Musliimaafi haadha Amaaraa Kiristaana ta’anirraa dhalatani.
Dargaggoo xiqqoo osoo jiraniis 1990 keessa falmii Dargii kuffisuuf taasifame keessa seenani.
Dhimma nageenyaafi Tasgabbiin Yunivarsiitii Finfinneerraa Digirii sadaffaa kan argatan yoo ta’u, Yunivarsiitii Giriinwiich Landanirraammoo hooggansaan diigrii maastarsii argataniiru.
Afaan oromoo, Amaariffa, fi Tigrinyaa sirriitti dubbatu, Ingiliffa dabalatee.
- 1995: Ruwaandaatti miseensa nagaa eegsiftuu UN ta’uun tajaajilani
- 2007: INSA hundeessuun cinatti miseensa boordii Itiyoo Telekoom fi TV Itoophiyaa ta’uun tajaajilani
- 2010: 2015’tti gara miseensa koree hoji raawwachiiftuutti osoo hin dhufin dura miseensa OPDO ta’uun siyaasatti seenani.
- 2016: Ministira Saayinsiif Teeknooloojii ta’uun yeroo muraasaaf dalagani
- 2018: Ministira Muummee ta’ani
- 2019: ADWUI gara paartii Biyyaalessaa Badhaadhinaatti jijjiirani
- 2019: Badhaasaa Noobeelii Nagaa injifatani
- 2020: Humnoota Tigraay irratti haleellaa waraanaa banuuf dirqamuu isaanii ibsani
- 2021 MM ta'uun waggaa shan Itoophiyaa akka gaggeessaniif paarlaamaa biyyattiin muudaman.
Badhaasa Noobeelii Nagaa
Waliigalteen Abiy Eertiraa waliin taasisan wal-dhabdee waraana daangaarraa 1998 mudateen booda ganna 20’f tureef xumura tolcheera.
Badhaasa Noobeelii Nagaa 100ffaa injifachuun Ooslootti sagantaa geggeeffameen Mudde 2019 badhaasicha fudhatan.
Haasawa sirnicharratti taasisaniin akkas jedhani:
"Waraana fiduuf namoota muraasatu barbaachisa. Nagaa fiduuf garuu ganda yookaan biyyatu barbaachisa.
''Anaaf nagaa fiduun akkuma mukkeen dhaabanii kununsuuti. Akkuma mukkeen guddachuuf bishaaniif biyyee gaarii barbaadanitti, nagaanis kutannoo asiif achi hin jenne, obsa dhuma hin qabneefi fedha gaarii bu’aa irraa qooddatan barbaada. "
Erga badhaasicha fudhataniin boodas namoonni muraasni ‘‘buqqa’uufi du’aatii lammiilee Itoophiyaa hedduu’’ maqaa dha’uun badhaasicha harkaa akka fuudhamuuf mallattoodhaan duulani.
Koreen Badhaasa Noobeeliis ibsa baasuuf dirqame, ibsa kanaanis ‘‘korichi Kabajamoo MM Abiy Ahimadiif Badhaasa Noobeelii Nagaa kennuuf murtee dabarse hin jijjiirru,’’ jedhe.
Amma yoonaattis murteen kun akkuma ragga’etti argama.
Inumaayyuu koreen Nobeelii akkas jedhee ture ‘‘Dhugaa himuuf koreen Badhaasa Noobeelii erga si’a tokko Badhaasa Nagaa kennee booda haquuf hayyama hin qabu.’’
Ida’amuu - 'Maddamar'
Jechi ida’amuu jedhu Abiy angootti erga ba’anii afaan namootaa keessa tureera.
Jechi kun akka ilaalcha Abiyyitti rakkoolee biyyattii mudataniif furmaata fiduuf walitti dhufuu hiika jedhu qaba.
Erga kitaabni Ida’amuu Afaanota Amaaraafi Oromootiin maxxanee magaalota gurguddoo biyyattii keessatti eebbifamee kooppiin kumaatamni dhibba hedduun gurguramee booda ammoo, jechi kun daran beekame.
Kitaabichi ilaalcha isaanii boqonnaawwan 16’tti hiree fuula 280'n qophaa'e.
MM Abiy biyya sabummaan qoqqoodamtee sirreessuun tookkummaan akka dhaabattuufi heeddumminni akka kabajamu barbaadu.
Akka ilaalcha isaaniitti yaadni garagaraa inumaayyuu kan wal-faallessu gara tokkotti fiduun waliigaluun ni danda'ama. Dabalataanis, wantoota baraman diduurratti fuulleffata.
Mul’ata siyaasaa isaaniis wal-ga’ii Onkololeessa 2017 Naannoo Kibbaatti taasifame irratti ifa godhani.
"Filannoo tokko callaa qabna, innis tokkoomuudha. Wal gargaaruufi wal deeggaruu qofa osoo hin taane waliin jiraachuuf tokkoomuu. Filannoo inni kaan wal-ajjeesuudha,’’ jechuun dubbatani, Abiy.
"Garuu namni aqlii qabu kamuu kana hin filatu. Kanaafuu filannoon keenya wal-amanuun madaa walii fayyifnee biyya keenya guddisuuf waliin hojjachuudha."
Lola Tigraay
Lolli kan eegale Sadaasa 4, 2020 erga MM Abiy humnoota Tigraayitti argaman irratti haleellaa waraanaa ajajaniin boodadha.
Ajaja kana kan dabarsanis haleellaa kaampii waraanaa mootummaa federaalaa Tigraaytti argamu irratti raawwatameef deebii kennuuf akka ta’e ibsuuni.
"Mootummaan federaalaa waraanatti seenuuf dirqameera," jedhani MM Abiy.
Wal-dhabdeen kun kan uumames ji’oota muraasaaf anga’oonni TPLF fi Abiy wal gaarreffachaa erga turanii boodadha.
Waldhibdee aangoo, filannoofi tarkaafiiwwan jijjirama siyaasaa fudhataman, dhimmoota ijoo gara rakkoo mudate kanaatti isaan fidedha.
TPLF waggoota 30’tti dhiyaataniif angoo to’atee ture. Abiy angootti yoo dhufanis isaaniin akka dhiibe himatu.
Abiy jijjiirama itti fufanis warri Tigraayi yoo didan, rakkoon siyaasaa mudachuu eegale.
Anga’oonni Tigraayi jijjiirama ariifataa Abiy fidan angoo dhuunfachuufi sirna federaalaa biyyattii diiguuf akka dhufetti ilaalu.
Dhiibbaa biyyoota naannoo irratti qabu
Ganna lamaaf walakkaa darbanitti Abiy dhimmoota ijoo naannawaa (Afriikaa bahaa) irratti jaarsummaan gumaata guddaa taasisaniiru.
Sudaanitti mormii guddaa taasifameen booda humnoota waraanaafi mormitoota mareef walitti fiduufi araarsuu keessatti gahee guddaa taphatani.
Mareen taasifame mootummaan ce’umsaa angoo qooddatu akka hundaa’uuf sababa ta’e.
Walitti dhufeenyi Eertiraafi Jibuutii waggoota hedduuf boora’ee ture akka qabbanaa’uufis shoora taphataniiru.
Abiy, Keeniyaafi Somaaliyaanis daangaa bishaaniirratti yoo wal-dhaban araarsuuf carraaqaniiru.
Sudaan Kibbaattis maree nagaa Saalvaa Kiir fi Riik Maachaar gidduutti taasifamaa ture irratti gadi fageenyaan hirmaataniiru.
Abiy oopireeshinii amma gaggeeffamaa jiru ‘seera kabachiisuufi’ jedhu. Yaalii humnoonni alaa jaarsummaaf taa’uuf taasisanis lakki jedhaniiru. Torbee kanattis ‘marsaa dhumaa’ ooppereeshinichaa Maqaleetti akka geggeessan ibsani.
Bu’aan waraanaa angawoota Tigraayi isaan ‘saamtota’ jedhanii waaman waliin taasifamu kun fuulduratti rakkoolee Itoophiyaa wal-xaxoo ta’an akkaataa itti hiikuuf yaalan jijjiiruu danda’a.
Jijjiiramaafi mul’ata isaanii itti fufumoo tooftaa jijjiirratu laata?