MM Abiy Ahimad (PhD): 'ADWUI'n yoo hin jiraanne, biyyi hin jiru yaadni jedhu sirrii miti'

MM Abiy Ahimad miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataarraa gaaffiilee mata dureewwan garagaraarratti dhiyaataniif deebii kennaniin ''

Miseensoonni Mana maree kanaa dhimmota siyaasa yeroo, qaalayiinsa jireenyaa, hariiroo alaa, nageenya biyyaalessaa, hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa, tokkummaa dhaaba biyya bulchuu, wal gaarreffannaa naannolee gidduu jiru, filannoo biyyaalessaa fi dhimmoota biroo hedduurratti gaaffii qaban dhiyeessaniiru.

Filannoo Biyyaalessaa

Filannoo biyyaaleessaa amma gaggeessuun nama baasaa gaaffii jedhuuf, ''filannnoo danqaa hin qabne adeemsisuu hin dandeenyu.

Sababa kaahaa garuu dabarsuun hin danda'amu. Paarlaamaa kana tursuun ni danda'ama, garuu garaa guutuun hojjechuu hin danda'amu,'' jedhan.

''Filannoo darbe %100 injifannee filatamne jenneeyyuu fudhatama kan hin qabnedha. Haala sanaaniiyyuu gaggeessineerra. Amma haalli jiru sana caala yaaddessaadha jedhee hin yaadu.''

''Boordiin filannoo kan bara darbeerraa dandeettiis maallaqaanis fooyyee qaba. Mootummaanis qophiin qabaa jedheera.

Uummatni filannoo bara 97 irraa barnoota argateera. Kanaafis uummatichi filannoon walqabatee rakkoo nageenyaa dhalachuu maluu akka hin feene ifa dha. Osoodhuma mudates akkatti keessa darbu beeka,'' jechuunis dubbatan.

Paartileen siyaasaa morkattootaas qophii gochaa jiru. Dhaabbileen waraanaan mootummaa jijjiiruu fedhanillee carraa amma banamettii fayyadamuu fedhu.

Filannoo irratti yaada walfakkaataa hin qaban kan jedhu irratti garri caalan waliigaluu dubbatan.

Komii seera filannoo haaraa dhiyeenya bahe ilaalchisee komii dhaabilee siyaasaa tokko tokkorraa ka'uuf deebii yoo kennan yaada mootummaa ta'uu dhaabbileen siyaasaa hin qabne filannoo keessa galuun isaan hin barbaachisuu jedhan.

Mootummaan filannoo kanaaf bajata filanoowwan sahanan darban irratti ramadamee osoo walitti dia'amaniille ittiin hin qixxaanne ramadee akka jiruus dubbatan

Tokkummaa dhaaba biyya bulchuu fi yaada walitti baquu

Dhaaba biyya bulchaa jiru(ADWUI) keessatti waldhabdee yaadaa jiru ilaalchise, yoo ADWUI hin jiraannee biyyi hin jiru yaadni jedhu sirrii miti. Nagaa qabaachuun keenya nagaa fiduu danda'a.

ADWUI'n jiraates jiraachuu baates Itoophiyaan itti fufti,'' jedhaniiru.

Dhaabni walitti baquun hin barbaachisu jedhu dhiyeesse hanga ammaa hin dhageenye.

Walitti baquun amma ta'uu hin qabu kan jedhan jiru qorannoon erga ilaallee booda mannii maree ADWUI kan mirkaneessuu ta'as jedhaniiru.

Haasaa isaanii keessatti kaleessas har'aas gara fulduraattis waraanaan qoosuu kan qoosan walfakkaatoodha.

Warra kaaniin ficcisiisuu malee ofii du'uu hin barbaadan. Qaamoleen ofii du'uu hin barbaanne dargaggoota keenya akka ficisiisan hayyamuu hin qabu,'' jedhan.

Itoophiyaan hariiroo alaaf dursa kenniti kan jedhurratti dhugumattii Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin hariiroo jabaa kan uumtuufi dursa kan kennituuf daantaa ofii kabchiisuuf jedhaniiru.

Biyyootni ollaa kunniin Itoophiyaa waliin daangaa qooddachuu qofa soo hin taane, lammiileen keenya hedduun biyyoota kana keessa waan jiraataniif dursa kenninaaf jedhan, nageenyi isaaniis nageenya keenyaaf murteessaadha jedhan.

Nageenya biyya keessaa

Karaa biraan dhimma nageenya biyya keessaaf hojiin hojjetan hanga hojjetame akka hin hubatamnes dubbatan.

Buqqaatota deebisuu, lammiilee Itoophiyaa 45,000 ta'aniifi Itoophiyaa galuu dhorkamanii turan, biyyattii deebisuuf kaanis kaasanii dubbatan.

Gaffii eenyummaa Qimaantiifi haala nageenyaa naannichaa ilaalchisee yoo dubbatan, Amaaraa fi Qimaant caala kan walitti dhiyaatu, kan waliif firaa hin jiru,'' jedhaniiru.

Nageenya kana mirkaneessuuf mariin barbaachisaadha jedhaniiru.

Rakkoo naannoo Somaaleefi Affaar gidduu gandoota sadiirratti bu'uureffatee ka'efi kan Amaaraa fi Qimaant waliin walqabatee jiru furuuf qaamni mootummaa federaalaa addaa bobbaafamuu himaniiru.

Yeroo gabaab keessattis bu'aa isaa arginaa jedhaniiru.

Badhaasa Noobeelii nagaa injifachuu isaaniin walqabatee qeeqa nageenya biyya keessaa mirkaneessuu hin dandeenye jechuun irratti ka'uuf, wantoota hedduu gochuufi obsi isaanii ammoo sirnaafi adeemsa kaan dura tureetti kan hin amanne waan ta'eef akka ta'e dubbatan.

''Inni salphaan hidhuudha sana gochuu hin feenu, yoo jireenya biyyaaf yaaddesse ammoo suniis hin oolu,'' jedhan.

Waayee daandii konkolaataa cufuu ilaalchisee MM Abiy waan fulla'ee hin itti hin fufneefi gatii hin qabne akkasii fudhatama hin qabu jedhan. Daandii cufuun siyaasa rakaseedhas jedhan.

''Naannoo Amaaraa kan Finfinnee geessu, kan naannoo Amaaraa Naannoo Tigraay geessuu kamuu cufuun sirrii miti.

Galma tokko keessatti qaama mormiif walitti qabame jeequnis sirrii miti. Tarkaanfiillee fudhanna,'' jedhan.

Qaala'insa jireenyaa

Qaalayiinsa gatii biyyattii mudatu furuuf, mootummaan tarkaanfiiwwan fudhachaa jiru kan himan MM Abiy, kanneen keessaa warshaa daabboo ijaaruu eeraniiru.

Maloota biroo qaalayiinsa gatii hambisuu danda'an hawaasni naannoo isaatti fayyadamuu danda'a jedhanii dubbatan.

Diingdee biyyaa fooyyeessuuf sirreefama dinagdee 'home grown' jedhamu gaggeessaa akka jiran dubbataniiru.

Qaalayinsa jireenyaa amma biyyattii mudatee jiruuf sababni, kiraan manaa dabaluu, gatiin wantoota nyaatamanii dabaluu, hojii dhabdummaa, omishnii fi fedhiin wal gituu dadhabuu eeraniiru.

Hanqina mana jireenyaa furuuf kanneen hanga ammaatti hojjetaman dachaa hedduun kan caaluu abbootii dhunfaa fi mootummaan, manni Finfinneettis magaalaa biroottis akka ijaaramu dubbatan.

Hidha Haaromsaa fi ejjennoo Masrii

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirtu irratti ejjennoo dhiyeenya Masriin qabachaa jirtu projektichaaf yaaddoo ta'aa laata gaafii jedhurrattis deebii kennaniiru.

Fedha eenyuunuu miidhuu qabaannee hojii kana hin eegalle, ammas wal hubachuun, yaaddoo isaaniis hubachuun itti fufna jedhan.

Pireezidanti Masrii Abdul Fattaa Al Siisii waliin dhimma kanarratti guyyoota lamaan dhufan walarganii akka haasa'anis dubbatan.

Teenyee haasofna, qaamni kamuu hidha kana hin dhaabsisu, kun jala muramee beekamuu qaba jedhaniiru.

Yaadni waraana banna jedhu hundaaf hin fayyadu jennee amanna. Waraanas yoo ta'e lammiilee hedduu qabna miiliyoonotaan hiriirsisuu dandeenya jedhaniiru.

Hojiilee dogoggora ta'an sirreessina malee, hojiilee gaggaarii akkasii hooggantoota dura turaniin eegalaman ni xumurras jedhan.

Hojiilee gaggaarii adda kutuun biyya ijaaruu hin dandeenyu.

Miidiyaalee

MM Abiy miidiyaalee daldala sabummaa fi amantaa keessa galanii shoora miidhaa qabu taphachaa jiran akeekkachiisaniiru.

Hooggantoota miidiyaalee paaspoortii biyya alaa of harkaa qabanii hojiilee hamaa hojjetaniif, mana lamatti taphachuun hin danda'amuus jedhan.

Misooma, bilisummaa fi demookraasii keenya yoo deeggartan gaariidha, kanaa achii daldalaaf itti fayyadamtu yoo ta'e bilisummaa fi dimookraasiitiin ni qoofama yoo ta'e hubatamuu qaba jedhaniiru.

Rakkoo uumtanii biyya biraa itti baqattan kan qabdan, obsaan kan isin ilaalaa jirru, dirree isinii bal'ifna jenneeti, jireenya biyyarratti dhuftu yoo ta'e seeraan isin gaafannaa. Uummatni biyya biraa hin qabu jedhaniiru.