'Waan nyaannuu fi dhugnu dhabuurraa sooma ramadaanaaf yaaddofneerra' - namoota hongeen miidhaman

Jiraattonni Godina Baalee Bahaa rakkoo hongee keessa jiran, ''waan dhugnuu fi nyaannu harkaa waan hin qabneef sooma ramadaanaa baranaaf yaaddofneerra,'' jedhan.

Namoonni hongeen miidhaman kunneen hanga yoonaa gargaarsaan kan jiraataa jiran ta'us, uummanni hamilee kanaan soomuun waan itti ulfaatuuf deeggarsi dabalataan akka taasifamuufis gaafataniiru.

Baatiin ramadaanaa kan bara 1443 (2022) Sambata Ebla 02, 2022 kan eegale yoo ta'u, guyyoota soddomaaf kan soomamuudha.

Ji'a kana keessa hawaasni muslimaa kan waa harkaa qabu isa hin qabneef qooduun ajirii (gatii soomaa) dabalata.

Maanguddoon Aanaa Raayituu Ganda Raayituu Galbii Haji Aliyyii Turkuu, rakkoon keessa jiran sooma ramadaanaa isaan dhorkuuf akka deemu himan.

''Taatee akkasii arginee hin beeknu. Baaleen biyya quufaa, ormayyuu soortu turte. Amma waan nyaannuu fi dhugnu hin qabnu. Gargaarsa hin argannu taanaan namuu waan soomu natti hin fakkaatu.''

Ji'a ramadaanaa keessa rakkoon akkanaa mudatee hin beeku kan jedhan abbaan ijoollee 15 Haji Aliyyiin, ''uummanni keenya kan ji'a ramaadaanaa gammachuun simachuuf eegaa ture, amma yaaddoon guutamee jira,'' jedhan.

Jiraataan aanaa kanaa kan biraan Abdurrahmaan Haji Aliyyii jedhaman‚ 'Yoo rabbumti raajiisaatiin furmaata nuuf godhe malee, dhiphina kana keessa teenyee ni soomna jedhaa hin jirru nuti akka Aanaa Raayituutti,'' jedhan.

Jiraataan Aanaa Harannaa Bulluq Ganda Malkaa Arbaa, sooma ramadaanaa baranaa yoo innumti danda'e soome malee uummanni guutuun ni sooma jechuun ni ulfaata jedhan.

''Uummanni duraanuu hongeedhaan laaffate soomatti ce'uun itti ulfaata. Sanarratti dabalataan waan dhugee fi nyaatee soomu hin qabu. Gargaarsuma rabbii eegganna,'' jedhan.

Haji Aliyyiin akka jedhanitti Aanaalee ollaasaanii kan ta'an Gindhiir fi Sawweenaarraa namni hedduun buqqa'ee gara aanaasaaniitti baqachuun, ''Kan humna qabu hojii humnaa hojjetee warra magaalaa waa harkaa qabanirraa waa muraasa fayyadama. Inni kana hin dandeenye balbala cufatee mana keessatti dhumaara.''

Baalee keessatti iddoowwan hongeen daran miidhaman aanaalee horsiisee bulaati. Horiin utubaa jireenyaa ta'uun tajaajilan hedduun dhumaniiru, kaan ammoo laaffatanii du'aa fi jireenya gidduu jiru.

Aanaalee gammoojii Baalee hongeen miidhaman keessaa tokko kan taate Aanaa Raayituu keessa, qabeenya beelladootaa kuma 60tti tilmaamamu keessa walakkaa ol dhumuu fi kaan godaanuu bulchaan aanichaa himaniiru.

Hongeen seenaa keessatti hamaadha jedhame kun Oromiyaa guutuu [bakka itti mudatetti] horii kuma 800 ajjeesuu fi kanneen kuma 300 ta'an akkaan hubamanii jiraachuu Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir BBCtti himaniiru.

Horiin hunduu dhumee darbeera kan jedhan maanguddoon aanaa Raayituu Haji Aliyyii Turkuu, takkuma hongee akkanaan gaala fixu arginee hin beeknu jedhan.

''Aanaan kun horsiisa horiin beekama. Uummanni horsiisee bula. Amma homtuu harka hin jiru. Gaalli, harreen, loon, re'een amma hin jiran.''

Hongee kanaan horiin hedduun dhumuu malee lubbuun namaa darbuu qondaalli mootummaa hin dubbanne.

Haji Aliyyiin garuu guyyuu ijoolleen horii jala deemtu duutee bakkeetti argamaa jirti jedhan.

Wayita yaada kana nuuf kennanitti, ''amma kunoo ijoollee lama, akka horii bobbaafteen alatti duutee arganii awwaalan. Guyyuu wanni akkasii inuma mudata,'' jedhan.

''Nuti nama waan nyaatuu fi dhugu hin qabnetti dheengadda roobni wayii roobee ture. Amma yoo roobni ka sirriitti roobu ta'ellee sanyii facaafannu harkaa hin qabnu, xaa'oo waan ittiin bitannu hin qabnu, waan qonnuun hin qabnu, humna hin qabnu,'' jechuun qaamni dhimmi ilaallatu akka birmatuuf iyyatan.

Obbo Abdurrahmaan Haji Aliyyii dur uummanni keenya bu'aa horii irraa argamuun jiraata, amma horiinuu dhumte abdii kutateera jedhan.

''Dur wayita roobni roobu horiin aannan waan mirgisuuf uummanni aannan dhugee bayyanata. Amma horiinuu bonaan laaftee wayita xiqqoo roobu dandamachuu dadhabdee dhumaa jirti. Biyya keenya rabbumti yaadatee yoo raamata godheef malee akkasiin hin baanu.''

Akkasaan jedhanitti nama qofa osoo hin taane beelladoonni fi bineensonni bosonaa hedduun beelaa fi dheebuun dararamaa jiru.

''Takkaa nama horii tika dhaqee, horiin galee booda reenfa alaa argan an argee hin beeku. Gaala ba'ee bakkeetti hafu argee hin beeku, abbootiin gaalaa rifaatuudhaan danqaraatti of darban. Harreen akkasi. Bineensi alaallee maraatee jira. Karkarroo, booyyee, jaldeessi, kuruphee fi kaan nyaata barbaacha mana barumsaa fi manneen namaatti duudaa jiru. Bishaan dhabuurraa dhumaa jiru.''

Gargaarsi qaama mootummaa fi dhuunfaarraa ergamu furmaata waaraa ta'ee rakkoo kana hin furu kan jedhan namoonni kunneen, innumtuu hawaasa rakkoo keessa jiru qaqqabaa hin jiru jedhan.

Erga rakkoon hongeen Baalee dabalatee kutaalee Oromiyaa garaagaraatti mudatee namoonni dhuunfaa, kaan gareen gurmaa'uun akkas mootummaan gargaarsa gochaa jiraachuu karaa miidiyaalee baayyee dubbatama.

Jiraattonni akka jedhanitti garuu gargaarsi jedhamu hamma miidiyaarraa dubbatamu miti.

Haji Aliyyii Turkuu, ''gargaarsi inuma fe'amee dhufa, garuu daldaltootuma harkatti kufa. Caasaaleen mootummaas dhoksanii kuufatu,'' jedhan.

Obbo Musxafaanis Godinaalee akka Booranaa fi Baale Bahaa keessatti midhaan gargaarsaaf ergamu caasaan gara gadii jiru saamichaa fi hanna irratti raawwateera jedhan.