Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yuukireen: Zeleniskiin biyyoonni Awurooppaa weerara Raashiyaa dhaabsisuuf barfataniiru jechuun komatan
Pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniskii yaa'ii mana maree Awurooppaa Biraaselsitti taa'amerratti yaada kennaniin biyyoonni Awurooppaa weerara Raashiyaa dhaabsisuu irratti barfataniiru jechuun komatan.
"Qoqqobbiiwwan irra keessaniittu, sanaaf isin galateeffanna. Garuu barfattaniittu. Osoo irree tokkoon ittistaniittu ta'ee silaa Raashiyaan haga kana hin deemtu turte. Carraan dhaabsisuu tureera,'' jedhan.
Waa'ee ujummoo guddicha boba'aa Raashiyaarraa karaa Jarmanii biyyoota Awurooppaatti geessuu 'Nord Stream 2' kaasuun, osoon sararri kun dursee cufameera ta'ee ''Raashiyaan goolama boba'aa hin uumtu turte,'' jedhan.
Pireezidant Zeleniskiin biyyoonni ollaasaanii gaaffii miseensummaa Gamtaa Awurooppaa Yuukireen akka mirkaneessan gaafataniiru.
"Kanarrattis akka hin barfannen isin gaafadha,'' jedhan.
Pireezidant Zeleniskiin biyyoota Awurooppaa hanga yoonaa gargaarsaa kennuufiirratti barfatan, akkasumas kanneen bira dhaabbachaa jiran maqaa waamuun dubbatan.
Biyyoota akka Poolaand, Istooniyaa, Rippaabilika Cheek fi Itaalii yoo galateeffatan, Jarmanii, Poorchugaal, Ayarlaand fi Hangarii ammoo ni komatan.
Hangariin garee lamaanirraayyuu wallaba taatee gidduu dhaabbachuusheetti kann hin gammadne Zeleniskiin, ‚'eenyu waliin akka jirtu murteeffachuu qabda. Hanga yoomiitti gidduu dhaabbatta?'' jechuun bulchaa biyyattii Viktor Orban gaafatan.
Viktor Orban michuu Vilaadmiir Putiin bara dheeraati.
Godaannisa Waraana Addunyaa lammaaffaarratti humnoota Naaziin raawwatamee darbe, kan kophee namoota jumlaan ajjeefamaniin siidaan yaadannoo Budaapest keessatti dhaabate yaadachiisan Zeleniskiin.
Qondaalli Hangarii kun seenaa sana akka hin deebisne, Raashiyaa dura dhaabbachuu akka qaban gaafata Pireezidantiin Yuukireen.
"Kopheewwan sana ilaali. Seenaa sana yaadattee jennaan har'as taatee walfakkaataan addunyaa kana mudachuuf akka deemu hubatta. Kunimmoo waan Raashiyaan raawwataa jirtuudha,'' jedhan.
Zeleniskiin dhiheenya kana paarlaamaa biyyoota addunyaa hedduuf waa'ee rakkoo biyyisaanii keessa jirtuu ibsaa jiru.
Yuukireen tumsuurratti bakka biyyoonni lixaa hanqina qabu yookiin barfataniiru jedhanii yaadan dubbachuurraas boodatti jedhaa hin jiran.