Waraana Kaaba Itoophiyaa: Paartiin Badhaadhinaa waraana dhaabuuf filannoo karaa nagaa jiru kamiyyuu akka fayyadamu beeksise

Paartiin Badhaadhinaa Kora isaa yeroo jalqabaatiif gaggeeffataa jiruun waraana Kaaba Itoophiyaatti deemaa jiruun sababa ejjennoo Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) irraa kan ka'een uummanni Tigraay haarsaa guddaa baasaa jiraachuu ilaalcha keessa galchuun waraana kanatti xumura gochuuf filannoo karaa nagaa jiru kamiyyuu akka fayyadamu waliigalteerra gahuu beeksiseera.

Paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni kana kan jedhe Sanbata kaleessaa Kora isaa jalqabaa gaggeeffataa jiru ilaalchisee dhimmoota irratti mariyateerratti ibsa yeroo kenneetti ture.

Paartichi Kora isaa jalqabaa guyyaa lamaffaa irratti Abiy Ahimad (PhD) pirezidantii paartichaa, Obbo Dammaqaa Mokonnoniifi Obbo Adam Faaraah ammoo pirezidaantota itti-aanoo godhachuun filachuu beeksiseera.

Itti-gaafatamaan hariiroo ummataafi idil-addunyaadhaabichaa Biqila Hurriisaa (PhD) ibsa kennaniin, ''karaa nagaa jiru jedhaman itti gargaaramuun... rakkoo kana furuun akka irra eegamu" waliigalteerra gahamuu isaa beeksisaniiru.

Dr. Biqilaa Hurriisa ibsa isaanii kanaan waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalate kana keessatti sababa ejjennoo TPLF irraa kan ka'een ummanni Tigraay gatii guddaa baasaa jiraachuun isaa ilaalcha keessa galee Paartiin Badhaadhinaa waraana kana dhaabuudhaaf karaa nagaan xumura itti gochuf akka hojjetu waliigalteerra gahamuu isaa dubbataniiru.

Dura ta'aan dhaaba TPLF, Dabretsiyon Gabremikaa'el (PhD) kanaan dura gaaffiifi deebii BBC News Hour waliin taasisan irratti marii karaa Gamtaa Afrikaa, Mootummoota Gamtoomaniifi Keeniyaatiin taasifamaa jiaachuu ibsanii turan.

Marii dippilomaasii kallattiin hin ta'iin kun gaggeeffamaa jiraachuun isaa himamee ji'oonni muraasni kan lakkaa'aman ta'ullee bu'aa qabatamaan argamsiisan garuu hin jiru.

Kora Paartii Badhaadhinaa Jimaata jalqabameen dhimmoota mariin irratti taasifame ilaalchisuun gabaasni koree giddu-galeessaa dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamee kan raggaasifame ta'uu kan ibsame yoo ta'u, gabaasa kana irratti adda dureedhaan dhimmi nageenyaafi tasgabbii kan ka'e ta'uu dubbatameera.

Kora jalqabaa Paartii Badhaadhinaa Bitootessa 11-14 gaggeeffamu kana irratti miseensonni 1,500 ol ta'an irratti hirmaataniiru.

"Ummanni Tigraay qaama keenya, obboleessaafi obboleettii keenya," kan jedhan Dr. Biqilaan, "TPLF waliin dhimma walqabatuufi paartichi dubbii kaasuun rakkoo uumeen, akkasumas gocha isaa mancaasuu ta'een ummanni Tigraay gatii isaaf hin malle kaffalaa jiraachuu" dubbatan.

Miidhaa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee ummanni Tigraay keessa seene furuudhaaf aanga'oonni Paartii Badhaadhinaa akka hojjetan kan himan Biqilaa Hurriisaa (PhD), "Itoophiyaan filannoowwan nagaa fayyadamuudhaan rakkoo hawaasummaafi dinagdee ummata Tigraay mudate furuudhaaf akka hojjettu" himaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa

Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'oota 16 lakkoofsise kun naannoo Tigraay keessatti ji'ootaaf erga tureen booda mootummaan Federaalaa waraana dhaabuu gam-tokkee labsuun loltoota isaa Tigraay keessaa baasuu hordofee humnoonni Tigraay naannolee Amaaraafi Affaar keessatti haleellaa banuun isaa ni yaadatama.

Naannolee lamaan keessatti bakkawwan hedduu to'atanii kan turan humnoonni Tigraay, boodarra garuu mootummaan Federaalaa naannolee kanneen keessatti bakka qabatanii turan keessaa lola baneen baaseera.

Ta'us, loltoonni federaalaa Naannoo Tigraay akka hin seenne dhorkuu kana dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad himaniiru.

Kana hordofee yeroo ji'a tokkoo ol ta'uuf haleellaa qilleensarraa mootummaan gaggeessaa tureen alatti, waraanni cimee gaggeeffamuu osoo hin gabaafamiin tureera.

Ji'oota muraasa darban keessa garuu humnoonni Tigraay aanaalee naannoo Affaar daangaa irra jiran irratti haleellaa banuun aanaalee shan to'achuu isaaniifi halaallaa tureenis namoota baayyeerra miidhaan gahuu naannoon Affaar ibseera.

TPLF gama isaatiin sababa gama Affaar irraan yaaddoo torbanootaaf itti aggaamameen humnoota naannoo Affaariin "yaaddoo itti aggamame qolachuudhaaf tarkaanfii cimaa" akka fuhate ibsuun isaa ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana naannoo Amaaraafi Affaar Tigraay waliin wal daangessan keessatti waltii bu'insa darbee darbee mul'atuun alatti hanga ammaatti wanti ifatti beekamu hin jiru.