Tigraay: Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko guute akkamiin xumura argata?

Waraanni Sadaasa 04, 2020 keessa bara darbe naannoo Tigraayitti eegalame amma gara nannoolee ollaa Affaar fi Amaaraatti ce'uun cimee itti fufeera.

Waraana kanarratti qaamoleen hirmaatan yakka mirga namoomaa sarbuu hedduu fi qabeenya barbadeessuu isaanii ibsuun, gocha isaaniirraa akka of qusataniif UN dabalatee biyyoonni lixaa hedduun wawaataa turan.

Ajjechaa lammilee nagaa, miidhaan saal-qunnamtii hadhoolii fi dubartoota hedduu irra ga'uu fi qabeenyi hedduun barbaada'uu isaaf sababa kan ta'e waraana kanaaf dhumni isaa maali? Furmaatni eenyurraa dhufa?

Ofii waraani reefu waggaa guute akkamiin eegale? Ka'umsa waraana kanaa irratti mootummaan federaalaa fi naannoo Tigraay quba walitti qabuun wal himatu.

Hogganaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyon Gabramikaa'eel (PhD), 'MM Abiy Ahimad fi humnootni Amaaraa ummata Tigraay jilbeenfachiisuuf mootummaa Ertiraa waliin ta'uun nu balleessuuf waraana eegalanidha' jechuun mootummaa federaalaa himata.

Mootummaan ministira muummee Abiy Ahimad gama isaatiin, TPLF humna waraana Kaabaa waggootii 20f daangaa eegaa ture irratti haleellaa waan gaggeesseef "seera eegsisuuf" jecha lolatti seennedha jedha.

Xiinxalaan siyaasa Gaanfa Afrikaa Abdulrahamaan Sayiid Abuhashiim garuu ka'umsi waraanichaa inni dhugaan qamoolee lamaan gidduu waldhabdee aangoo qabachuuf turedha jechuun, "yaada dogoggoraa" qabatanii waraana itti seenanidha jechuun ibsa.

Yuunivarsitii Ameerikaatti Piroofeesara Misoomaa kana ta'an Galaawudiyoos Araayaa (PhD) gama isaanin, mootummaan Itoophiyaafi Ertiraa waliin ta'uun, "TPLF'n balleessuuf jecha uummata Tigraay irratti waraana labsaniiru," jechuun ibsu.

Abbaa alangaafi abbaa seeraa Ertiraa kan ture Kifleyohannis Tewoldebirihaan waraanichi "Game Over (Xumurame)" jechuun waaligaltee biyyootii lamaan simachuun, Itoophiyaa keessatti yemmuu waldhabdeen uumametti "harka keenya marannee hin ilaallu" kan jedhan pireezidant Isaayyas Afaworqii waraanni Tigraay akka hammaatu taasisaniiru jedhu.

Du'aa fi qe'eerra buqqa'uu waraanichi uume

Walabummaa Ertiraaf waranaa adeemsifame irratti kan hirmaatan Obbo Kifleyohannis, waraanni amala isaan waan badii uumu ta'uu isaa eeruun, "keessumaa lolli magaalota keessatti adeemsifamuun namummaa qabaattee, lubbuu namoota nagaa eeguu yoo dandeesseyyu meeshaan waraanaa guddaan rakkisaa waan ta'eef miidhaa hedduu geessisa," jedhu.

Kaanaf, humni Ittisaa Itoophiyaafi loltoonni Ertiraa, miseensota TPLF adamsuuf jecha yemmuu ji'oota torbaaf Tigraay keessa turanitti sarbama mirga namoomaafi saamicha raawwachuu isaanii ibsaniiru.

'Mootummaa wajjiin akka kana duraatti itti hin fufnu, TPLF Finfinnee qabachuu ni mormina'- Feeltimaan

'Yakki waraanaa Itoophiyaa keessatti raawwatamuu hin oolle' - gabaasa UN

Labsii yeroo muddamaatiin dhorkaawwanii fi dirqamawwan kaa'aman maal fa'i?

TPLF's magaalaa Maayikaadiratti namoota nagaa dhalattoota Amaaraa ta'an irratti ajjechaa akka raawwate qorannoon UN fi Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa gaggeessan ni eera.

Waraanichi bakkeewwan nannoleee Affaar fi Amaaraa keessatti babal'achuu isaa irraa kan ka'e, bakkeewwan kunneen kan to'atan humnootni TPLF, lammilee nagaa irratti haleellaa geessisaa jiru himatni jedhu irratti dhiyaateera.

Irra daddeebiin namoota nagaa irratti miidha akka hin geessisne kan himu TPLF, gama isaan himatni kun qaama saddaffaan akka qoratamuuf gaafateera.

Ta'us garuu, sababa waraana kanaan lammileen miiliyoona 6 ol gargaarsi nyaataa hatattamaa kan isaan barbaachisu ta'uufi qamooleen gargaarsa dhiyeessan daandileen akka banamuufiif waamichi dhiyaachaa jira.

Tigraay keessatti qofa lammileen miiliyoona walakkaa ta'an rakkoon beelaa isaan qunnameera. Waraanicha dura namootni miiliyoona 1.6 ta'an gargaarsa safetynet irraa argataniin jiraachaa turani.

Dabalataanis naannicha keessatti taajijjilli baankii ibsaa fi wantoota bu'uraa biroo addaan citanii waan turaniif, hojjattoonni mootummaa nannicha keessa jiran miindaa waan hin arganneef, naannicha keessatti jireenyi rakkisaa akka ta'u godheera jechuun Abdurhamaan ni hima.

Sababa kanaan finciltoonni TPLF uggurri Tigraay irra jiru hanga kaatuutti akkasumas ulaagaaleen kanaan dura dhiyeessan mootummaan hanga guututti waraanicha akka hin dhaabne himu.

Nagaan gutuun utuu hin dhufin akkasumas waligaltee amanamaa ta'erra utuu hin ga'amiin mootummaan uggura kaa'e ni kaasa amantaa jedhu hin qabu kan jedhan Obbo Abdurhamaan, lammilee miliyoonaan lakka'amaniif gargaarsi hatattamaa waan barbaachisuuf, haalli kun akkataa kanaan yeroo dheeraaf turuu hin danda'u jedhu.

Obbo Kifleyohannis gama isaaniin, waraanichi kanarra yoo dheerate, uummatni Tigraay itti cimuu akka danda'u ibsuun, hawaasni addunyaa gargaarsi karaa itti kennamu mijeessuuf yaalii gochuu qaba jedhaniiru.

Furmaatni waraanichaa maali?

Waldhabdeen naannoo Tigraay fi mootummaa Federaalaa gidduu jiru yeroo cimaa deemetti, namootni siyaasaa fi hayyuleen Tigraay hedduun walga'ii taasisaa turan irratti "nu hin barbaachisan taanaan karaa nagaa gargar ba'uu dandeenya" jechaa akka turan Obbo Kifleyohannis ni himu.

"Uummatni waraanaan miidhame dafee waan hin bayyaannatneef, uummata hunda waliin ta'uun waltajjiin abbootii siyaasaa fi amantaa of keessatti qabate qophaa'uu qaba," jechuunis yaada isaanii kennaniiru.

Lammileen Itoophiyaa naannoon Tigraay maxxaantuu diinagdee Itoophiyaa akka taatetti waan ilaalaniif "Itoophiyaa irraa nan foxxoqa utuu jette mormiin irratti ni dhiyaata jedhee hin yaadu," kan jedhu Obbo Abdurhamaan gama isaaniin.

Naannichi homaa hin qabu yoo ta'eyyu ogeessotni mala diinagdee qopheessuu yoo danda'an biyya ta'uu irraa kan ishee dhorku sababni hin jiru jedhu.

"Biyya ta'uuf dirqama dirqama balballi galaanaa (buufata galaanaa) fi qabeenyi ni barbaachisa jechuu miti. Buufata galaana argachuuf jecha ammo waldhabdee biraa keessa galuun hin barbaachisu. Naannoo tokko mitiitti magalaan tokkoyyu biyya uumuu dandeessi," jechuun Singaapoorriin akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Dr Gilaawudiyoos gama isaaniin haalli Tigraay karaa sadii murtaa'uu danda'a amantaa jedhu qabu.

Dhalattoonni Tigraay fi humnootni federaalistii biroon waliin ta'uun mootummaa MM Abiy balleessuun, Mootummaa feederaalaa fi dimokiraatawaa Itoophiyaa haaraa ijaaruun filannoo isa tokko akka ta'e ni himu.

Nannoleen aangoo ofiin of bulchuu keennameefi konfedereshinii waliinii uumuun ykn ammoo gutummaa gututtii bilisa ta'anii ofii isaaniin mirga ittin of bulchan kennuu ni dand'ama jechuun filannoowwan sadan ibsaniiru.

Dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa, uummata Tigraay irratti dhorkii ka'amee kaasuun xiyyeeffanoo isa jalqabaa akka ta'e ibsuun, eegereen uummata Tigraay murtee uummatichaa akka ta'ee himuun isanii ni yaadatama.

Waaranni kun yeroo jalqaberraa eegalee, hawaasni addunyaa waligalteen dhukaasaa dhaabuu akka taasisamuu fi furmaatni nagaa qabeessa ta'e akka uumamuuf waamicha dhiyeessaa turaniiru.

Ta'us garuu, waraanichi gara naannolee ollaatti babal'achuun lammileen hedduu qe'ee isaaniirraa buqqa'anii, miidhaan hedduu ga'aa jira.

"Waraanni kun karaa nagana utuu furamee natti tola, haalonni turan garuu kana waan eeyyaman hin fakkaatu. Waraanaan waan cumuramu natti fakkaata," jechuun Piroofeesar Galadiyoos tilmaama qaban himaniiru.

Waldhabdeen mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduu ture karaa marii fi haasaa siyaasaan furamuu qaba jechaa kan ture Crisis Group, dhiyeenya ibsa baaseen, "Waraanni babal'achaa fi dheerachaa dhufe mariin hiikamuu qaba," jedheera.

Obbo Abdurhamaan gama isaan, rakkoo amma jiru furuuf, TPLF waraanarra furmaata siyaasaa fiduu irratti hojjachuu qaba jedhu.

Sababiin isaas, " TPLF waraanicha injifatee Finfinnee seenuu yoo danda'es, waggooti 27 darban keessatti dogoggora uumeen, biyya bulchuu hin danda'u. Mormii dargaggootaan aangoorraa ni kaafama. Ta'us garuu seenaa fi aadaa Itoophiyaa keessatti humni mormituun humnaan mo'ate aangoo to'achuun waan jiruuf waraanichi itti fufa yaadoo jedhu qaba," jedhan.

Obbo Kifleyohannis gama isaaniin, waraanni kun yoo dheerate qamoleen lamaanuu wan dadhabaa deemaniif, hawaasa addunyaan dhibbaan godhamee waraanichi mariin furamuu danda'a tilmaama jedhu akka qaban himaniiru.

"Wanti hamaan garuu waldhabee saboota gidduutti yeroo dheeraaf turedha. Waldhabdeen sabaa kun yoon hammaachaa deeme badii hin barbaachisne akka hin uumnee na yaaddessa," jechuun qamooleen hundi waraanicha qabeeneessuuf akka hojjataniif gaafataniiru.

Crisis Group gama isaatiin, qaamolee waraanicha keesatti hirmaatan, waraanicha dhaabsisuuf itti gaafatamummaa hin fudhatan taanaan, namootni kumaataman lakkaa'aman waraanaa fi beelaan du'uu danda'u jedha.