Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US Itoophiyaa carraa AGOA keessaa baasuun miidhaa akkamii geessisa?
Pirezidaantiin US Joo Baayiden xalayaa Kongirensii Ameerikaaf barreessaniin carraa daldala qaraxa irraa bilisaa African Growth and Opportunity Act' (AGOA) jedhamuu keessaa Itoophiyaa akka baasan beeksiisan.
Sagantaan AGOA kunis carraa daldalaa qaraxarraa bilisaa Ameeriikaan biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadiitti argamaniif kennitedha.
Bakka Buutuun Waajjira Daldalaa US Kaatiriin Taay Kibxata akka ibsanitti, haalli siyaasaafi rakkoo namoomaa Maalii, Itoophiyaafi Giinii keessa jiru bulchiinsa Joo Baayidan hedduu waan yaaddesseef tarkaanfiin kun biyyoota sadan irratti fudhatame.
Akka ibsa bakka buutuu kanaatti, mootummoonni biyyoota kanneenii ulaagaa ittiin carraa AGOA kana keessa turuuf tarkaanfii saffisaa yoo hin fudhatan ta'e guyyoota 60 dhufan keessatti carraa kana keessaa ni haqamu.
Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin murtee US sagantaa AGOA kana keessaa ishee haquuf fudhatte kanaan baayyee gadduu ibsuun, murtee kana akka kaastuu fi carraaqqii Itoophiyaan nagaa buusuufi seera kabachiisuuf taasistu akka deeggartuuf gaafateera.
Ibsa Ministeerri Daldalaa fi Riijinaal Integireeshinii Itoophiyaa dhimmicharratti Kibxata galgala baaseen, "Tarkaanfiiwwan akkasii kunis guddina dinagdee biyyattii keenya keessatti argame kan duubatti deebisuufi dubartootaafi daa'imman kan miidhudha,'' jedhe.
Itti dabaluunis, Itoophiyaan rakkoofi dogongora uumame sirreessuudhaaf waan dandeessu gochuu itti fufti jechuun, murteen kun Amajji 1, 2022 irratti akka kaafamu gaafateera.
Kanaafu, ''US carraaqqii nuti nagaa buusuufi seera kabchiisuuf taasifnu akka nu gargartuuf gaafanna malee humnoota finciltootaa mootummaa karaa dimokiraatawaa ta'een filatame kuffiisuuf yaalan dura dhaabbachuu keenyaaf ummata keenya akka hin adabne gaffanna," jedheera ibsichi.
Murteen Ameerikaa attamiin Itoophiyaa miidhuu danda'a?
Tarkaanfiin US kun jalqaba irratti hirmannaa Itoophiyaan gabaa Ameerikaa keessaa qabdu akka haqamu gochuu dubbatu hayyuun dinaagdee Dr Guutuu Teessoo.
"Gabaa keessaa haqamte jechuun, dinaagdee keetiif, sharafa biyya alaa argachuu keetiif, abbootii qabeenya biyya alaa gara biyyatti dhufaniifi indistirii biyyattii keessa jiran irratti, abbootii qabeenya biyyaa keessas ta'e alaa hirmachuu irratti hudhaa jabaadha," jedhan.
Kanaaf, kaallatti investimentiifi hirmaannaa gabaatiin rakkoofi danqaa hamaa Itoophiyaa irratti akka fidu Dr Guutuun himaniiru.
Madda sharafa biyya alaa ta'uun Itoophiyaaf akka tokkittiitti kan hafe ture AGOA akka ta'e eeruun Dr Guutuun murteen kun, argannaan sharafa biyya alaa kun caalaatti akka danqamu taasisa jedhu.
Fakkeenyaaf, warshaaleen yoo gabaa dhaban, cufanii deemuun filannoo ta'uu akka danda'u eeruun, kun ammoo "carraa hojii biyya kana keessatti uumamu qormaata hamaa keessa galcha," jedhan.
Keessattuu bara carraa hojii argachuun rakkisaa ta'e kanatti warshaalee fi wiirtuuleen oomishaa akkanaa gabaa Ameerikaa keessaa ugguramuu jechuun, carraan hojii biyya kana keessatti uumamu daran akka hammaatu ykn gadi bu'u ni godha jedhu.
Kana malees, tarkaanfichi daldaltoota omishaalee akka gogaa ykn huccuu kanneen gabaa Ameerikaa irratti dhiyeessan irratti dhiibbaa olaanaa kan uumamu akka ta'e ibsaniiru.
"Walumaa galatti hojiiwwan dinaagdee biyya kanaa irratti hudhaa cimaa fiduu waan danda'udha," jechuun Dr Guutuun dhiibbaa tarkaanfiin kun qabaatu kan ibsan.
Ameerikaan murtee kana dabarsuusheen dura, ji'oota gara torba ykn saddeetiif sossodaachisaa akka turte kan himan Dr Guutuun, mootummaan Itoophiyaa murteen kun akka haqamuuf jecha waan hunda dhiisee gara mariitti dhufuusaa amanuun na yaaddeessa jedhu.
Miidhaa murteen kun geessisuu salphisuufis mootummaan wanti inni gochuu danda'u wanti hedduun akka hin jirre ibsaniiru.
Paarkiiwwan indastirii Itoophiyaan qabdu keessatti dargaggoota miiliyoona tokko ta'antu murtee US kanaan carraa gabaa fi hojii dhabuun jireenyi isaanii rakkoo keessa gala.
Itoophiyaan murteen kun jireenya dargaggoota miiliyoonaan lakkaawamani miidha waan ta'eef US murtee Itoophiyaa carraa kana keessaa baasuu akka hin fudhanne duula adda addaa gaggeessaa turte.
Murteen kun dhimma mirga namoomaa sarbame irratti hunda'uun kan murteeffame waan ta'eef, carraan deebi'anii AGOA'tti makamu wanta "torbanoota ykn ji'oota booda furamu osoo hin taane waggootii fudhachuu danda'udha," jedhu Dr Guutuun.
Yoo carraan kun argame Itoophiyaan miseensummaatti deebitullee gabaa Ameerikaa keessatti deebitee bakka argachuuf yeroo dheeraa akka fudhachuu danda'us eeraniiru.
Haaluma walfakkaatun, labsiin yeroo muddamaa Mana Maree Ministiroota Itoophiyaatiin Kibxata Sadaasa 02, 2021tti guutuu biyyattiitti labsamees miidhaa diinagdee hedduu akka qabaatu kaasu Dr Guutuun.
Labsichis sochiilee oomisha biyyattii keessa jiran irratti dhiibbaa fiduu isaatiin alatti hawaasummaa irrattis dhiibbaa uumu danda'a jedhan.