Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Carraan daldalaa US amma Itoophiyaa ittiin 'doorsifte' AGOA'n maali?
Mootummaan Ameerikaa carraa daldalaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduuf kennite Itoophiyaan sababa sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayiin dhabuu akka dandeessu akeekkachiiseera.
Waajirri daldalaa US ibsa Roobii baaseen bakka buutuun waajirichaa Ambaasaaddar Kaatiriin Taayi gorsaa olaanaa dhimmoota Imaammataa MM Abiy Ahimad kan ta'an akkasumallee dhimma daldalaa irratti mootummaa bakka bu'uun kan mariyatan Maammoo Mihiretuu waliin mariyataniiru.
Qondaalli US kun hariiroon daldalaa gaariin baroota keessa biyyootni lamaan ijaaran fuul durattillee cimee akka itti fufuu danda'uufi rifoormii Itoophiyaa keessatti gama siyaasaafi dinagdeen gaggeefameef beekamtii kennaniiru.
Waraana naannoo Tigraayitti Sadaasa darbe humnoota TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduutti dhalateen walqabatee garuu seeronni mirga namoomaa idila addunyaa sarbamuun Itoophiyaan carraa daldalaa US biyyoota Sahaaraa gadiif uumte AGOA keessa akka baatu gochuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.
'African Growth and Opportunity Act' (AGOA) sagantaa Yunaayitiid Isteets daldala biyyoota Afrikaa Saharaa gadii jajjeebeessuuf jecha bara 2000 koongireesii Ameerikaan fudhatama argateedha.
- 'Uummata keenya eeguuf mirgas, dirqamas qabna, kan gochaa jirrus kanuma'
- 'Haleellaan TPLF raawwataa jiru dararaa ummata Itoophiyaa kan dheeressu qofa'
- US waraana Tigraayiin walqabatee hogganaa waraana Ertiraarra qoqqobbii keesse
- US fi EUn loltoonni Ertiraa deebi'anii Tigraayitti bobbaafamuutti yaaddahuu himan
Carraan daldalaa US Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biroofis bante biyyootni kun omishaalee isaanii qaraxa malee gabaa Yunaatid Isteetisiif akka dhiyeessan hayyama.
Carraan kun biyyootni kaanis danqaa daldala Ameerikaaf biyya isaanii keessa jiru akka hambisaniifi ilaalcha heddummina siyaasaa jajjabeessuu akka qaban akka ulaagaatti qabateera.
Ibsi waajira daldalaa US kun ''Sarbamni mirgoota namoomaa idila addunyaa beekamoon Kaaba Itoophiyaatti waraanaa fi gaaga'ama namoomaa dhalateen walqabatee mudate hin furamu taanaan ulaagaa Itoophiyaan fayyadamtuu sagantaa AGOA taatee itti fufuu miidhuu mala'' jedha.
Ibsa kana ilaalchisee hanga ammaa mootummaan Itoophiyaa ifatti wanni jedhe dhagaahamuu baatus, dubbii himaan ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa Kamisa har'aa kennan keessatti yaada kennuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.
Akka maddi oduu kun jedhutti Ambaasaaddar Diinaan, ''Dhimmi AGOA nu doorsisuuf dhiyaateera. Wanti jijjiiramu hin jiraatu'' jedhaniiru. Dhimmoota tokko tokkorratti garuu waliigaluu akka danda'aniis akeekaniiru.
Carraa bara 2000'tti US biyyoota Afrikaaf mijeessite kanaan gosoota omishaa 1,800 ta'aniif US keessatti carraan gabaa mijaa'eera.
Itoophiyaan bara 2020 qofa sagantaa kanaan daldala doolaara miiliyoona 525 raawwachuu ishee Rooyitarsi gabaaseera.
Waashingitan sababa sarbama mirga namoomaan walqabatee Rippaablika Dimookraatawaa Koongoo miseensummaa sagantaa kanaarraa erga haqtee booda bara 2020' tti miseensummaatti deebisteetti.
Biyyootni Lixaafi dhaabbileen idila addunyaa gariin sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraay keessatti raawwatameef irra deddeebiin mootummaa qeeqaa kan turan yoo ta'u mootummaan Itoophiiyaa gama isaan miseensota waraanaa yakka kana keessatti hirmaataan seeraan to'atee adabbii hanga umrii guutuu gahu irratti dabarsuu hima.
Itti dabaluunis biyyootni Lixaa fi dhaabbileen idila addunyaa gariin dhimma keessoo Itoophiyaa keessa galuuf dhiibbaa hin malle irraan gahaa akka jiran komata.
Ambaassaaddar Diinaa Muftii mootummaa Ameerikaa fi dhaabbilee isaanii waliin mariin garaagaraa godhamaa akka jiruufi mootummaa Itoophiyaa hubachuutti akka jiran himaniiru ibsa Kamisa kennan keessatti.
Dhiibbaan gama adda addaan mootummaa Itoophiyaarraa gahaa akka jiru eeranii sababa dhiibbaa kanaan ''Birmadummaa biyyaa dabarsinee mariif hin dhiyeessinu'' jedhan.