Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: Gamtaan Afrikaa haala Itoophiyaan yeroo ammaa itti jirtu hordofaa jiraachuu hime
Komishinarri Gamtaa Afrikaa (AU) Muusaa Faakii Mahamat haala waraanaa Itoophiyaa keessaa xiyyeeffannoo guddaan hordofaa jiraachuu ibse.
Komishinar Muusaa Faakii qaamoleen wal waraanaa jiran bu'aa biyyaaf jecha akka marii naga-qabeessaan furmaata fiduu qabu jedhan.
Ibsa Gamtaan Afrikaa haala waraana Itoophiyaa keessaa ilaalchisee baaseen Komishinerichi haleellaa ji'a Sadaasaa bara 2020 buufata waraanaa Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa Maqalee irratti dhaqabe yaadachuu ibseera.
Qaamoleen hunduu tokkummaa daangaa biyya isaanii, fi walabummaa biyya isaanii akka eeganiif waamicha godhaniiru Komishiner Muusaa Faakii.
Kana gochuuf waraanni hatatamaan dhaabbachuu qaba kan jedhan Muusaa Faakii lubbuu namaa fi qabeenya lammiilee nagaa fi bu'uuraalee misoomaa mootumaaf eeggannoon godhamuu akka qabus gaafataniiru.
Dabalataan deeggartootni qaamolee wal waraananii gochaa haloo wal bahuu hawwaasa irratti raawwachuu, haasaa jibbinsaa fi dubbii qoqqooddaa fi jeequmsa kakaasu irraa akka of qusachuu qaban gaafatan.
Gamtichi ibsa isaa keessatti qaamoleen hunduu seerota deeggarasa namoomaa idil-adunyaa fi kabaja mirga namoomaa eeguuf dirqama akak qaban himeera.
Deeggarsi namoomaa hawwaasa akka dhaqqabu gochuu fi lammiilee nagaaf eegumsa gochuu akak qaban hime.
Dura taa'aan gamtichaa qaamolee hunda walitti fiduun waliigaltee siyaasaa irra akka gahan gochuuf itti fufinsaan hojjechuuf kaka'umsa akka qabus himaniiru.
Kana gochuuf ammoo qaamoleen hunduu Gaanfa Afrikaatti Bakka Bu'aa Ol Aaanaa gamtichaa kan tahan pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Olesugun Obaasaanjoo waliin akka wal qunnaman waamicha godhaniiru.
Manni Maree Ministerootaa Itoophiyaa haala nageenya biyyattiin keessa jirtu gidduugaleessa godhachuun guyyaa kaleessaa Sadaasa 2,2021 irraa eegaluun kan hojii irra oolu labsii yeroo muddamaa guutummaa biyyattiitti labsaniiru.
Labsii yeroo muddamaa kana keessa daangaawwan hedduun kan taa'an yoo tahu hanga yoomiitti akka turu waan ibsame hin qabu.
Waraanni naannoo Tigiraay keessatti jalqabe waggaa tokko kan guute yoo tahu osoo xumura hin argatiin amma gara naannolee ollaa akka Affaarii fi Amaaraatti babal'achuun lammiileen kumaatani qe'ee isaanii irraa buqqa'aa jiru.
Humnootni TPLF ammoo magaalota akka dasee fi Kombolchaa qabachuu karaa dubbii himaa isaanii Geetaachoo Raddaa himaniiru.
MM Abiy Ahimed uummatni biyyattii humnaa fi meeshaa qabu hundaan bahuun akka duulu gaafataniiru. Guyyaa humni raayyaa ittisa biyyaa buufatni Kaabaa magaala maqaleetti humnoota TPLF'n itti rukutame har'a yaadatamee ooleera.