‘Mootummaa wajjiin akka kana duraatti itti hin fufnu, TPLF Finfinnee qabachuu ni mormina’- Feeltimaan

Waraanni Tigraay amma gara naannolee Amaaraafi Affaar keessatti babal'ate erga eegalee har'a waggaa tokko kan guute yeroo ta'u gaaga'ama biyyattii keessatti gama hedduun uumeen cinaatti hariiroo alaa Itoophiyaa akkaan miidheera.

Waraana Itoophiyaa keessatti gaggeefamaa jiru addatti xiyyeeffannoo guddaan kan hordofaa turte US, sarbama mirgaa raawwatamaa jira jettuun walqabatee qoqqobbii kaahuutti jirti.

Haala Itoophiyaa fi biyyoota Gaanfa Afrikaa biroo akka hordofan Pireezidant Joo Bayaidaniin kan muudaman ergamaan addaa Jeefrii Feeltiman, turtiin waggaa tokko waraana kanaa akkamiin hariiroo biyyoota lamaanii akka miidhe barreessaniiru.

Bara 2018 MM Abiy gara aangoo yeroo dhufan lammiilee Itoophiyaaf abdii hegeree gaarii kan bane hariiroo US-Itoophiyaafis boqonnaa haaraa turee jedhan Feeltimaan.

Kanarraa kan ka'ees US hojiilee MM Abiyyiin hojjetaman maallaqa doolaara miiliyoona hedduun deeggaruu himaniiru.

MM Abiy waliin irra deddeebiin wayita wal-arganitti michummaan biyyoota lamaanii daran cimsuuf fedhi guddaan turus bara 2020 kaasee danqamuu eegalee jedhaniiru.

Kunis ejjennoo Itoophiyaan Hidha Haaromsaa ilaalchisee jaarsummaa US irratti qabatte kan hubatamu ta'us, bulchiinsi Tiraamp deeggarsa dhorkachuu yeroo eegalanii ture.

Buulchiinsi Baayidan tarkaanfiin pireezidantii Tiraamp sirrii akka hin taane amanee ajaja isaanii kan haqe ta'uus, waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegalame qormaata biraa ta'uu ibsani.

''Bulchiinsi Baayidan mootummaan Itoophyaafi TPLF daandii biroo akka filatan yaalaa ture.''

''Akka michuu dhugaatti, gorsa keenya haqarratti hundaa dhiyeessineerra, Innis walitti bu'iinsi waraanaa kun yoo itti fufe tokkummaa Itoophiyaaf, kabajamuufi tasgabbii daangaaf akkasumas hariiroo Itoophiyaafi US darbees kan hawaasa idila addunyaaf balaa akka ta'u'' jedhan Feeltiman barreefama dheeraa qopheessan keessatti.

Haalli waraanaa akkuma gegeeddarama adeemu US haalicha xiinxalaa dhaamsa ta'u dhiyeessaa akka turtellee himan.

'TPLF waraanicha Tigraayiin alatti babal'isuu balaaleffanneerra'

Waxabajjii darbe irraa eegalee wayita humnoonni TPLF waraanicha gara naannolee ollaa Amaaraafi Affaaritti ceesisan namootni kumoota dhibba hedduun lakkaawaman buqqa'uufi dararaaf saaximaniiru jedhaniiru.

Itoophiyaatti ambaassaaddarri US Paasiin dhiyeenya gara teessoo naannoo Amaaraa Baahirdaar imaluun kanneen weerara TPLF'n miidhamaniif gargaarsa godhamu jabeessuurratti murannoo jiru agarsiisaniiru jedha barreefamni Jeefrii.

''Waraana naannoo Dasee fi Kombolchaa sodaachisaa turee fi namoota nagaa kumoota hedduu mana isaaniirraa buqqise argineerra.''

''Kanneen imaammata US qeeqaan Yunaayitid Isteets jalqabumarraa TPLF'f loogdi yaada jedhu dhiyeessu. Kun gonkumaa dhugaa miti. TPLF Tigraayiin alatti waraana isaa babal'isaa deemuu itti fufiinsaan balaaleffachaa turre, Amaaraafi Affaar keessaa akka bahanis gaafachaa turre.''

Babal'achuun waraana kanaa fudhatama kan hin qabne ta'uus, sababa ulaan deeggarsi namoomaa Tigraay itti galu cufamaa waan tureef waan eegamaa turedha jedhu Feeltimaan.

''Mootummaan Itoophiyaa Ji'a waxabajjii irraa kaasee deeggarsa namoomaa Tigraay galu dhorkeera, kun ammoo beelliifii fi haalonni beelatti siiqan gabaafamaa jiran addunyaa osoo rifaasisanii hanga ammaatti kan itti fufedha.''

Yaaliin adda addaa dhaabbiilee deeggarsaan yaalamus ''mootummaan Itoophiyaa ta'e jedhe deeggarsa danqaa fi dhorkaa akka turuun irratti gaaffii hin jiru'' jedhu. Mootummaan himannaa kana hin fudhatu.

Uggurri deeggarsa namoomaa, galteewwan waldhaansa fayyaa fi kaanis hariiroo biyyoota lamaaniirratti dhiibbaa hin mallee uumuu ibsaniiru.

Dabalataan ammoo mootummaan Itoophiyaa hojjettoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii torba TPLF'f ''deeggarsa adda addaa godhanii dantaa biyyaa miidhaniiru'' jedhe biyyaa ari'uun hariiroo biyyoota lamaanii ittii hammeessuu ibsaniiru.

''Bulchiinsi Bashir al-Asaad waggoota 10 keessatti kan ar'iine caalatti mootummaan Itoophiyaa hojjettoota namoomaa UN hedduu guyyaa tokkotti ar'iate.''

''Mootummaan Kamuu imaammata ykn adeemsa lammiilee isaa hedduu beelaaf saaxilu hin jiru'' kan jedhan Feeltiman ejjennoon US kun kan biyyoota addunyaa hedduu akka turellee kaasaniiru.

'Mootummaa Itoophiyaa waliin akka duriitti itti hin fufu'

Feeltimaan barreefama isaanii keesatti waraanni Itoophiyaa waggaa tokko guutuuf wayita dhiyaachaa jiruutti hariiroon US fi kaanis Itoophiyaa waliin qaban akka kana duraatti itti hin fufu jedhan.

Waraanni tokkummaa biyyattiifi naannicha yaadessaa wayita jirutti '' michummaan addaa irraa gammadnu sun itti hin fufu'' jedhan.

Deeggarsa misoomaa mootummaaf kennamu dhaabuu qofa osoo hin taane qoqqobbiiwwanis kaahamuu akka itti fufan akeekan.

Tarkaanfiin US fudhachaa jirtu kallattiin imaammata mootummaan Itoophiyaa laffaratti raawwachaa jiruun walqabatas jedhaniiru.

Michuummaan bara Abiy aangoo qabatan abdii horatee ture carroomuu dhabuun kan laamsha'aa deeme ''sababa gaaga'ama waraana Kaaba Itoophiyaa fi nyaata akka meeshaa waraanaatti fayyadamuudha'' jedhan.

'Adeemsa Finfinnee to'achuu TPLF ni mormina'

''Mootummaan Ameerikaa rakkoo jiru furuuf mootummaa Itoophiyaa yoo qunnamu gaaffileef deebii ta'u kennuu caala dubbii sobaa US bulchinsa Abiy kuffisuun mootummaa haaraa TPLF hoogganu ijaaruu feeti jedhutu ka'aa'' jedhan Jeefrii Feeltimaan.

''Ifan isinitti hima: Adeemsa TPLF gara Finfinneetti yookaan yaalii TPLF humnaan Finfinnee qabachuuf yaaluu ni balaaleffanna. Ergaa kana haasaa TPLF waliin goonu keessattis jala sarareerra.''

Yunaayitiid Isteetes hariiroo uummata Itoophiyaa qaliin qabu ni barbaaddi. Itoophiyaa guutuutti tasgabbiifi nageenyi deebi'ee hooggansa akka naannoofi addunyaatti qabdu akka deebifattu barbaannas jedhaniiru.

Ministirri muummee Abiy nagaa buusuuf hiree osoo qabanii faallaa kanaan, rakkoon ittuu hammaacaa akka jiru argaa jirra jedhanii, mootummaan Itoophiyaa haal duree malee nageenyaaf carraa akka kennu waamicha mootummaa US dhiyeessaniiru.

TPLF, fi Ertiraan waraana isaanii naannoolee Affaar, Amaaraafi Tigraay keessaa baasanii jaarsumaadhaan rakkoon akka furamus waamica dhiyeessaniiru.

Dhimmi ijoo waraana Kaaba Itoophiyaa ta'us naannolee biyyattii biroo keessatti rakkooleen jiranis xiyyeeffannoo akka barbaadan kaasaniiru.