Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Rakkoon Itoophiyaa mudatee jiru tattaffii hunda hirmaachiseen furama' - Jefrii Feeltimaan
Bahaa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Jefrii Feeltmaan dawwaannaa yeroo jalqabaaf naannoo Baha Afrikaatti taasisan xumuruun ibsa baasaniin, "Rakkoon Itoophiyaa mudatee jiru tattaafii hunda hirmaachiseen furma," jedhan.
Feeltmaan daawwannaa isaanii kanaan dhimmoota ijoo kaasan; waldhabbii Hidha Haaroomsarratti mul’atu mariin hiiku, waldhabbii daangaa Itiyoo –Sudaanifi Eertiraa loltootashi Itoophiyaa baasufi sarbamiinsa mirga naannoo Tigiraay fa'aa dabalata.
Filiitmaan guyyoota 8’f biyyoota Itoophiyaa, Masrii, Eertiraafi Sudaan daawwataniiru.
Dawwaannaa isaanii kunis naannichatti kan jalqabaati.
Dhimma Itoophiyaarratti yaaddoo qaban...
Bahaa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Jefrii Filiitmaan, Itoophiyaa wayita daawwatanitti MM Abiyi Ahmad dabalatee, hoggantoota biyyattii kaan wajjin mariyataniiru.
Dippartimantiin US dawwaanna Jefrii Filiitmaan ilaalchisuun ibsa baase keessatti, siyaasaafi sabaan walqoodinsi Itoophiyaa keessatti hammaachuun Ameerikaa hedduu yaaddeessa’’jedha.
Itti-dabaluun, yakkii sukanneessaan naannoo Tigiraayitti dalagameefi muddamni naannichatti qaqqabe fudhatama hin qabu jedhe.
Lola Tigiraayi ilaalchisuun maaltu jedhame?
‘’Ameerikaan michuuwwan idil-addunyaa waliin ta’uun dhukaasni naannichatti akka dhaabatufi deeggarsa lubbuu-baraarsaa saffisaan barbaadamu gumaachitii’’jedhe.
Kanatti dabaluun michuuwwan idil-addunyaa waliin ta’uun qaama sarbamiinsa mirga namoomaa qaqqabsiise seeratti dhiyeessitee itti gaafatamaa gooti jedha ibsi kun.
Ibsi kun, ‘’muddamni Tigiraay keessa jiru agarsiiftuu rakkoo akka biyyatti Itoophiyaa keessa jirtu ta’uufi jijjiiramni hiika qabu akka hin jiraanneef danqaa uume,’’ jedha.
‘’Rakkooleen biyyattii mudatan tattaffii gartuu hunda hirmaachiseefi egeree biyyattii waliigaltee biyyaalessaa mirgi namoomaafi siyaasaa lammilee Itoophiyaa hundaa kabajuurratti bu’uureffameen furamaa,’ ’jedheera.
Loltoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa jiraachuun garuu galma kana falleessa jedha ibsichi.
Asmaraatti Jefrii Filiitmaan dhimma maalii kaasan?
Jefrii Filiitmaan Asmaraatti Pirezedantii Eertiraa Isaayaas Afawarqii wajjiin wayita mariyanitti Ertiraan loltootashii Itoophiyaattii bobbaaste saffiisaan akka baasuu qabdu jala muranii hubachiisaniiru.
Dawwaannaa Sudaan
Jefrii Filiitmaan Suudaan wayita daawwatanitti, Ameerikaan Sudaan gara dimokiraasiitti ‘’ce’umsarra jirtu ni deeggarti," jechuun hoggantoota biyyattiitti himaniiru.
Sudaan gannaa 30 darban naannicha jeeqaa turte amma garuu naannichatti biyya ittigaafatamuummaan qoodashii naannichatti baatu akka taatuuf ‘’ni deeggarra,’’ jedha ibsichi.
Hidha Haaroomsa Itoophiyaa ilaalchisuun Filiitmaan maal jedhan?
Dhimma waldhabbii daangaa Itiyoo–Sudaanifi Hidha Haaroomsa Itoophiyaarratti waldhabbii jiru michuuwwan idila addunyaa biroo wajjin ta’uun akka furamu ‘’haala mijeessina," jedha.
Jefrii Filiitmaan hoggantoota biyyoota Itoophiyaa,Sudaanifi Masrii wajjin hojii hidhicha, wabii bishaaniirratti yaaddoo Sudaanifi Masriin kaasan fedhii Itoophiyaan guddinaaf qabdu faana marii hoggaansa Gamtaa Afrikaatiin durfamuufi dhiyeenyatti deebi’ee jalqabamuun akka furamu kaasan.
Kanattti dabaluun, qajeeltoowwan (Declaration of Principles) bara 2015tti dhimma kanarratti mallatteeffame ‘’marii kanaaf bu’uura akka ta’eetti amannaa,’’ jedhe.
Mariin sun akka galma gahuuf Ameerikaan deeggarsa teekinikaafi siyaasaa dhimma akka kennuuf kutannoo qabdu kaasera.
Maayirratti, Jefrii Filiitmaan tattaaffii gama dippiloomasii Pirezedant Joo Baayideen naannichatti hordofan cimsuuf jecha naannichatti akka deebi’an ibseera.