Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Waraanaan booda Dasee, Waldiyaafi Laaliibalaa keessatti jiruun waan fakkaatu
Magaalaa Finfinneerraa gara Kombolchaa kan qajeelle balalii xiyyaaraa waaree boodaan ture. Barcumakoorra dubartiin mucaa qabatte teesseetti. Muluu Asfaaw jedhamti. ''Rakkoo hin qabu'' jedhee teessuma biraarran taa'e.
Waan dubbachuu feetu hin fakkaattu. Daa'imas waan baatteef haasa'un itti toluu dhabuu mala jedheen yaade. Yeroo imallus walitti hin dubbanne.
Keessummeessituun xiyyaaraa waan nyaatamu erga nuuf dhiheessiteen booda garuu itti haasa'uun eegale. Egaa yeroos ture deessee guyyaa kudhanaffaatti Dasseedhaa gara Finfinnee baqattee ji'a afur booda Daseetti deebi'aa akka jirtu kan natti himte.
Lolli naannawa magaalaa Dasee yeroo taasifame isheen ciniinsuurra turte. Hospitaala Dasee yeroos tajaajila kennaa turetti seenuun mucaa ishee jalqabaa deesse. Ta'us lolichi achitti hin dhaabbanne.
Gara Dasee qajeeluu itti fufe. Deessee guyyaa kudhanaffaa isheetti lubbuu isheefi kan mucaashee oolchuuf gara Finfinnee imala eegalte.
Konkolaataa kan argatte hanga Kombolchaa qofa ture. Ergasii karaa jiru miilaan deemuuf dirqamte. Reefuu deessuus lolicha baqachuun dirqama ture.
Akka tasaa konkolaataa argattees imala ishee gara Kamisee itti fufte. Ta'us, lolli duubaa baqatte dursee ishee eege. Lola Kamiseetti hidhattoonni WBO kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu banan jedhameen darbuu rakkatte.
Dhukaasa gidduu konkolaataa keessa ta'anii sa'aatii shan dabarsan. Ergasii Kamisee keessaa bahaan. Magaalota biroottis rakkoon biroo isaan qunnamaa Muluufi maatiin ishee Dabra Birhaan gahan.
Adeemsa kanaan duraan imalli silaa guyyaatti Daseedhaa Finfinnee ishee galchu amma sababa lolichaan Finfinnee gahuuf guyyaa shan itti fudhate. Imala ishee kana keessatti namoonni ishee biraa yeroo madaa'aniifi du'an agarteetti.
Daandii badii kana itti agarterra deebi'u hin barbaanne. Sababa kanaafi xiyyaaraan deemuu kan filatte.
Buufata xiyyaaraa Kombolchaa geenye. Akkitti meeshaa keenya fudhanne addadha. Xiyyaaraa bu'ee konkolaataarratti fe'ame malee gara kutaa mi'a fudhatanii hin galfamne. Nutis konkolaataarraa fudhanne.
Sababa isaa tilmaamuun nama hin dhibu. Maashiniin shaanxaa irraa fudhatan sababa lolaan miidhamee jalqabuu dhabuu mala. Muluu wajjiin nagaa dhaammannee adda baane.
Kombolchaatti yeroo hin balleessine. Yeroosuma gara Dasee imala eegalle. Karaa mirgaa shofeerichaa waanin taa'e jiruuf miidhaa lolichi dhaqqabsiise hubachuuf fuldura, bitaafi mirga ilaaluuf lafa mijataa naaf ta'eera.
Daandichi waggaa dura kaniin beekurra wanti tokko hir'ateera. Kana dura konkolaattonni pirojektii Awaash-Kombolchaa-Haraa Gabayaa mallattoo barreeffamaa ''Yapi Merkezi'' ofirraa qaban arguun dhabe.
Boodarra hojii gaggeessaa pirojektichaarraa akkan dhagahetti qabeenyonni kunneen waan saamamaniif kontiraaktarichi hojii dhaabee gara Tarkii qajeeleera.
Osoo Dasee hin seeniin naannawa bosona Haragoo meeshaan waraanaa ZU-23 jedhamu rukutamee daandii qarqaraa mul'ata. Akkuma dabarreen meeshaa waraanaa biraa rukutame agarre.
Dasee
Daandii mammaramaa dabarree balbala magaalaa Dasee geenye. Galma magaalaa Daseerratti wanti addaa hin mul'atu.
Bakka gabaa magaalichaa tokkotti suuqiiwwan cufaa hin agarre, hunduu banaadha. Konkolaattonnis magaalicha dhiphisaniiru. Buufatni konkolaataas namaan guutameera.
Kanaan ala miidhaan waraanichaan mudate ifatti magaalitti keessa hin mul'atu. Boodarra akkan hubadhetti miidhaan lolichaa gamoo keessa, sammuu namaafi qaama namaarra godaannisa ta'e hafeera.
Hoteelli Goldangeet keessatti qubanne saamichiifi badiinsi irratti dhaqqabuus amma suphamee tajaajila kennuu eegaleera. Kutaawwan hoteelichaa hunda keessa televijinii tokkoyyuu arguun dhabe. Keessummeessitootan gaafadhe.
''Hidhattoonni TPLF hunda saamani,'' naan jedhan. Keenyaan hoteelichaa kanuma mirkaneessa. Tajaajila hanqate yoo gaafannu "Juntaan barbadesseera,'' jechuun deebii kennu.
Dasee halkaniin
Magaalaan Dasee guyyaa ho'iitudha. Halkan garuu daftee rafti. Sa'aatii sadii irratti tajaajiloonni hedduu ni cufamu. Daandiin guddaas qullaa ta'a.
Sochiin namootaafi konkolaattotaa jiraatuus xiqqaadha. Humnoonni nageenyaa darbanii darbanii gareen yeroo sosso'an ni mul'atu. Magaalattiin nagaa kan qabdu fakkaatti.
Magaalattii keessa olii gadi deemnee yeroo waraabnu qaamni nu dhaabsise hin jiru.
Imala gara Waldiyaa
Waldiyaan gama Kaabaa Daseerraa 120km fagaattee argamti. Magaalonni giddugaleessaa Hayiq, Wucaaleefi Marsaa jedhaman magaalota lamaan gidduu argamu.
Gidduu magaalaa Hayiq irratti badii waraanichaa sirriitti mul'ata. Madfiin konkolaataa dheeraarratti fe'ame rukutamee mul'ata. Konkolaataan waraanaa dhangala'aa baatus (bishaan/boba'aa) ni mul'ata.
Akkuma magaalichaa baaneen taankiifi oraaliin rukutamanii dhaabataniiru. Duubarraan qonnaan bultoonni qonnatti jiru.
Qarqa Wucaalee baanee gara Urgeessaa fi Marsaa qajeelle. Konkolaattonni badiin irra gahe Urgeessaattis asiis achis mul'atu.
Magaalota xixiqqoo Aanaa Habruu jala jiran keessaa Libsoon tokkodha. Inumaa magaalota hanga ammaa agarre keessaa miidhaan waraanichaa bal'inaan keessatti kan mula'tu magaalittiitti kana ta'u danda'a.
Humnoonni TPLF Kaaba Shawaatti mo'amanii gaafa deebi'an hawaasi naannichaa dhokatee dhukaasa itti bane. Konkolaattonni fe'isaa qabatanii turan ibiddaan gubatani. Ibiddichi garuu suuqiiwwan qarqara jiranitti goree ibiddaan hubamani.
Jiraataan naannichaa dubbisne badii kanaan namoonni kudhanii ol akka du'an nutti hime. Ajjeechaan kuni ibiddaan ala haleellaa hidhattootaanis ta'uu hime.
Waldiyaa
Waldiyaan aanaalee Kaaba Walloo 10 oliif wiirtuudha. Magaalittiin haala garaagaraan fayidaa tarsiimawaa qabdi.
Buufata doonii Jibuutiif magaalota dhiyoodha jedhaman keessaa bira qabaan ishee dhiyoodha. Sababa kanaanis omishaaleen biyya alaa hedduun balbala kanaan biyya galu.
Kaabaan Tigraayiin, Bahaan Affaariin, Kibbaan Daseefi Finfinneen, akkasumas Lixaan Baahirdaaarifi Goondariin daangeffamtee argamti. Ganna darbe magaalaa godinaa naannoo Amaaraa jalqaba harka humnoota TPLF'tti kuftedha. Hoteela keessa akkuman miyakoo kaawwadheen gadi baheen magaalittii hanga ta'e keessa deemee ilaale.
Waldiyaan ani beeku guutummaatti jijjiiramteetti. Daandiifi adda-babayiin Piyaassaa jedhamu bifa dhabeera.
Konkolaattotni asiif achi jechuu isaaniin alatti dirree kubbaa miilaa fakkaata. Awwaara ka'u xiqqeessuuf bootteedhaan bishaan itti firfirfama. Ta'us gamoowwan daandii cinaa jiran awwaara akkuma uffatanitti jiru.
Ijaarsi daandii kanaa waraanichi eegaluun dura jalqabee ture sababa waraanaan erga dhaabbatee magaalittiin harka mootummaatti erga deebitee ji'oota boodas deebi'ee eegaluu isaa wanni akeeku hin jiru.
Waldiyaan amma akkuma Dasee jireenya idileetti deebi'uuf tattaafachaa jirti. Tajaajilli geejibaa itti fufee, kaaffeewwan teessuma isaanii gad baasanii uummata keessummeessu.
Waldiyaa ibsaan jira, yeroo nuti deemne garuu badee ture. Oduun Daseetti na darbe jedhee hoteelli ani keessa buufadhe jenereetara waan qabuuf ol deebi'uus bakka TV'n irra taa'u malee TV'n hin jiru.
Meeshaaleen hoteelaa hunduu saamamanii akka turaniifi kan amma tajaajila kennaa jiranis kanneen mana Kiristaanaa keessatti dhokfamanii turan ta'uu keessummeessaan hoteelichaa dursee natti himeera.
Imala Laalibalaa
Gara Laalibalaa kan imalle Sanbata waaree booda ture. Sanbatni guyyaa gabaati. Gabaan qarqara daandii qabatee galaa jira.
Daandiin ijaaramaa jiru galma magaalichaa malee ammallee magaalaa keessa hin qaqqabne
Laalibalaan harka humnoota TPLF erga baatee ji'ootni lama darbaniiru. Hanga ammaa tajaajilli bu'uraa akka bishaaniifi ibsaa tajaajila kennuu hin eegalle. Hoteelonni gurguddoon galgala sa'aa tokkoo hanga afuriitti jenereetara fayyadamanii tajaajila kennu.
Turtii keenya Waldiyaa gabaabsinee gara Laalibalaa kan imalle miira guyyaa Dilbataa jiru daawwachuuf ture. Milkoofneerra. Manneen amantaa fi sirnoonni gaggeeffaman hawwata turizimii magaalitti keessaa isaan ijoodha.
Dur turistootni biyya ormaa kan itti baayyatan batsakaanni Laalibalaa amma sababa dhibee Koronaa hin jiran. Jiraattotni magaalittii ''weerarichi nu madeessee waraanichi nu ajjeese'' jechuun sababa weerara Koronaafi waraanichi galii magaalittiifi jiraattotaa miidhuu dubbatu.
Jiraattotni nama haaraa wayita argan daawwachiisanii maallaqa argachuuf wal-saamu. Fannoo, meeshaalee aadaa biroo warri gurguran imaltootni akka irraa bitaniif jabeessanii kadhatu. Hunduu hamma danda'een keessummoota gargaaree waa argachuuf fiiga. Keessummaan eessaa haadhufuree?
Turizimii Laalibalaa irraa kallattiin kan buufatan hoteelotaafi daawwachiiftota. Hoteelonni qaaliin magaalittii dur keessummoota simatan hidhattoota TPLF'n saamamuu himatu.
Ji'aa lama erga magaalittiin harka mootummaatti deebitees bayyanachuu dadhabanii akkuma balbala isaanii cufatanitti jiru. Hoteelonni akka Roohaa, Maawunt Viiw Been Ababaa kanneen hireen kun isaan mudate keessaati. Keessummootaaf sirba ''alamiyyee sooraa'' shubbisiisan azamaariiwwan isaanii gaggeessanii erga cufamanii ji'ootni lakkaawamaniiru.
Gara gaarreen Abuna Yooseefifi Ashiteenitti gaangoliin keessummoota geessan amma keessummaan waan hinjirreef boqonnaarra argataniiru.
Jiraattotni magaalaa Laalibalaa turtii isaanii hidhattoota TPLF jalaa lamatti qoodanii kan ibsan yeroo ta'u, ji'oonni jalqabaa afraniin ''galata isaa'' jedhu.
Inni lammataa mootummaan torban tokkoof magaalittii erga bilisa baasee booda humnoonni TPLF deebi'anii yeroo qabatan haala tureen ammoo ''yeroo ulfaataa'' jedhuun. Humnoonni TPLF gara magaalittii yeroo seenanis ta'e magaalittii gadhiisanii yeroo bahan dhukaasa malee ta'uun isaa gaariidha jedhu.
Ji'oota jalqabaa afur miidhaan waan irra hin geenyeef miti kan galateeffatan. ''Obbolootni keenya dirqiin gudeedamaniiru, obbolootni keenya ajjeefamaniiru, qabeenyi keenya saamameera. Kan magaalaalee kaaniin walbira yeroo qabnu galata jenna'' jedhu namootni ani dubbise hedduun.
Humni mootummaa yeroo magaalittii to'atu, uummatni add-babayiitti bahee gammachuu ibsate, dargaggeessi ganda keessa naanna'anii humnoota mootummaaf nyaata walitti qaban. Haala kanan kan itti fufan garuu torban tokkoof qofa.
Torbee tokko booda hidhattootni TPLF deebi'anii yeroo qabatan garuu miidhaan ji'oota jalqabaa gahe caalu irra gahuu dubbatu jiraattotni.
Amma sochii idileettii deebi'uuf tattaafachaa kan jirtu Laalibalaa keessatti fedhiin uummataa Tuuristiin akka durii deebi'ee akka dhufu, ibsaa fi bishaan argachuudha.
Imala Daseerraa eegalle Laalibalaatti xumurree Finfinneetti osoo deebinuu Muluu Asfaawuuf bilbileen ishee gaafadhe. Amma haala tasgabbaa'aa keessa akka jirtu, bakka jireenyaa ishee Hayiqitti deebitee hojii eegaluu ishee natti himte.
Daseetii kan baate tasa waan ta'eef imalaaf kan ta'u nyaataas ta'e huccuu osoo hin qabatiini. Finfinnee yeroo turte huccuu jijjiirrattu kan kenniteef obboleettii ishee ta'uu Muluun natti himteetti. Mana isheetti kan deebites sanuma qabatteeti.
Mana ishee yeroo geessu qabeenyi ishee hunduu hin jiru. Ta'uus carraa hospitaalatti dahuu fi lubbuun ishee du'a ooluu jiraachuu isaatiin akka carroomtetti lakkoofti. Amma daa'mni ishee ji'a shanaffaa qabatteetti. Maqaa ishees 'Abilaakaat' jetteetti hiikni isaas ''akka oolluuf kan Waaqni abbaa erge'' jechuudha.