'Aartiidhaan wanta sabakoo madaalu hojjechuun barbaada' - Artiist Hawwii Kabaa

Hawwii Kabaa jedhamti. Artistii ol adeemtuu fakkiiwwan gosa gara garaatiin beekamtii horataa jirtudha. Muka gubuun kan hojjetamu dabalatee akaakuuwwan fakkii kaasuu gosoota sadii hojjetti.

Hojiileen aartii hojjettee karaa toora miidiyaa hawaasumma, keessumaa fuula Feesbuukiishee irratti maxxansituun miidiyaalee biyya keessaafi kan alaa hawwachuun beekkamtiishee haalaan dabalaaf jiru.

Magaalaa Naqamteetti dhalattee kan guddatte shamarree Hawwii Kabaa, Yunivarsiitii Amboorraa bara 2011 mummee barnootaa Saayinsii Kompiitaraan digirii jalqabaan eebbifamte.

Hojii aartii kirrii/ribuu fayyadamuun hojjettus wayituma yunivarsiitichatti barumsarra jirtu akka eegalte himti.

"Aartii ergan eegalee xiqqoo tureera. Haata'u malee, yeroon mooraa Yunivarsiitii Amboo turen ballisee hojjechuu eegale. Wantootuma xixiqqoo hojjechuudhaan ture kanan eegale," jetti Hawwiin.

'Aartii gosa sadii'

Yeroo ammaatti magaalaa Finfinneetti dhaabbata dhuunfaa keessa idileen qacaramtee hojjechaa akka jirtu kan himtu Hawwiin, hojiilee aartiishee baay'inaan galgala akka hojjettu himti.

"Hojii lama hojjechuun ni ulfaata. Garuu guyyaa guyyaa hojii idileerra oolee galgalammoo aartii kana waan jaaladhuuf natti toleen hojjedha. Dadhabbiin jaalala ani aartiif qabu hin moone," jechuunis himti.

Yeroo ammaattis gosoota hojiilee aartii sadii hojjechuun gabaaf dhiyeessiti.

"'Wood burning art' maashina fayyadamuun kanin hojjedhudha. Muka gubuudhaani kan hojjetamu," jetti.

Gosti artii inni lammaffaa 'string art' jedhamuun kan beekamu yemmuu ta'u, mismaara boca fakkii hojjechuu barbaadamuun rukkutuun kirrii/ribuu irratti diruun kan hojjetamudha.

Inni sadaffaan 'scotch tape art' kan jedhamu yemmuu ta'u aartii pilaastara fayyadamuun fakkii namaafii wantoota biroo hojjechuuti.

Suubii Art…

Shamarree Hawwii Kabaa hojiilee aartii hojjette fuula Feesbuukiishee 'Suubii Art' jedhamufii hordoftoota kuma sadi ol qabu irratti maxxansiti.

Kana erga eegaltee naannoo waggaa lamaaf walakkaa ta'uufii kunis gabaa hawwataafii akka jiru himti.

"Suuraawwan hojjedhu achumarratti beeksisuuni kanin eegale. Yeroo ammaa isa duriirraa fudhatama qabaachaa jira," jetti shamarree Hawwii.

Galma…

Gosa aartii 'wood burning art' jedhamuun beekamtii horachaa akka jirtu kan himtu artiist Hawwii Kabaa, artichi Itoophiyaa keessatti hagas mara beekamaa akka hintaane himti.

Hojii kana wayita hojjettuttis darbee darbee harkishee maashinii ittiin hojjettuun akka gubatu himti.

"Gaafa ho'u harka namaa guba. Garuummoo xiqqooshee na gubus, xiqqooshee harkakoo miidhuu barbaadus, gatiin jaaladhee hojjedhuuf gubaatiin sun badaa natti hin dhagahamu," jetti.

Kanaafis hojiishee kana sadarkaa guddaarraan gahuuf kaayyoo akka qabdu himti.

"Sadarkaan ani aartii kana geessisuu barbaadu, yoo Waaqayyoo na gargaare wanta nu madaalu, wanta sabakoo madaaludha jedhee yaadu ittiin hojjechuu nan barbaada. Kallattiima hundasaatiniyyuu jechuudha," jetti.

"Gara yeroo guutuutti deebisee, gaalarii [kuusaa] mataakoo qabaadhee, waan gaarii tokko hojjechuuf nan yaada," jechuunis Hawwiin dubbatti.