Faawundeeshinii Aartist Lammaa Guyyaa: 'Maatii hundi fakkii gogaarratti kaasu beekna' - Salaamaawwit Lammaa

Fakkii gogaa re'eerratti kaasaniin addatti beekamtii gudda kan horatan Artist Lammaa Guyyaa Gammadaa Onkololeessaa 2020 keessa ture du'aan kan addunyaa kanarraa boqatan.

Aartist Lammaan osoo lubbuun jiranu BBC wayita dubbisee ''fakkii yoon kaasu sa'aatii 24 otoon hojjadhee hirribni nan qabu'' jedhanii ture.

Artist Lammaa kan fakkiin waa hunda tureef, hojiin isaanii dhalootatti akka darbu dhama'aniiru.

Ijoolleen isaanii hojiisaanii itti fufsiisuuf jecha Faawundeeshiinii hundeessaniiru.

Aadde Salaamaawwit Faawundeeshiniin maqaa abbaa isaanitiin hundeeffame kuni maalirratti akka xiyyeefatu BBC'tti himaniiru.

Aadde Salaamawwit, ijoollee Aartist Lammaan horatan shanan keessa quxisuufi Mana Barumsa oolmaa daa'immani maqaa abbaa isheen moggaafame keessatti barsiisu.

Faawundeeshinii Lammaa Guyyaa

Maqaa Aartist Lammaa Guyyaatiin Faawundeshiniin hundeessuun kan barbaachise, ''ogummaa isaarraa dhaalle itti fusiisuuf'' jedhu intalli isaanii Aadde Salaamaawwit.

Fawundeeshiin Lammaa Guyyaa kunis baatii Fulbaanaa keessa eebbifame hojii eegale.

Aadde Salaamaawwit akka himanitti, dhaabbatichi aartiifi aadaa beeksisuu, ijoollee warrisaanii irraa du'an barsiisuu, giddugala aartii bakka garaa garaatti hundeessu, leenjii aartiirratti kennuu, manneen barnoota deeggaruurratti hojjata.

Akka isaan jedhanitti, barana ijoollee 10 gargaaranii barsiisuun hojii eegalaniiru.

Gara fuulduratti haadholii gargaarsa hin qabneef leenjii ogummaa harkaa kan ittiin galii argachuu danda'an leenjisuuf karoora qabaachu Aadde Salaamaawwit himaniiru.

Faawundeshinichi waajjira Bishooftuudhaa kan qabu yoo ta'u, kan lammaffaa Finfinneetti banuuf adeemsarra jiru.

Mana Barnootaa Aartist Lammaa Guyyaa

Manni Barnootaa maqaa Aartisti Lammaa Guyyaatiin hundeeffame ijoollee oolmaa daa'immanii barsiisaa jira.

Salaamaawwit oolmaa daa'immanii kana keessatti kanneen barsiisan keessaa tokkodha.

Mana barnootaa kana keessatti ilmisaanii Daawwit Lammaa iddoo agarsiisa fakkii (Art Gallery) banuudhaan barattoota iddoo itti fakkii kaasu barsiisu qabaachu Aadde Salaamaawwit himaniiru.

Namoonni ogummaa fakkii kaasu kana baraa jiran kanneen umurii garagaraa irra jiranidha; ijoolleedhaa hanga maanguddooti jedhan Aadde Salaamaawwit.

Amma yoonatti barattoota dhibbaan lakkaa'aman eebbisise jedhan.

Ilmi isaanii kan biraas oggummaa hojii aartiidhaan hidhata qabu; waraabbii vidiyoorratti bobba'eera.

''Abbaabbaan barsiisaa gaarii ture''

Aadde Salaamaawwiit akka jedhanitti, ijoollee Aartisti Lammaan horatan hunda dabalatee ijoolleen akaakayyu isaanii hundi [saddeet] otoo hin hafiin ogummaa aartii fakkii gogaarratti kaasuu ni beeku.

Ijoolleen akaakayyuu Aartist Lammaa Ameerikaa jiraatanis oggummaa fakkii kaasuu kana ni beeku jetti Salaamaawwit. Ogummichas kan baratan isaanuma Aartist Lammaa Guyyaa irraa ta'u dubbatu.

Aartist Lammaan wayita lubbuun turan ogummaa fakkii kaasuu ijoolleesaanii barsiisuuf tooftaa akkamiitti akka gargaaraman akkanaan himu.

''Ijoollee wayita turre burtukaana fa'aa minjaalarra kaa'ee suura akka kaafnu sadarkaa maatiitti wal nu dorgomsiisa ture. Nama fuduraa sana bareeche fakkii kaasetu burtukaana sana nyaata ture,'' jedhan.

Dorgommii sanas hundi keenyaa yeroo gargaa garaatti injifachuuf carraa arganneera jedhan.

''Abbaabbaan barsiisaa gaarii ture, akka barannuuf nu jajjabeessa tures,'' jedhan.

Aadde Salaamaawwit Aartist Lammaan naannoo otoo addaan hin qoodiin ijoollee ollaafi hawaasa barsiisaa turuu dubbatu.

Kana malees, lammiileen biyyoota Afrikaa Kibbaafi Naayijeeriyaa irraa dhufan leenji'anii gara biyya isaanitti deebi'an, ogummaa leenji'aniin beekamoo ta'an jiraachu himan.

Faawundeeshinichi yeroo cimaa adeeme artistoota Looret Aartist Lammaan leenjisan kunneen gara Itoophiyaatti deebi'anii muuxannoo isaanii akka qoodaniif ni mijeessina jedhan.

Hojii fakkii isaan gogaarratti kaasan kanarraa ka'uun moggaasa 'Lemmism' jedhu argate jedhan Aadde Salaamaawwit.

Fakkiiwwan Lammaa Guyyaa

Fakkiiwwan Aartisti Lammaa Guyyaa kaasan irra caalan isaanii aadaa sabaafi sablammoota Itoophiyaa addatti kan mul'isan, teessuma lafaafi fakkii namoota beekamoo fa'aa turan jette Salaamaawwit.

Artiist Lammaa Guyyaa fakkiiwwan hogganoota siyaasaa, artistotaa fi namoota bebbeekamoo adda addaa gogaa re'ee irratti kaasaniiru.

Gama biraan ammoo haalluu fayyadamuun waraqaa, sharaa fi boordii irratti fakkiiwwan: aadaa sabootaa fi sab-lammoota Itoophiyaa calaqqisiisan, jiruu fi jireenya isaanii ibsan akkasumas qabeenya uumamaa fi bineensota gara garaa kaasaniiru.

Keessumaa hojiilee aadaa fi jiruufi jireenya ummata Oromoo mul'isan hedduu kaasaniiru.

Isaan keessaa fakkiin 'Harmee Oromiyaa' jedhu isa tokko.

Artist Lammaa fakkii kaasuu kanneeniin badhaasota maallaqaafi meedaliyaa hedduus ittiin argataniiru.

Ameerikaa, Afrikaa Kibbaafi biyyoota biroottis hojiisaanii agarsiisuun dinqisifannaa arganiiru.

Yunivarsiitiin Jimmaas gumaacha isaanii bu'uura godhachuun badhaasa Doktora Kabajaa isaaniif kenneera.