Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fakkiiwwan Pikaasoo erga waggaa 20f keenyanirratti fannifamanii turanii booda dolaara miliyoona 110'tti gurguraman
Fakkiiwwan hojii ogummaa Paabiloo Pikaasoo 11 hoteela Laasveegaas tokko keessatti waggoota 20f keenyanirratti fannifamee ture dolaara miliyoona 110 baasuun gurgurame.
Hojiiwwan ogummaa kun qabeenyaa kampaanii MGM Riizort jedhamuu yoo ta'u, Hoteela Belaajiyoo jedhamu Restoraantii Pikaasoo jedhamu keessatti fannifamanii turan.
Kampaaniin fakkiiwwan Pikaasoo caal-baasii dolaara milyoona 110 baasuun gurgure kun maallaqa kanaan hojiiwwan ogummaa biroo akka bitu beeksiseera.
Kampaaniin kun fakkiiwwan Pikaasoo sagaliifi hojiiwwan seraamikaa lama caal-baasiif dhiyeessuun ture kan gurgure.
Fakkiiwwan kunneen hojii Artistii beekamaa lammii Ispeen ta'e bara 1973 du'ee yoo ta'an, waggoota 50 kan lakkoofsisanidha jedhameera.
Fakkiiwwan kana keessaa kan dolaara miliyoona 40 baasuun gurgurame tokko kan jaalallee Pikaasoo Merii Terreesaa Waalter jedhamtu koffiyyaa halluu diimaa gara burtukaanaatti dhiyaattu godhattee mul'attuudha.
Gatiin jalqaba fakkiin kun ni baasa jedhamee tilmaame dolaara miliyoona 20 hanga 30 ture.
Hojiin ogummaa barri irraa hin dabarre biroon 'man and child' moggaasa jedhu kan kennameef sharaa dibuun hojjetame yoo ta'u, dolaara miliyoona 24.4 baaseera.
Hojiin ogummaa dheerina meetira lama qabu kun Pikaasoon bara 1959 keessa yeroo qarree milkaa'inaarra jiru hojjetedha jedhameera.
Hojiin fakkii Pikaasoo dolaara miliyoona 16.6 baase kan biroon ammoo yeroo Paaris harka Naazii keessa turte kan kaasedha.
Abbaa qabeenyaa Hoteela Belaajiyoo kan ture dureessi Ameerikaa Istiiv Wiin ture hojiiwwan aartii Pikaasoo waggoota 20 dura kan walitti qabuu jalqabe.
Abbaan-qabeenyaa kun itti-gaafatamaa Rizoortii Wiin kan ture yoo ta'u, sababa himannaa miidhaa saal-qunnamtii irratti dhiyaateen hojii isaa gadhiiseera.
Artistii fakkii kaasuun beekamu Paabiloo Pikaasoo artistii guddicha jaarraa 20ffaa jedhamuun beekama. Umurii waggaa 92tti kan du'e Paabuloo Pikaasoo, bara hojii isaa keessatti tooftaawwan fakkii kaasuu hedduu hojiirra oolcheera.
Pikaasoon dhaloonni isaa Ispeen yaa ta'uyyu malee, bara jireenya isaa gara caalu kan dabarse Firaans keessatti ture.