Benishaangulitti haleellaa konkolaataa ummataarratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeefaman

Lixa Itoophiyaa naannoo Beneshaangul Gumuz keessatti haleellaa hidhattoonni konkolaataa ummataa irratti raawwataniin yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeefamuu aanga’aan naannichaa tokko BBCti hime.
Haleellaan kun raawwatamuu isaa kan beeku aanga’aan olaanaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate kun, Awutoobusii Matakkal irraa gara Gubaatti deemaa ture Roobii gaafa Bitootessa 02, 2022 haleellaan irratti raawwatamuu isaa BBC’f mirkaneesseera.
Hidhattoonni bakka Qonnaa Afrikaa jedhu tokko dhokatanii turan konkolaataa ummataa irratti haleellaa raawwataniin lubbuun namoota 20 olii badeera jedha.
BBCn waa’ee haleellaa kanaa ilaalchisee qama nageenyaa naannichaa irraa odeeffannoo ballinaan argachuuf irra deddeebiin yaalii taasisullee yeroodhaaf deebii hin arganne.
Aanga’aan olaanaa BBCtti dubbate kun garuu haleellaan kun kan raawwatame humnoota farreen nageenyaa Sudaan irraa lo’anii galanin ta’uu eeruun, hidhattoonni kunneen kanaan duras haleellaawwan wal fakkaatan namoota nagaa irratti raawwachaa akka turan hime.
Ji’oota muraasaan asitti naanichi mootummaa federaalaa waliin ta’uudhaan tarkaanfii tasgabbii uumuu taasiseen haleellaa hidhattoonni naannicha keessatti raawwatan to’achuun danda’amee akka ture kn himu aanga’aan kun, kan ammaa kun turtee yeroo murtaa’een boodadha jedha.
Namoota haleellaa kanaan miidhaan irra gahe ilaalchisuun miseensota kutaa hawaasaa gara garaa Matakkal irraa ka’anii gara Gubaa deemaa turan ta’uu isaanii malee waa’een eenyummaa isaanii ammatti ifatti waanti beekamu hin jiru akka namni kun jedhutti.
Haleellaa raawwatame hordofee, humni nageenyaa naannichaa warra haleellaa kana raawwatan to’achuudhaaf tarkaanfii fudhachaa jiraachuu aanga’aan kun BBCtti himan.
Naannoon Beneshaangul Gumuz gama Lixa Itoophiyaa Sudaan waliin itti wal daangessu yoo ta’u, dhiyeenya eebbifamuun humna ibsaa maddisiisuu kan eegale Hidhaan Guddichi Itoophiyaa naannicha keessatti argama.
Waggoota darban keessa gareen hidhattootaa naannicha keessa socho'an namoota nagaa irratti haleellaa irra deddeebiin raawwataniin namoota dhibbaan lakkaa'aman kan ajjeesan yoo ta'u, kumaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa akka buqqa'aniif sababa ta'aniiru.
Sababii haleellaa hidhattoonni kunneen raawwataniin waggoota lamaan darbaniin as kutaan naannichaa garri caalaan giddu-gala Iizii [Komaand Post} humnoota nageenyaa naannoo Beneshaangul Gumuziifi mootummaa federaalaatiin gaggeeffamu jala tureera.














