Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaafi Yukireen waliin mariyatanis waraanni akkuma itti fufetti jira
Mariin dhukaasa dhaabuurratti xiyyeeffatu Raashiyaafi Yukireen gidduutti Wiixata eegalamus waraanni garuu akkuma itti fufetti jira.
Magaalaa guddoo Yukireen ishee lammmaaffaa kan taate Karkivitti misaayiliin namoota nagaa hedduu ajjeese, sagaleen akeekkachisa haleellaa misaayilaa magaalaa guddoo Yukireen Kiyeev keessa irra-deebiin dhaga’amaa jira.
Pirezedantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskii, haleellaa boombii Karkiivirratti raawwatameen "yakka waraanaati’’ jedhan.
Magaalaa Kaaba biyyattiitti argamtu Chernihivi keessatti haleellaa boombii cimaan akka ture gabaasaaleen achi bahan ni akeeku.
Raashiyaan adda waraanaa hedduurraan Yukireen haleelaa jirti, garuu Yukiren ofirraa ittisaa waan jirtuuf saffisaan gara fuulduratti adeemuu hin dandeenye.
Magaalonni Yukireen sadan to’annoo Yukireen jalaa hin baane.
Waraaana dirreewwan waraanatti gaggeeffamu kana dhaabsisuuf tarkaanfiwwan qoqqobbii dinagdeefi dippiloomaasii ittifufeera.
Qoqqobbiin dinagdee Raashiyaarra buufame hordofee gatiin maallaqni biyyattii gadii kufuusaatiin, Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin lammileen biyyattii maallaqa isaanii akka biyyaa hin baafne dhorkaniiru.
Yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Biyyootarratti Barreessaa Olaanaan Dhaabbatichaa Aab Guureez diinummaan gidduusaanii saffisaan akka dhaabatu gaafatan.
Kaaba Yuukireen daangaa Beelaruusitti qondaaltonni Yuukireen fi Raashiyaa marii si’a jalqabaaf gaggeessan goolabaniiru.
Yaa’ichi jijjirama guddaa fida jedhamee hin eegamu, garuu qondaaltonni Yuukireen gareen lachuu marii marsaa lammaffaan otoo hin gaggeeffamiin gara magaalota isaaniitti deebi’aniiru.
Raashiyaan akka jettutti, gareen lachuu marii akka itti fufaniifi deebi’anii mariif ‘’guyyoota muraasa booda’’ akka walargan himan.
Gama biraatiin halkan walakkaa Pirezedantiin Yuukireen Zeleniskiin ibsa wayita kennaan, Karkivitti haleellaa ittifufeen namoota nagaarratti qiyyaafatamu ijaan argine jedhan.
Zeleniskiin biyyoonni Lixaa Yuukireen irratti balaliin xiyyaaraa guutummaatti akka dhaabatu itti yaadu qabu jedhan.
Ameerikaan dhorki akkasii kallattiin waraana Raashiyaa waliin jalqabuu akka hordofsiisu sodaa qabdu ibsitee turte.
Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaarratti qoodaman wayita rokkeettiin magaala Karkiivirra bu’u kan agarsiisan yoo ta’u, xiinxaltoonni dhimma ittisa waraanaa boombiin haleellaaf sanaaf oolfame magaalaatti iddoo qubsumni hawaasa guddaan jirutti boombii jumlaan miidhaa qaqqabsiisu(cluster munition)ta’uu himan.
Raashiyaan kanaan dura iddoowwan manneen jireenyaa argaman haleeluurratti qiyyaafachuu haaltee turte.
Suuraan haaraan saatalaayitiirra argame akka agarsiisutti, gareen konkolaattota waraanaa Raashiyaa karaa km 64 dheeratu Kaaba Kiyeev jiraachu mul’ise.
Taatullee, lolli qarqara magaalaa guddoo Yuukireenitti haaraa eegalame Wixata jiraattoota dawoo dhokannaatti dachaase.
Viidiyoon biraa miidiyaalee hawaasarratti qoodamaa jiru akka agarsiisutti, aaraa gubachuu giddugaleyyii gabaa Chernihivi agarsiisuu. Magaalittiin haleellaa Raashiyaatiin dhiibbaa jabduu jala jirti.
Barsiisaan magaalaa Chernihivi, Oskanaa Buryaak‘’haalli jiru fiilmii nama soodachiisu wayii fakkaata’’ jechuun BBCtti himte.
‘’Gaddineerra, homaa hubachuu dadhabneerra,’’jette. Karaa Kibba Yuukireen humnoonni Raashiyaa buufata doonii tarsimoo barbaadamtu Mariyupool, Kireemiyaatti dhiyaattu to’achuuf yaalaa jiru. Awurooppaatti iddoo maddii anniisaan niwukilaaraa guddichi argamu Zaporiziziyaan to’annoo Raashiyaa jala seenuu Yuukireen haaltetti.
Ministirri Dhimmaa biyya keessaa Yuukireen Deenis Monastiriskii haalli biyyattiin keessa jirtu’’hamaadha’’ jedhan.
‘’Guyyuma guyyaadhan diinni humna as ergaa jira. Garuu loltoonni keenya waan Kiyeev qaqqabu hunda dhabamsiisaa jiru,’’jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ittigaafatamtuun Mirga Namoomaa Misheel Baachaleet, haleellaa jalaa miquuf kechaa namoonni nagaan miliyoonaan lakkaa’aman dawoo dhokannaa lafa jala kan akka daandii baaburaa lafa jalaa keessatti walitti qabamuuf dirqaman.
Erga weerarri eegaleeraa kaasee waajjirri isaanii namoonni 102 du’uusaanii kan galmeesse yoo ta’u, daa’immaan torba kanneen du’an kana keessatti argamu, akksumallee namoonni 300 oli immoo haleellaa kanaan madaa’aniiru.
Lakkoofsi namoota miidhamanii kana caaluu akka danda’u Misheel Baachaleet himaniir.