Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaa Yuukireen: Yukireen loltoota Raashiyaa 5,000 ajjeesuun taankii 191 barbadeessuu himte
Ministirri Ittisaa Yuukireen waraana guyyoota afuriif loltoota Raashiyaa biyya isaanii weeraran irratti godhaniin loltoota Raashiyaa 5,000 ol ajjeesuu himan.
Ibsa fuula Feesbuukii isaanii irratti baasaniin qondaalonni Yuukireen tilmaamaan loltootni Raashiyaa 5,300 tahan ajjeefamaniiru.
Dabalataan lola kana irratti taankii waraanaa Raashiyaa 191 fi jeettii waraanaa 29 barbadeessuu ibse.
Waraana kana irratti helikoopteroota waraanaa 29 fi konkolaatotni waraanaa sibiila haguugaman 816 tahan human waraanaa Yuukireeniin manca'uu himan.
BBC'n addatti gabaasni kun dhugaa tahuu adda hin baasne. Garuu humni ittisaa UK Raashiyaan jalqabuma waraana kanaa irratti akka malee haleelamte jedhan.
Ibsi kun erga ministerri ittisaa Raashiyaa loltoota isaanii irra miidhaa guddaan gahuu gaafa Dilbataa himanii boodadha. Garuu qondaalotni kunneen miidhaa akkamii akka irra gahu hin ibsine.
Haatahu malee, taajjabdootni UN guyyaa waraanni kun jalqabe irra namootni nagaa 94 ajjeefamuu himan. Weerarri kun ''miidhaa namoomaa guddaa'' dhaqqabsiisa jedhee lakkoofsi namoota miidhamaniis kana caalaa dabalaa deema jedhe.
Kun Kanaan osoo jiruu marii nageenyaa Raashiyaa waliin eegaluuf jilli isaanii daangaa Yuukireenii fi Beelaarus dhaqqabuu qondaalonni Yuukireen himan.
Dhimmi ijoon marii isaaniis dhukaasa dhaabuun loltootni Raashiyaa daangaa Yuukireen keessaa akka bahan gochuu akka tahe himan.
Duraan mariin har'atti qabamee ture kun sababa hanqina meeshaalee fi rakkoo nageenyaan guyyaa biraatti darbeera jedhamee ture.
Pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin Dilbata kaleessaa ibsa kennaniin marii kana irraa bu'aa guddaa hin eegu jedhaniiru.
Garuu yooma waan xiqqoo tahes carraa kanatti fayyadamuun ni yaalla jedhan. Yoo kana goone namni kamiyyuu Yuukireen waraana dhaabuu didde jedhee nu hin qeequs jedhan.
Biyyootni Awurooppaa qoqqobbii cicimaa Raashiyaa irratti dabarsuun cinatti Yuukireeniis deeggarsa meeshaa waraanaa gochaa jiru.
Kun ammo Putin nukilara isaa akka dhukaasu taasisuu mala jedhamees sodaatama.
Sababa waraana Kanaan lammiileen Yuukireen 422,000 tahan biyya bahuun gara biyyoota ollaatti baqataniiru jedhe UNHCR.
Gara 100,000 kan tahan ammo achuma biyya keessatti qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.