Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weerara Yukireen: Barattoonni Afrikaa sababa bifa isaaniif daangaa Yukireen irratti rakkataa jiraachuu himatu
Magaalota Yukireen waraanni keessatti adeemaa jiru keessaa namoonni kumaatamaan lakkaa'aman gara biyyoota ollaatti baqataa jiru.
Sababa lakkoofsi namoota daran hedduu ta'eef gariin daangaa irratti danqamanii rakkoo gara garaaf saaxilamuu yoo himatan, barattoonni biyyoota Afrikaa ammoo sababa bifa isaaniin addatti baafamanii daangaa akka hin ceene dhorkamuu fi rakkoon gara garaa irra gahuu himatu.
Lammiin Moorokoo daangaa qaxxaamuruun gara Poolaand seenuuf yaalaa jiru, baaburaan sa'atii 25 imaluun bakka Liviiv jedhamu erga ga'anii booda rakkootti seenuu hime.
''Imala baay'ee dheeraa ture. Wayita liviiv geenyu hiriira konkolaataa kiiloomeetira 40 dheeratutu ture. Kanaaf hanga daangaatti kiiloomeetira 40 ol miilaan deemuuf dirqamne,'' jedha.
Barataan kun rakkoo keessa jiru itti fufuun wayita ibsu, ''As bakka daangaa wayita geenyu namoota kumaatamaan lakkaa'amantu jira. Namoonni guyyoota lamaaf nyaata hin nyaatiin jiru. Kanaafis namoonni of wallaalanii kufaa turan,'' jedhe.
Barataan Naayijeeriyaa daangaa qaxxaamuruun gara Haangarii seenuuf yaalii godhaa jiru ammoo, Afrikaanota beekaa duubatti dhiisaa jiru jedha.
''Ammallee yuukireen keessa magaalaa Choop jedhamtu kan daangaa Haangariirra jirtu keessan jira. Daangaa qaxxaamuruuf yaalaan jira garuu haalli as jiru akka malee badaadha. Hunduu lubbuu ofii baraaruuf jecha yaalii godhaa waan jiruuf wanti sirnaan raawwatamu tokkolee hin jiru. Jeequmsa cimaatu jira,'' jedhe.
''Kaleessa namni tokko miidhamee ture, rasaasaan dhawame haa ta'u elektiriikiin tuqame haata'u hin beeku, garuu ambulaansiin nama miidhame dhuftee fuutee turte. Mana baruumsaa tokko keessatti, halkan kan dabarsine.''
Akka barataan kun jedhutti barattoonni Naayijeeriyaa wayita magaalaa jiran irraa gara daangaa imaluuf baabura koruuf jedhan ni dhaabsifamu.
''Dubartootaafi daa'immanii fi lammilee Yuukireen qofa, kan baabura akka koran hayyamamuuf, Afrikaanota duubatti gatanii deemu.''
Bakka ture irraa daangaa ga'uuf imalli akkam akka ture wayita ibsu: ''Sa'aatii 72f imallee as geenye. Baaburri ittiin dhufne bakkaa bakkatti dhaabsifamee sakatta'amaa ture. Magalota keessa dabarre hunda keessatti sagalee xayyaara waraanaa akkasumas dhukaasa dhagahaa waan turreef sodaannee rafuullee hin dandeenye. Haalli jiru baay'ee ulfaataadha, namoota nagaallee adda hin baasan hunda irratti tarkaanfii fudhatu,'' jedhe.
Magaalaa Baha Yuukireen kan Raashiyaan irratti qiyyaafachuun haleelte, Kharkiv keessatti barnoota fayyaa(medicine) kan barattu barattuun yuuniversitii kan taate lammiin Naayijeeriyaa Ruqiyyaa jedhamtu sa'atii 11 lukaan deemtee daangaa Poolaand ga'uu himte.
"Yeroon as ga'u lammiileen guraachi daandiirra ciisanii jiru,'' jechuun BBCtti himte.
Daangaa qaxxaamuruuf dursi kan kennamuuf lammiilee Yuukireen ta'uu fi isheen akka eeguu qabdu loltoonni daangaa eegan itti himuu dubbatte.
Akka barattuun Naayijeeriyaa kun jettutti namoonni bifaan adii ta'an wayita akka darban iyyamamuuf kanneen bifaan gurraacha ta'an ammoo keessaa fooyamanii teellaatti hambifaman.
Isheen sa'aatii dheeraa booda daangaa qaxxaamuruun magaalaa Waarsoo seentee achirraan gara Naayijeeriyaa imaltus, hedduun danqamanii rakkoo keessa jiraachuu himte.
Yuuniversitii Kiyeevitti barnoota fayyaa (Medicine) kan barattu lammiin Somaaliyaa Asiyaa jedhamtu wayita daangaa Poolaand geessu rakkoo walfakkaataan ishee mudachuu dubbatte, tajaajila kan argatan lammiilee Yuukireen qofa ta'uun akka itti himame dubbatte.
Barattoonni lammiilee Afrikaa fi Eeshiyaa ta'an hundinuu rakkoo walfakkaataa keessa jiraachuu himte Aasiyaan.
Mootummaan Naayijeeriyaa lammileen isaafi kan biyyoota Afrikaa kaan adda baafamanii akka Yuukireenii hin baane dhorkamuu balaaleffatee jira.
lammileen Naayijeeriyaa irra hedduun barattoota ta'an 4000 yuukireen kessaa akka jiran kan himan pireezidantiin Naayijeeriyaa Mohaammaduu Buhaarii, namoonni waraana baqatan marti bifa isaaniin osoo gargar hin fo'amiin walqixa tajaajila argatuu qabu jedhan.
Amma dura lammileen Yuukireen 500,000 ta'an waraana Raashiyaan biyya isaaniirratti bante baqachuun gara biyyoota ollaa godaananii jiraachuu Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii himeera.