Muddama Yuukreen: Raashiyaan erga waraana addunyaa lammaffaatii as waraana guddaa eegaluuf jirti-Booriis Joonsan

Madda suuraa, PA Media
Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan, Raashiyaan ''Awurooppaa keessatti erga bara 1945 as waraana hamaafi guddicha'' eegaluuf akka jirtu ragaaleen tikaa fi odeeffannoo ni agarsiisu jedhan.
Karoorri Raashiyaan qabdu kun hagi tokko irraa eegaluusaa mallattooleen agarsiisan mul'achaa jiru jedhan.
Akkaataa ragaalee odeeffannoo tikaa fi nageenyaatti Raashiyaan magaalaa Yuukreen kan taate Kiyeevitti marsuun weeraruu hedaa jirti jedhan Booriis Joonsa.
"Balaan sababa kanaan dhala namaarra ga'uu danda'u akkaan hammaataa ta'uu namuu hubachuu qaba,'' jedhan.
Ministirri Muummee Booriis Joonsan yaada kana kan kennan magaalaa Muunik bakka dureewwan biyyoota addunyaa marii nageenyaa waggaaf itti walga'an irraati.
Loltoonni Raashiyaa 169,000 hanga 190,000 ta'an daangaa Yuukreen qubsiifamuu himti Ameerikaan.
Aab Booriis Joonsan qoqqobbii kanaan dura kaa'amuuf hedame caalaa hamaa kan ta'e Raashiyaarra akka kaa'an himan.
UK fi US walta'uun kubbaaniyyaawwan Raashiyaa ''Paawundii fi doolaaraan akka hin daldalle'' dhorkuu danda'u jedhan. Adeemsi kun ammoo miidhaa hammaataa qabaata jedhamee sodaatama.
Biyyoonni lixaa dhiyeenya kana akka waan Raashiyaan Yuukreen weeraraa jirtuutti fudhachuun sodaa qaban ibsaa jiru.
Raashiyaan garuu kana ni haalti, loltoonni ishee shaakallii waraanaaf malee biyya weeraruuf akka hin qubsiifamnes irra deddeebiin ibsaa jirti.
Waa'ee weerara Raashiyaan Yuukreen irratti gaggeessaa jirtuu kan gaafataman Aab Booriis Joonsan, ''ragaaleen jiran kanuma mul'isu. Irra dibuun hin barbaachisu. Karoorichi hojiitti seenuu mallattooleen mul'isan hedduutu jiru,'' jedhan.
Ministirri muummee Booriis Joonsan akka jedhanitti, Pireezidantiin US Joo Baayidan, Raashiyaan kan Yuukreen weeraruuf jirtu kallattii bahaan, karaa Donbas jedhamuun osoo hin taane, karaa Beelaaruus seentee magaalaa Kiyeev marsuuf ta'uushee ragaaleen tikaa fi odeeffannoo akka agarsiisan qondaaltota addunyaatti himaniiru jedhan.
"Karoorri Raashiyaan hojiitti hiikuu eegalaa jirtu kun waraana erga bara 1945 as dachee Awurooppaa keessatti mudate isa hammaataa fi guddaa akka ta'u nan sodaadha,'' jedhan ministirri muummee kun.














