Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aarsaa qaalii dubartiin lammii Eertiraa jaalalaaf kafalte, km 1000 ol sanduuqa keessatti
Dubartiin lammii Eertiraa fi Xaaliyaanii qabdu jaalallee ishee qondaala Biriitish hordofuuf jecha bara 1941 murtoo hatattamaa fudhatte. Murtoo sana fudhachuu isheetiin lubbuu ishee hanga dhabuutti dhiyaattee turte.
Maqaan ishee Maariyaa Manetti jedhamti. Bara 1923tti abbaa ishee lammii Xaaliyanii fi haadha lammummaa Eertiraa qabdurraa dhalatte.
Haatii Maariyaa Sillaas Gebretsihoon, mandara Eertiraa keessatti argamtu ‘Emni Tselim’ jedhamtu jiraatti turte.
Eertiraan bara 1890 Xaaliyaaniin koloneeffatamtee kan turte yoo ta’u, waggoota 60’n itti aanaan daa’imman kuma kudhanitti lakkaa’aman kanneen abbaan isaanii dhiiroota Xaaliyaanirraa dhalatanii fi ijoollee isaanii ta’uu otoo hin ibsiin hafan dhalatanii turan.
Turtii waggootaan lakkaa’amu booda seenaan addaa ‘Western Morning News’ irratti bahe.
Mata dureen seenessa kanaas ‘‘700 Miles in a Box’ kan jedhu yoo ta’u, ‘Maayila 700 sanduuqa keessa turuun’ akka jechuuti.
Seenessi sun waa’ee Maariyaa fi akkaataa isheen magaalaa guddoo Eertiraa Asmaraadhaa miliquun jaalallee ishee qondaala waraanaa Letenaala Biriitiish tokko hordofaa turte kan himu ture.
Seenaan jaalalleewwan lamaanii bara 1941 eegala. Yeroon sun wayita Maariyaan qondaala waraanaa sanaan wal barte yoo ta’u, magaalaan Finfinnee to’annoo humnoota waraanaa Biriitiish harka seenuun yeroo yartuu dura ture.
Maariyaan jaalallee ishee wajjiin guyyaa ayyaana bara haaraa bara 1941 wal argan. Yeroo sana umriin Maariyaa ganna 18 ture.
Gabaasaan gaazexaaf barreessu Mariyaa fi abbaa warraa ishee, kan maqaan isaa seenessa sana keessatti hin ibsamne hoteela Portiskaatoo, mandara qarqara qaama bishaanitti argamtu Roozilaand, Korniwolitti jalqaba ji’a Guraandhalaa bara 1946tti arge.
Yeroo sanatti Maariyaan dubartii ganna 24 yoo taatu, daa’ima ganna tokko fi ji’a saddeeti Deevid jedhamu qabdi turte.
Amajjii bara 1941tti Litenaal Jeneeraal Pilaat loltoota Sudaaniin dabalaamuudhaan gara Kereen, Lixa Eertiraa wayita gahutti biyyattiin muddama keessa turte.
Kereen to’atamtee ji’oota muraasaan booda Asmaraan humna waraanaa Biriitishiin to’atamte.
Yeroo sanatti hawaasni Xaaliyaanii Eertiraa keessatti jabaatee hundaa’un humnoota Biriitiish ajaa’ibsiise.
Magaalaan Asmaraa Afrikaa keessatti magaalaa miidhagduu Room xiqqoo ykn afaan Xaalayiinaan ‘la Piccola Roma’ hanga jedhamutti geesse turte.
Loltoonni Xaaliyaan hedduun isaanii hedduun ni baqatu ture. Gurmiin Xaaliyaanotaa Eertriraa keessatti qindaa’e ‘Askaris’ jedhamu diigamuu hordofee, diinagdeen Eertiraas saffisaan raafamee ture.
Waanti ajaa’ibsiisan ture tokko, yeroo sanatti Eertiraan to’annoo Biriitiish jala jiraattus waajjiraalee biyyattii keessa kan hojjatan warra Xaaliyaan turan.
Biriitiish biyyattii bulchuuf humna namaa gahaa ta’e achii hin qabdu turte.
Misheela Roong kitaaba barreessite keessatti haala ture sirnaan ibsiteetti. Isheen akka jettutti, loltoonni Biritiish biyyattii keessa turan humnoota Xaaliyanii injifachuu malee uummataa Eertiraa bilisoomsuuf biyyattii keessa hin turre jetti.
Maariyaan akkamiin miliqxe?
Wayita loltoonni Xaaliyaanii gara biyyasaanitti deebi’an ijoolleen isaan dubartoota Eertiraa irraa dhalchan bakkeetti hafan.
Ta’iin Maariyaan haala lubbuu ishee balaaf saaxilu mudatee tures dhimma kana waliin waqabata.
Jaalalleen Maariyaa yeroo sanatti baasaastummaarratti kan bobba’e yoo ta’u, yeroo dheeraaf magaalaa Asmaaraa keessa hin turre.
Ebla bara 1942tti jaallalleen Maariyaa gara Masriitti dabarfame. Haata’u malee, Maariyaa dhiisee deemuuf hin fedhu ture.
Taatullee akkatti fudhatee deemu hin beeku ture. Karaa seeraan fudhachuuf hin yaallee, sababni isaammoo Maariyaan lammummaa Xaaliyaan qabdi.
Lammileen Xaaliyaan immoo biyya isaaniif basaasu jedhamanii shakkamu.
Kanaafuu mala biraa karoorsuutu irra ture.
Akka seenessi waggoota muraasaan booda maxxanfame himutti, biyyattii keessaa wayita bahu maloota lama akka filannootti wal bira qabee ilaalaa ture.
Malli inni jalqabaa, Maariyaan akka dubartoota naannootti fuula isheetti huccuu haguuggattee gara Suudanitti akka qaxxaamurtu gochuudha.
Malli inni lammataa immoo, Maariyaan iccitiin akka isa waliin imaluu dandeessu haaala mijeessudha.
Xumura irratti garuu iccitiin akka isa waliin imaltu haala mijeessuu filate.
Maariyaa waliin erga mari'atee booda Asmaraa gara Sudaanitti, Sudaanirraa amma Masriitti baaburaafi konkolaaataan akka imaltu karoorsee ture.
Yeroo Eertiraa keessa bahu garuu sanduuqa guddaa tokko bitee, kutaa ciisichasaa keessa keewwate.
Namni mana tokko keessa isaa waliin jiraatu kan biraan waan tureef biyyattii keessaa bahuu guyyaa tokko dursee Maariyaa galchuutu irra ture. Kana jechuun Maariyaan halkan sana sanduuqa keessa turuun dirqama ture.
Sanduuqa keessa buufamanii imaluu
Guyyaa itti aanu saanduuqni Maariyaan keeessa jirtu baabura irratti fe’amee maayila 80 gara Agordat, Dhiha Eertiraatti kan geeffame yoo ta’u, imallii sun sa’aatii 24 fudhate.
Maariyaaan haala ture seenessuun wayita gabaasa gaazexaatti himtetti, 'haala ture sana tasumayyuu yaaadachuu hin barbaadu, sammuu koo keessaa akka guutummaatti haqamuun barbaada' jettetti.
Maariyaan yeroo imalaa sanatti qaamni ishee walitti kottonfachuu ykn butuutu irraan kan ka’e dararamuu dubbatte.
Onnee ishee dammaqsuuf jechaa lilmoo lamaan tafa isheerra erga waraanamtee booda akka carraa ta’ee lubbuun haftetti.
Sana booda Maariyaan Agordat irraa immoo maayila 90 daangaa Sudaanitti kan argamtu gara Kassalatti imalte.
Karaa imalaaf mijataa hin taaneerra guyyaa yeroo ho’aa imalaa turte.
Akka Maariyaan jettutti, imala gamsiisa fi ho’a obsa fixachiisaa hanga digirii seentigireedii 130 gahu ture.
Kaartumitti rakkoo ishee mudate
Saanduqichi erga Kaartum qaqqabee booda qondaaltichi waraanaa sun haalichi hamaa ta’uu hubachuun dhiphate.
Lubbuu Maariyaaf illee yaadda’e ture. Sana booda saanduqichi akka hin fe’amne barbaade.
Haata’u malee, akka akka hin fe’amne gochuuf eeyyama hin qabu.
Kanaafuu buufata keessatti rakkoo umuu isaatiin poolisiin waraanaa gara buufata poolisii isa geese.
Buufata poolisiitti qondaaltichi dhugaa jirtu ifatti isaanitti hime. Maariyaan ukkaamamuu irraan kan ka’e du’uufi jedhe.
Poolisiin lubbuu Maariyaa baraaruuf sanduuqichi saffisaan gara buufatatti akka deebifamu taasifame.
Yeroo tokko hojjattoonni sanduuqicha gataniillee turan.
Daqiiqaawwan 20tti dhiyaatuuf haala qaanessaa ta’e keessa turuu ishee himteetti. Yeroo baraaramtutti garmalee madooftee of wallaalte turte.
Sana booda ‘kutaa hospitaala tokko keessatti hakiimotaan marfameen of arge jette.
Akka seenessi kun himutti guyyoota sadiif sanduuqa keessa turte- maayila 700 (kiiloomeetira 1100 ol) ta’u saanduuqa keessa turuun imalte.
Mariyaan yeroo sana diinaaf baasasta jedhamtee shaakkamuun hidhaa buufamte. Guyyoota 24’f hidhamte.
Gama biraatiin jaalalleen ishee immoo torban jahaaf hidhame. Kunis ajaja waraaanaa fudhachuu diduu fi nama biraa simachuun mana murtii waraanaatti himatame.
Erga hidhaarraa gadhiifamee guyyoota afur booda Maariyaa fi jaalalleen ishee Adoolessa 12, 1942 bataskanaa Kaatolikiitti wal fuudhan.
‘’Otoon Asmaraa miliquu baadhee carraan abbaa warraa koo argachuu hin jiru ture,’’ jettte Maariyaan.
Sana booda maaltu ta’e?
Sana booda Maariyaa fi abbaan warraa ijoollee isaanii waliin jiruu gaarii gaggeeffataa turan.
Akka carraa ta’ee odeeffannoo bal’aan waa’ee jalaala isaaniirratti argamne.
Haatii Maariyaa dubartiin lammii Eertiraa intala isaanii Ingilaanditti dhaqanii ilaalu isaanii ragaan agarsiisu hin jiru.
Maariyaan jaalallee isheetti erga heerumtee booda maqaan ishee gara ‘Soulsby-Spooner’ jedhutti geeddaramu qorannoo barreessaan seenessa kana barreessee kan agarsiisu.
Maariyaan Adooleessa 30, 2021 du’aan addunyaa kanarraa boqotte, sirni awwaalcha ishees UK keessatti raawwatame.
Obboleessi ishee quxisuun hakiima ta’an Dr Kesari Manetti gara Eertiraatti af-gaaffii isaanii keessatti waa’ee obbolleettii isaa tasumaa haasa’anii hin beekan.
Hiriyoonni fi firoottan haadha ishee Addee Sillaas waa’ee Maariyaa kallaattiin haasa’uurra of qusatan. Taatullee Maariyaan jaalallee ishee hordofuuf jecha manaa bahuu amananiiru.
Odeeffannoo argaman akka agarsiisanitti Maariyaan takkaa Asmaraatti hin deebine, eenyummaa ishee isa dhugaa amma duutuutti dhoksaaa turte.
Maariyaan akka himtetti sanduuqni sun Ingilaandi iddoo hin beekamne tokko olkaa’ame.